Kooriyaan Kaabaa misaa'ela haaraa saffisa guddaan imalu dhukaaste

Kooriyaan Kaabaa misaa'ela haaraa saffisa guddaan imalu dhukaasuu beeksifte. Misaa'elli kun kan fageenya giddu-galeessaa yoo ta'u, hayipparsoonikii ykn saffisa sagalee dachaa hedduun kan caaludha.

Piyoongyaang misaa'elicha erga dhukaastee booda, "morkattoota koo naannoo Paasifikii jiran dhaabuu kan danda'uudha" jette.

Kooriyaan Kaabaa ji'a lama duras misaa'ela dhukaastee turte; amma immoo misaa'ela haaraa jette kan dhukaaste ministiirri dhimma alaa US Antoonii Biliinkan daawwannaaf Kooriyaa Kibbaa yeroo jiranitti.

Misaa'elli hayipparsoonikii yeroo heddu rukutanii kuffisuuf baay'ee raakkisaadha; sababni ammoo saffisa sagalee dachaa shanii oliin kan imaluudha.

Kooriyaan Kaabaa garuu misaa'elli hayipparsoonikii isheen dhukaaste saffisa sagalee dachaa 12 oliin 1,500km kan imaluudha jette.

Humni Waraanaa Kooriyaa Kibbaa garuu misaa'elichi 1,100km erga imalee booda galaana keessatti kufuu beeksisuun "kuni dubbii barbaacha" jechuun gochaa Kooriyaa Kaabaa balaaleffate.

Kooriyaan Kaabaa kanaan duras misaa'ela hayipparsoonikii dhukaastee turte. Kaleessas, Wiixata, misaa'ela hayipparsoonikii fageenya giddu galeessaa dhukaasuu beeksifte.

Gaggeessan biyyattii Kim Jong Uun misaa'ela guyyaa kaleessaa dhuka'e ilaalchisuun haasaa taasiseen, "kuni kanneen nuun morkatan maal gochuu akka dandeenyu ifatti kan agarsiisudha, mala barbaachisu hunda fayyadamuun fedhii keenya kabachiisufis qophiidha" jechuuu miidiyaan biyyattii KCNAn gabaase.

Ministiirri dhimma alaa US Antoonii Biliinkan kaleessa, Amajjiii 5 Kooriyaa Kibbaa imaluun pirezidaantii yeroo wajjin wal-arguun mariyataniiru.

Walitti dhufeenyi Washingtonifi See'ul gidduu jiru "nageenyafi tasgabbii Kooriyaaf bu'uura hin sochoonedha" jedhan.

Antoonii Biliinkan gara Kooriyaa Kibbaa deemun ammoo Piyoongyaang hin gammachiifne.

Kooriyaan Kibbaa gamasheen sochii Piyoongyaang omisha misaa'eelaa irratti taasiftu yeroo kamuu caala akka hordofaa jirtuufi USfi Jaappaan waliin odeeffannoo wal-jijjiirtu beeksifte.

Kooriyaan Kaabaa misaa'ela kana kan dhukaaste yeroo Kooriyaa Kibbaatti raafamni siyaasaa dhalatettiidha.

Pirezidaantin biyyattii labsii yeroo muddamaa seeran ala labsan jedhamuun aangorraa akka kaafamaniif torbanootaf See'ul keessatti mormiin gaggeeffamaa ture.

Kooriyaan Kaabas rakkoo siyaasaa Kooriyaa Kibbaa jiru akka carraatti fayyadamuun misaa'ela haaraa jette dhukaaste.

Kooriyaan Kaabaa addunyaarratti biyya abbaa irruummaan beekamtu yoo taatu, Kim Joong Uun fi maatinsaa jaarraa walakkaa oliif bulchaniiru.

Biyyattiin filannoon Ameerikaa gaggeeffamee guyyootan booda misaa'ela fageenya gabaabaa imalan shan dhukaasunshee ni yaadatama.

Guyootan dura ammoo US xayyaarota waraanaa fageenya dheeraa imalan garasitti erguun Kooriyaa Kibbaafi Jaappan waliin wal-ta'uun shaakala waraanaa gaggeessun isaanii ni yaadatama.

Obboleettin Kim Joong Un Kim Yo Jong tarkaanfii US kana balaaleffachuun dheekkamtee turte.