Waancaa addunyaa Kaataar irratti yeroon dabalataa maaliif dheerate?

Waancaan Addunyaa Kaataar erga eegalee taphootni taphataman hedduu ta'uu baatanis qabxiileen hin eegamne fi yeroon dabalataa dheerachuu taajjabneerra.

Taphoota jalqabaa shaniif yeroon dabalataa kenname yeroo walitti ida'amu daqiiqaa 85 ta'a.

Yeroon dabalataa inni akkaan dheeraan ammoo tapha Ingilaandifi Iraan irratti mul'ate. Biyyoonni lameen waliigalatti daqiiqaa 117 fi sekoondii 16 taphatan.

Kuni kan ta'e gara caalu sababa miidhama taphattootaani. Goolii eegaan Iraan Alireza Beiranvand taphataa biraa waliin walitti bu'uun miidhamuu isaatu yeroo dabalataa dheeresse. Garuu sababni isa qofa miti. Fifa'n aadaa yeroo taphaa qisaasuurratti tarsiimoo haaraa qabateedha.

Yeroon dabalataa dheerachuun tapha Saawdiin Arjentiinaa injifachuun addunyaa raaje irrattis mudateera. Taphni boqonnaa duraa xumuramuu dura daqiiqaan torba dabalameera. Taphni boqonnaa boodaa xumuramuu dura ammoo daqiiqaa 14 ta'utu dabalame.

Kuni kan ta'eef sababa miidhama taphattootaa, murtee abbaa murtee viidiyoo ilaaluu eeguu, taphattoota jijjiiruu, rukuttaa peenaalitiifi kaardii diimaan kana walqabatuudha.

Tapahattoonni tokko tokkommoo ta'e jedhanii murteewwan kennamuu booda dafanii tapha hin eegalan.

Dura taa'aan koree murteessitootaa Fifa Pierluigi Collina murteessitootni taphaa afraffaan yeroo tapha malee gubatu kamuu akka hordofan qajeelfamni kennamuufi torbee darbe dubbatanii turan.

Tapha Kaataar kanarratti murteessitootaf qajeelfamni haa kennamuyyuu malee Waancaa addunyaa Raashiyaa irrattis murteessitootni kana hojjechuu yaalanii ture.

''Raashiyaatti yeroo qisaasame sirriitt bakka buusuuf yaalleerra, kanaafi daqiiqaawwan dabalata jaha, torba ykn saddeet fa'a kan argitan'' jedhan ibsa gaazexessitootaaf kennaniin.

''Mee yaadi: tapha walakkaa jalqabaatti goolii sadii yoo galchite gammachuu ibsachuufi deebi'anii jalqabuuf waliigalatti daqiiqaa afur ykn shantu gubata.''

Sababa qajeelfama Fifa kanaan riikardiiwwan haaraan Kaataaritti galmaahaa jiru.

  • Ingilaand V Iraan boqonnaa dura (daqiiqaa 13:59)
  • Arjantiinaa V Saawdii Arabiyaa boqonnaa booda (daqiiqaa13:53)
  • Ingilaand V Iraan boqonnaa booda(daqiiqaa 13:05)
  • US v Weels boqonnaa booda (daqiiqaa 10:32
  • Senegaal v Nezerlaands boqonnaa booda(daqiiqaa 10:03)

Sababuma kanaanis gooliiwwaan gara dhuma yeroo taphaatti lakkaawwaman akka galmaahan ta'eera.

Iraan gooliin peenaalitiin Ingilaand irratti lakkoofsifte kan galmaahe daqiiqaa 102:30 irratti. Kunis goolii yeroo qisaasamee bakka buufame keessatti heddu barfatee gale ta'uun riikordii ta'eera.

Itti aanee ammoo Nezerlaands Senegaal irratti goolii isa lammataa kan lakkoofsifte daqiiqaa 98:17 gubbaatti.

Dhimmi kun miidiyaa hawaasaa gubbaatti ijoo dubbii ta'eera. Gariin yeroo qisaasuu jajjabeessuu dhabuuf murtee gaariidha jechuun Fifa jajaa jiru. Kaan ammoo yeroon taphaa akka malee akka dheeratu godha jechuun qeequ.

Maalumaafuu garuu taphni dhume jedhanii dafanii dhisanii sokkuu irratti irra deebiin akka yaadan taasisa. Daqiiqaa meeqa akka dabalamu waan hin beekneef.