Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Roonaaldoon hatattamaan Maan Yuunaayitidii akka bahuu waliigalame
Taphataan sarara duraa Poorchugaalii fi Maanchister Yuunaayitid hatattamaan kilaba isaa Maan Yuunaayitid keessaa akka bahu waliigalme.
Murteen kunis erga taphataan ganna 37, Roonaaldoon gaaffiif deebii miidiyaa waliin godhe irratti kilabicha qeequun leenjisaa isaa Erik Ten Haagiif ‘’kabajaa hin qabu’’ jedheeti.
Qaamoleen lameenuu Roonaaldoon gadhiisuun ‘’waliigaltee waloonidha’’ jedhan.
Kilabichi gumaacha guddaa inni si’a lama gara kilabichaa dhufuun gumaacheef hedduu isa galateeffata,’’ jedhe Maanchister Yuunaayitid ibsa baaseen.
‘’Isaa fi maatii isaaf fuulduratti waan gaarii’’ hawwina jechuun ‘’namni hundinuu Maanchister keessatti fooyya’insa leenjisaa Erik Ten Haag jalatti jalqabe itti fufuu irratti xiyyaata. Milkaa’inicha dirree irratti agarsiisuuf waliin hojjechuun itti fufa jedheera kilabichi.
Hanga dorgommiin Piriimer Liigii Waancaa Adunyaaf adda citutti Maanchister Yuunaayitid gabatee Piriimer Liigii irraa sadarkaa shanaffaa irra jira.
Roonaaldoon garee biyyaalessaa Poorchugaal waliin jira. Garee H keessatti tapha jalqabaa Gaanaa waliin godhan irrattis dursaa taphattootaa tahuun dirree gala jedhamee eegama.
Kaataaritti miidiyaaf yaada yoo kennu ‘’yeroo na barbaachisetti nan dubbadha,’’ wal dhabdeen Yuunaayitid waliinii garee Poorchugaal irratti ‘’raafama’’ uumu hin qabu jedhe.
Roonaaldoon Maan Yuunaayitidiif taphoota 346 irratti galchiiwwan 145 lakkoofsise. Kilabicha gadhiisee waggoota 11 boodas gara Maan Yuunaatiditti deebi’uun bara darbe galchii 24 lakkoofsiseera.
Bara kana garuu taphoota 16 irratti galchii sadii qofa lakkoofsise.
Garuu sababa dhukkuba hin ibsamneen erga tapha Astoon Viilaa waliin godhan irratti dursaa taphattootaa tahee taphatee dirreetti hin deebine.
Dorgommii Maan Yuunaayitid Tootenahaam waliin godhee injifate irratti Roonaaldoon jijjiiramee akka galuuf leenjisaan isaa gaafannaan didee dirree keessaa bahe.
Garuu booda gochaa isaa Kanaan akka gaabbe himeera. ‘’Marii taasifnee lamaan keenyayyuu konitaaratakoo addaan kutuuf waliigalle’’ jedhe.
‘’Maanchister Yuunaayitidii fi deeggartoota isaa nan jaaladha, Kuni yoomiyyuu hin jijjiiramu. Garuu dorgommii haaraa yaaluuf yeroon isaa ammadha’’ jedhe.
Roonaaldoo taphataa ganna 18 yeroo ture Sir Aleeksi Fergusantu gara kilaba isaaniitti fide.
Roonaaldoon badhaasa Ballon d’Or yeroo shan injifateera.