Liiverpuul gatii riikardii ta'een Isaak fudhachuuf qophaa'e

Madda suuraa, Getty Images
Liiverpuul gatii riikardii jijjiirraa Piriimiyeer Liigii Ingiliz ta'een jifataa Niiwkaasil Yunaayitiid Alksaander Isaak fudhachuuf qophaa'uun gabaafame.
Jifataa lakkoofsa sagalirra taphatu barbaadaa kan ture Liiverpuul torban kana jifataa Etriik Firaankifeert Huugoo Ekitikee paawundii miliyoona 79 gahuun mallatteessifateera.
Sana dura garuu Isaakiif gatii riikardii ta'e dhiyeessus kilabichi jifataa lammii Siwiidin maatii Ertiraarraa dhalate kana akka hin gurgurre ibsee ture.
Ejjennoo Niiwkaasil kana booda Liiverpuul Ekitikee dafee harkaan gahate. Niiwkasilis Eketikeef paawundii miliyooa 70 gahu dhiyeessee ture.
Isaak Niiwkaasiliin gadhiisuu akka barbaadu Kamisa kaleessaa ifa godhe. Sababa kanaattis garee Niiwkaasil qophii Piriimiyeer Liigiif gara Ezhiyaa imale keessaa hafeera.
Leenjisaan kilabichaa Eedi Haawu garuu Isaak Ingilizitti kan hafe miidhama sababa qabuuf akka ta'e ibsee ture. Ammoo ''kilabicha waliin, taphattoota garesaa waliin akka gaarii jira'' jechuun gadhiisuuf akka hin jirre akeekee ture.
Shaampiyoonaan Ingiliz bara darbe Liverpuul jifataa ganna 25, Isaak gara Anfiild fiduuf gatii riikardii liigichaa ta'e qopheessuu barruun Ingiliz Mail gabaaseera.
Ammoo kilabni Saawdii Al-Hilaal jijjiirraa Isaakiif paawundii miliyoona 130 qopheessuun gabaafameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Isaak kilabicha akka gadhiisuu barbaadu beeksisuu dura miindaansaa akka fooyya'uuf gaafatee ture. Niiwkaasil torbanitti paawundii 300,000 akka kaffaluuf gaafachuu Talksport gabaaseera.
Niiwkaasil tarii yoo Isaak deemeef jedhee duraan Ekitikee amma ammoo Benjamiin Seeskoo bitachuuf yaalaa jira.
Isaak hanga paawundii miiliyoona 150 basa jedhamee tilmaamama. Liiverpuul torbanoota dura gatii riikardii Piriimiyeer Liigichaa ta'e paawundii miliyoona 116n taphataa sarara gidduu Baayer Liverkusan kan ture Filoriyaan Wiirtiiziin mallatteessifateera.
Isaakiin fudhachuuf maallaqni qopheesse fudhatama argatee jennaan ammoo gargaagartummaa torbanoota murasaan riikardii jijjiirraa liigichaa yeroo lammataaf cabsa jechuudha.
Niiwkaasil garuu Isaakiin tursiisuu yoo dadhabe morkata liigichaa kan biratti dabarsee kennuu mannaa Al-Hilaalitti gurguruu filata yaadni jedhu jira.
Duraan Isaak bitachuuf kilabooni Ingiliz fedha agarsiisanii turan Chelsiifi Maanchister Yunaayitiid dorgommiicha keessaa bahaniiru.
Yunaayitiid Imboomeefi Kuunhaa mallatteessifachuu isaatiin gatiinis waan itti qaala'eef fedhii Isaak irraa qabu dhiise.
Gama kanaaniin jifataa Liiverpuul lammii Kolombiyaa Luwiiz Diyaaziin fuddhachuuf amma dura maallaqni dhiyeesse kufaa kan jalaa ta'e Baayer Muuniik gatii jijjiirraa fooyyessee deebi'uuf jira.
Liiverpuul ittisa isaa lammii Faransaay qalbiin gara Riyaal Maadriid jiru Ibraahima Konaatee tursiisuuf kontiraata haaraa dhiyeessuunis gabaafameera. Kontiraatni Konaatee dhumataa jira. Riyaal Maadriidis ija irra buufateera.
Weestihaam ammoo jifataa Liiverpuul Harvee Eliyoot fudhachuuf fedha qabaachuunis gabaasameera.
Bara dorgommii darbe Liiverpuuliif yeroo jaha qofa jalqabarraa ka'ee kan hiriire Eeliyoot dorgommii waancaa Awurooppaa umrii 21 gadiirratti taphataa cimaa dorgommichaa ta'ee badhaafameera.
Isaak itti qaal'e dorgommicha keessa kan bahe Maanchistar Yunaayitiid fuulasaa gara Astoon Viilaatti naannessuun Oolee Waatkiinsiin gaafatus, Astoon Viilaan Waatkiinsiin akka hin gurgurre beeksiseera.
Cheelsirraa Arsenaal dhufee kan hin milkoofne Rahiim Isterliing gara Naappolii imaluuf hireen dhiyaateeraaf.












