Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Weellisaa kadhattummaa irraa ka'ee maqaa guddaa horate
Umriisaa ganna sagalitti ture Yu Hyuk jireenya kadhaatti seenuun hadhaa jireenyaa dhandhamuu kan eegale.
Guyyaa tokko meeshaa laaqanaa abbaan bira hin jirre tokko buufata lafa jalaa keessaa butee fudhate. Keessa mi'a sanaa ruuzii affeelametu ture. eegasii akka tasaa abbaan mi'a laaqana sanaa dhufee qabee reebe.
Hyuk akka jedhutti, hatuun akka cubbuu ta'e nibeeka. garuu beelli isa ajjeesuu gaheera. Gochoonni sirnaa akkanaa kuni lammiilee hedduu biyya Kooriyaa kibbaatif 'qaamuma jireenya guyyuuti'.
Inni jireenyasaa guyyaadhaa guyyaa itti fufsiisuurratti xiyyeefata malee abjuusaa fuulduraa yaaduuf haala mijataa hin qabu.
Hyuk alatti Kim Se'okis gama kaabaa irraa dhufe.
"Jalqabarra yeroon dhufe sababa Kooriyaan kaabaa Jaappaan waliin hariiroo gaarii hin qabneef baayyee miira sodaan qaba ture. warri kooriyaa kaabaa Nama sodaachisu jedhee yaadaan ture. garuu kanin arge faallaadha" jedha garee Aito jedhamuu fi nama afur qabu keessaa isa xiqqaan.
Gareen kuni bara kana gara boodaarra gara Ameerikaatti cehuuf yaada qabu.
Kaaba keessatti K-pop
Hayuk fi se'ok lamaan isaaniyyuu Kooriyaa kaabaatii ta'anilleen duddubni isaanii garaagara. Se'ok maatiin isaa Kooriyaa kaabaa naannoo Daangaa Chaayinaarraa waan dhufeef K-pop fi K-drama baruuf carraa qaba ture.
Hyukf garuu muuziqaan akka waan fandalaalaati. Inni K-pop kan dhagahe yeroo Kaaba ture isumayyuu xiqquma xiqqoo. Garuu muuziqaa warra kooriyaa kibbaa dhageefachuun adabbii cimaa akka hordofsiisu sirritti beeka.
"Ani qabatamaadhaan nama K-pop dhageefatee adabame kanin beeku hin qabu. garuu sababa fiilmii warra kooriyaa kibbaa ilaalaniif qe'ee isaaniirraa ari'aman nan beeka" jedha.
Bulchaan Kooriyaa kaabaa Kiim Jong Un babal'ina aadaa K- Culture jedhamu kanaa irratti ejjennoo cimaa qabu. bara 2020 qabiyyeewwan waan akkanaa qaban dhageefachuus ta'e rabsuun yakka adabbii du'aa hordofsiisu akka ta'es murtaa'e.
Viidiyoon BBC qaqqabee fi bara 2022 akka waraabame yaadamu daa'imman lama sababa K-drama laalaniif waggoota 12f hojii humnaa cimaa akka hojjetan murtiin darbuu agarsiisa.
Hyuk jalqaba K-pop kan walbare erga gara Kooriyaa kibbaa dhufeen booda. Jireenyi warra K-pop Beekamanii hamma inni tilmaamuun ol ture. jireenya Kooriyaa kibbaatti baruunuu qorumsa itti ta'ees ture.
Inni harmee isaa waliinuu kan jiraate waggoota muraasaaf qofa. Sababni ammoo waldhibdee gidduu isaaniitti irra deddeebiin uumamuuni. Hanga har'aattuu hariiroon isaanii bareedaa miti. Hanga namoota biroo waliin doormii jiraachuu jalqabuttis jireenyasaa ofumaan ofbulchaa ture.
"Qofaa warraa qofaa jiraatuu' jechuunis ofwaama ture. sirba isaa jalqabaa 'ordinary Person' jedhu irrattis waa'ee jireenya qofummaasaa kaaseera.
Hyuk barnoota sadarkaa jalqabaa osoo hin xumurre waan tureef Kooriyaa Kibbaatti sirna barnootaa dorgommii cimaa gaafatutti baruunuu qorumsa itti ta'ees ture. qorumsa kana keessa ta'ee jireenyasaa Kooriyaa Kaabaa ture irratti walaloo barreessuu jalqabe.
"Waanin keessa dhufe ifatti namatti hin dubbadhun ture. garuu karaa iccitii ta'een waraabee kaa'uu nan barbaada ture" jedha.
Jalqabaarratti seenaansaa kuni namoota birootiiin nihubatama jedhee waan hin yaanneef ofuma biratti hambisuuf yaadee ture. garuu erga Barnoota sadarkaa lammaffaa seenee fi kilaba muuziqaatti makamee hiriyoonnii fi barsiisonnisaa akka namootaaf qoodu jajjabeessuutti turan.
"isaan akki naan jedhan namootni garraamummaan seenaa fi gadda kee ati keessa dhufte kana waliin hidhata qaban jiraachuu malu" kan jedhudha jedha.
Erga umriinsaa ganna 17 gahee sa'aatii barnootaatiin alatti warshaa fi manneen nyaataa keessa hojjechuun ofgargaaruu jalqabe. Yeroo baayyee dhiphaa ta'e qabaatulleen waa'eesaa moobaayila isaarratti katabuu hin dhiisne. Waa'ee jireenya hamaa keessa dhufee fi jaalala abbaa isaatiif qabuu barreessa.
Bara 2018 sagantaa TV tokko irratti affeeramee dhihaate. Seenduubeen addaa inni qabuu fi dandeettiinsaa qalbii hoji gaggeessaa 'Singing Beetle', Cho Michele keessa seene.
"Waggootaf ani Michele amanaa hin turre. Waan nagoyyomsu natti fakkaachaa ture" jedha Hyuk. Hoji gaggeessaan kuni garuu garraamummaadhaan maallaqaa fi yeroo guddaa isaanitti baasaa akka jiru kan hubate boodarra.
Hyuk fi Se'ok sirbaa fi shubbisa bu'uurarraa tokko jedhanii barachuu eegalan.
Isaan lamaan shubbisaa fi muuziqaa boodarra shaakalaa haa dhufan malee hiriyoonni isaanii lamaan A'ito fi Kenny garuu umrii isaanii ijoollummaa irraa muuziqaa fi daansii waliin hariiroo gaarii qabu.
Hyuk fa'atti kan cime leenjiin muuziqaa K-pop kuni sagantaan isaa kan heddummatuu fi leenjistoonnis garmalee seera kabachiisuu warra barbaadan ta'uusaaniiti.
Ms Cho fi leenjistoonni kaan leenjitoota akka ijoollee kana lamaanii arganii akka hin beekne himu. 'Homaa waa'ee aadaa K-culture jedhamu kanaa ijoosaa hin qabani' jedhuuni.
Garuu shubbisa sochii qaamaa irratti jabina akka qaban hima Cho. Kaampaaniin kuni leenjitootaaf leenjiiwwan afaanii fi kominikeeshiniis nikenna.
"Yaada isaanii ibsachuu dadhabu kan jedhu gaaffii keessa kan galu miti garuu jalqaba yeroo dhufan yoo waa gaafatte 'Sababa ati yeroo darbe akkas jetteefi' jedhanii deebisu ture.
"Amma Hyuk faa waggaa sadiin booda jijjiirama guddaa fidaniiru. Amma osoo waan tokko godhi jetteenii maalifan godha? Maalif baarbaachise? Kan jedhu sigaafata" jedha Cho.
Kooriyaa Kibbaa keessa warri akka Hyuk faa Kooriyaa kaabaa irraa dhufan lakkoofsan 30,000 caalu.
Garaagarummaa dhiphisuu
Hyuk warri biyyasaa Kooriyaa kaabaa jiran muuziqaasaa yeroo dhagahan maaltu akka isaanitti dhagahamuu danda'u nibeeka.
Inni akka muuziqeessaa Kooriyaa Kaabaa ta'etti of ibsuu hi barbaadu. Yeroo gaaffif deebiii godhulleen ani 'gara olii irraan dhufe' jedha malee Kooriyaa kaabaa irraayi jedhee hin dubbatu.
"Dhugaa dubbachuuf ani akka leenji'aa K-pop ta'etti of ibsuu barbaada. Garuu Kooriyaa kaabaa irraa ta'uukoo ibsuu hin fedhu" jedha.
Ta'ulleen akka nama Kooriyaa Kaabaa irraa baqatee Kooriyaa kibbaa jiru tokkootti warra akka isaa amma Kooriyaa Kibbaa jiraniif ittigaafatamummaa isa bahu barbaada.keessummaa dargaggoonni sababa Kanaan dhufan heddummaachaa waan dhufaniif.
Aakka inni jedhutti karaan biraa walitti makamuu dandeenyu akka jiru agarsiisuu barbaada.
"Yoon ani K-pop Kanaan milkaa'e warri akka kiyyas ana ilaalanii jajjabaachuu danda'u kanaafani yeroo hunda hamma danda'u hunda kanin dhama'u" jedha.