Dogoggoroota qubee fi jechootaa hanga ammaa Kitaaba Qulqulluu afaan Ingiliziirratti mudatan

Madda suuraa, Getty Images
Tiitiivilas afoola Awurooppaa bara giddugaleessaa keessatti hafuura hamaa beekamudha. Daabiloos jechuu ni dandeenya.
Hojiin hafuura hamaa kanaa ta'e jedhee dogoggora funaanuu akka ta'e amanama. Keessattuu dogoggoroota Kitaabota Qulqulluu, kadhannaawwanii fi haasawa monoksootaarraa argate ni galmeessa.
Booda guyyaan murtii gaafa dhufu nama sana cubbuudhaan itti murteessisuuf akka ragaatti itti fayyadama jedhamee himama.
Akka hawaasa biyya keenyatti '`Seexanatu na dogoggorsiise' kan jedhanii badii ofii dheessan fakkaatan wayiiti.
Hafuura hamaa kana [Daabiloos] monoskeen tokko argee eenyummaa isaa yooo gaafatu "Daabiloos isa miskiina maqaan koos Tiitiivilas jedhama" jedhee deebisuufii afoola keessatti himama.
Hafuurri hamaan badiiwwan kumaatama funaanee qalqalloon kaawu kun dogoggora dubbii afaaniitii hanga barreeffamaa, kadhannaawwan dubbifaman, sanadoota mallattooleen irratti mallattaa'anii guuraa oola.
Yoo kana hin goone isallee murtoo hamaatu eeggata jedhu kanneen afoola Awurooppaa kana himan.
Dogoggora ilma namaa namni yoo dagatelle inni hin dagatu jedhama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dogoggoroonni kunneen al tokko tokko qalqalloo hafuura hamaa kanarra darbanii yaadannoo sammuu namaa keessatti hafuuf humna qabu.
Aadaa keessatti sheekkoo ta'anii, seenaa ta'anii dhalootaa dhalootatti darbu. Keessumaa immoo dogoggoroonni dhimmoota amantaan wal qabatan guyyaan murtii gahuun duratti murtoo namaatiif addababaayii murtii dhaabu.
Barreessaa Ingliizii Roobart Baarkarn kanaaf akka ragaatti eeruun ni danda'ama.
Bara 1600 keessa nama sooressa, kan balballi masaraa mootummaa yoo inni rukutu banamuuf, mana maxxansaa ofii kan qabu ture.
Inni bara isaatti qabeenya kan horate hojjetee osoo hin taane abbaa isaarraa dhaaleeti.
Abbaan isaa bara 1589 mana maxxansaa hundeessee Ingiliz keessatti Kitaaba Qulqulluu maxxansee gurguruuf heyyama Giiftii Elizaabet irraa nama argate.
Kanaafuu, maxxansi Kitaaba Qulqulluu haaraan yoo jiraate maxxansee gabaaf dhiyeessuun gaafatamummaa maatii kanaa ture.
Kanumaaf ture, bal'inaafi sadarkaa olaanaan fudhatama kan argatan maxxansiwwan Kitaaba Qulqulluu King James 6th version irree maatii kanaarratti kufee kan ture.

Madda suuraa, Getty Images
Kitaabota Qulqulluu kooppii King Jems fuudhee waggaa booda maxxansee dhiyeesse.
Kitaabni Qulqulluun kun garuu dogoggorootaan kan guutame ture.
Kitaaba Qulqulluu afaan Ingiliizii Kitaaba Ruut 3:15 irratti sababa dogoggora uumameen A.L.A 1611tti hiikkaan Kitaaba Qulqulluu lama ta'ee maxxanfame.
Kutaa Kitaaba Qulqulluu kana keessatti bakki Bo'aaz ibsu, "uffata ofirratti dabalte naa dhiyeessi, addaan afiitiiyis qabi, addaan aftee akka qabdeenis garbuu qunnaa jaha safaree baachise, achiis gara magaalaa deebite" kutaa jedhu keessatti "achiis gara magaalaa deebi'e" dogoggorri jedhu hojjetameera.
Kanarraa ka'uunis "Kitaaba Qulqulluu guddichi ishee" fi "Kitaaba Qulqulluu guddichi isaa" maxxansawwan jedhuun hiikkaan kitaaba kanaa raabsameera.
Haata'uu malee, dogoggora kanaa miti hiree mana maxxansaa maatii kanaa kan biyyootti make.
Waggaa 20 boodas manni maxxansaa kun Kitaaba Qululluu afaan Ingiliizii yoo maxxansu dogoggorri jechootaa uume, dogoggora laafaa osoo hin aane jechi hambise baay'ee isa hamaa ta'ee galmee seenaatiin, akkasumas hafuura hamaa cubbuu funaanuun galmaayeera.
Bara 1631 Baarkar Maartin Luqaas waliin ta'uun Kitaaba Qulqulluu James Version maxxanseera.
Wayita sanatti gaaniin cubbuu kan Tiitivilas akka guutu godhe. Dogoggorri sun Kitaaba Qulqulluu Seera Keessa Deebii 5:24 irratti argame.
Dogoggorri sun jecha afaan Ingiliizii irratti hundaaye ture. Greatness jechi jedhu great-asse kan jedhuun maxxanfame.
Kanaaf, "Kunoo, w=Waaqni keenya ulfinaa fi guddummaa isaa mul'iseera; abidda keessaayis sagalee isaa dhageenyeerra; Waaqayyo nama waliin yoo dubbatu namni sunis yoo jiraatu har'a argineerra" kutaan jedhu 'Guddummaa isaa' kan jedhu "His great ass" jechuu hiike.
Abbaan qabeenyaa mana maxxansaa kanaa bara sana baay'ee carra-qabeessa ture jecuun danda'ama. 'asse' jechi jedhu hiika bara kana ittiin beekamu hin arganne ture.
Osoo sun akkas ta'uu baatee "Waaqayyo guddummaa isaa fi. . . . agarsiise" jedhamee hiikamuudhaan wanti maatii mana maxxansaa kanarra gahuu malu tilmaamun salphaadha.
Garuu, maxxansawwan Kitaaba Qulqulluu bara sanaa wanti maqaa itti hore dogoggora jechoota isaa miti.
Seera Ba'uu 20:14 irratti abboommii kurnan keessatti mudaan jecha tokkoo argamtee turte. Kanarraa kan ka'e "hin sagaagalin" kan jedhu "sagaagali" jedhamee hiikamuudhaan akka waan gochi cubbuu heyyamame fakkeesse.
Seera Ba'uu 20:14 "Hin sagaagalin."

Dogoggorri kun erga Kitaabni qulqulluun kumaatamaan maxxanfamee barame. Luba Pheexroos Heeyliin (1599-1662) akka galmaayetti adabbiin isaa hamaa ture.
"Maxxansitoonni mootichaa abboommii kurnan irratti jecha "no" jedhu dogoggoruu isaaniin Kitaaba Qulqulluu afaan Ingiliizii keessatti dogoggora qaanfachiisaa uuman" jedhe.
Dogoggora wayita sana uumameef karaa phaaphaasii Landan mootichatti kan himame yoo ta'u, maxxansitoonni mooticha durattis dhiyaatanii turan.
Dogoggoroonni uumame bal'inaan ilaalamee adabbiin itti murameera.
Adabbii malees Baarkarii fi Luqaas heyyamni mana maxxansaa mana murtiitiin jalaa haqameera. Manni maxxansaa isaanii yeroo dhumaaf kan cufame yoo ta'u, Baarkar bara 1635 hidhamee waggaa 10 booda achumatti hidhaatti du'e.
Kitaabonni Qulqulluun dogoggoraa sunneen guuramanii dhabamsiifamaniiru.
Tokko tokko kan harka nama dhuunfaatti hafan jiraachuu malu.
Hanga har'aa kitaabonni kunneen, "Kitaaba laguu" , kitaaba sagaagaluu heyyamu" "kitaaba cubbuu" fa'i jedhamu.
Kun dogoggora Kitaaba Qulqulluu keessatti uumame isa guddaa yoo ta'u, hiikkaa afaan Ingiliizii garaagaraa irrattis hanqinoonni jechootaa garaagaraa uumamanii jiru.
Asiin dura Maatewoos10፡34 irra jechi jiru " Ani kanan dhufe biyya lafaaf nagaa kennuuf akka isinitti hin fakkaanne, goraadee malee..." ergaan jedhu kan afaan Giriikiirraa fudhatame dogoggorri hiikkaa uumamuu isaatiin 'goraadee' kan jedhu 'gammachuu' kan jedhuun hiikamee ture.
Kun akki itti uumame akkasiini: 'gladium' jechi jedhu afaan Giriikii 'gammachuu' yoo ta'u 'Gaudium' kan jedhutti waan hiikameefi.

Dogoggoroota Kitaaba Qulqulluu afaan Ingiliziirratti uumaman
Dogoggorri jechaa kan biraa maxxansa Kitaaba Qulqulluu Jenevaa bara1562 maxxanfameera.
Kitaaba Qulqulluu kana keessatti "peacemakers" jechi jedhu "placemakers" jedhamee kan barreeffame yoo ta'u, Wangeela Luqaas 21፡ 3 "God commends the poor widow," (ishee dinqisiifate) kan jedhu "God condemns the poor widow" (ishee balaaleffate) kan jedhuun maxxanfame።
Kun jechoota 'condemns' fi 'commends' jedhan irratti dogoggoroota uumameeni.
Himni guutuun kutaa kanaa hiikkaa idlee haaraa keessati akkana jedha:
"Dhuguman isiniin jedha; hiyyeettiin tun hundaa ol dabalte. Namoonni kunneen kan kennan bu'aa isaanii irraa yoo ta'u, isheen garuu waan qabdurraa hir'iftee waan jiraattu hunda.." jedha.
Ammas irra deebiin 1953 'no' jecha jedhuun dogoggorri uumame burjaajjii biraa uumee ture.
1Qor 6፡9 irratti jechi kan biraa dogoggorame jecha Qulqulluu Phaawuloos dubbate "hamoonni mootummaa Waaqaa akka hin dhaalle hin beektanii kan jedhu" jecha dogoggoraan "akka dhaalan" jedhamee hiikameera.
Bara 1763 'no' jechi jedhu ni hafe. Faar.14፡1 keessatti "Gowwaan qalbii isaatti Waaqqayyo hin jiru jedha" kan jedhus " Gowwaan qalbii isaatti Waaqayyo jira jedha" jedhamee hiikame.
Luqaas 23፡32 "Isa waliin akka ajjeefaman shiftoota lama isa waliin fuudhan" kan jedhu "Shiftoonni biroo lamas isa waliin turan" jedhee hiikame.
Maxxansa1612 irratti immoo Faar. 119፡161"Mootonni sababa malee na adamsan" kan jedhu " maxxansitoonni sababa malee na adamsan" jedhamee hiikameera.
Jechi "Piriinsas" jedhu "Priintars" jedhameera.
Maxxansa 1682 keessattis :
Seera Keessa Deebii 24፡3 "Dhirsi lammaffaa ishee jibbu, hiikkaa ishee barreessee hoo kenneef, manaayis yoo ishee ari'e, yookin niitii godhee yoo fuudhe dhirsi ishee lammaffaan yoo du'e..."
Dhirsi ishee lammaffaan yoo ishee jibbe kan jedhu, yoo ishee nyaate jedhamee hiikameera.
"hates her" kan jedhutu "eats her" jedhamee maxxanfame.

Madda suuraa, Sepia Times/Universal Images Group via Getty Images
Maxxansa Kitaaba Qulqulluu dogoggorri jechootaa mudachuu kan jalqabe bara durii irraa kaasee yoo ta'u, kanammoo hafuurri hamaan walitti qabuun dogoggorsaa guyyaa har'a kana ga'eera.
Maxxansa bara 1966 kutaa tokko keessatti qubeen 'r' keessaa hafuun jecha afaan Ingiliffaa ''Prayer for peace'' jechuun irra ture ''Pay for peace'' jechuun hiikameera.
Maxxansuma bara kanaa keessatti jechi afaan Ingilizii 'no' jedhu keessaa hafeera.
Bara 1970 ammoo Wangeela Yohaannis 1:5 jalatti ''ergaan isarraa dhageenye, kan isinitti himnus, ifa Waaqaani. Dukkannis isa bira gonkumaa in jiraatu,'' kutaa jedhu keessatti ''Dukkannis isa bira gonkumaa ni jiraata,'' jedhamee hiikame.
Kana qofa osoo hin taane maxxansa bara 1989 keessattis jechoonni fi qubeewwan keessaa hambifaman jiru.
Waanti gaariin jiru seenaawwan kakuu moofaa fi kakuu haaraa sirriitti kan beekaman ta'uurraa kan ka'e dogoggoroonni uumaman yogguma sana adda baafamuun akka sirratan taasifamu.
Garuu Kitaabota Qulqulluu keessatti bara 1285 irraa eegalee dogoggorri lo'ee seenuun, maxxansa irratti jechoonni keessaa hafuun, hiika dogoggoraa akka qabaatu, hanqina akka qabaatu kan taasisaa ture hafuurri hamaan Tiitiiviilas jedhamu ammallee nu waliin jiraachuu hin hafu.















