Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kiristaanoo Ronaaldoo Maan Yunaayitid 'na ganeera' jechuun dubbii ijoo ta'e
Kiristaanoo Ronaaldoo kilabni isaa Maanchestar Yunaatid 'na ganeera' jechuun, dabni irratti hojjatamaa jiru dhiibamee akkka bahu gochaa jiraachuu himate.
Ronaaldon ji'a Hagayyaa keessa Oltiraaford keessa turuu akka barbaaduufi waan danda'e hunda akka godhu waadaa galee ture.
Lammiin Portuchugaal fi taphataan kubbaa miilaan maqaa gaarii horate kun miidiyaa TalkTV irratti dhiyaachun aarii garaa isaa jiru bulgaafate.
Maan Yunaayitid Dilbata Fulhaam 2-1 mo'atee sadarakaa Piriimer Liigii sadarkaa 5ffaa irra jira.
Dhuguma aangawoonni kilbichaa akka bahuuf dhiibbaa gochaa jiraachuu yoo gaafatamu: "Leenjisaa [Erik tan Hag] qofa osoo hin taane, namoonni kan biroo lama ykn sadii ta'an jiru. Miira ganamuutu natti dhagahame" jedhe Ronaaldon.
Bulchitoonni kilabichaa olaanon kana keessaa harka qabaachu fi dhiisuu yoo gafatamu, "Inni dhimma koo miti. Namoonni waan dhugaa dhaggeeffachuu qabu."
"Eeyyee, dabatu narratti dalagame. Bara kana qofa osoo hin taane bara darbes akka isaan asitti ana hin barbaannetu natti dhagahame," jedhe.
'Erik ten Hagiif kabaja hin qabu'
Sadaasa 6 gaafa Aston Viilaa waliin taphatanii kaasee Ronaaldon tapha irratti hin hirmaanne.
Ji'a darbe keessas tapha Tootinhaam walii qaban irratti eeggataa ta'uu waan dideef taphoora itti aanan irratti akka hin hirmaannef leenjisaan kilabichaa isa dhorke.
"Kabaja waan naaf hin qabneef anis kabaja isaaf hin qabu. Kabaja naaf hin qabdu taanan, yoomiyyuu sin kabaju," jeddhe Ronaaldon.
Ji'a Eblaa keessa mucaa isaa dhiiraa dhabuun hangama akka isa miidhes dubbate.
"Deeggartoonni dhugaa isaa baruu qabu. Kilabichaaf waan gaarin hawwa. Kanaafan gara Manchestar Yunaayitid dhufe. Erga Aleeks Fargusan gadi lakkisee, jijjiirama wayiituu kilabicha keessatti hin agarre.
" Manchestar Yunaayitid baay'en jaaladga, deeggartoota kilbachisaas akkasuma. Yeroo hunda na cinaa jiru. Garuu waan addaa gochuu yoo fedhan ... waan baay'ee jijjiiruu isaan barbaachisa," jedhe.
Ilaalchi inni leenjisaa kilabichaa duraanii Fargusaniif qabu adda akka ta'e dubbata.
"Inni nams hunda tokko tokkoon beeka. Namoonni kana arguu kan hin dandeenye.... sababa jaamaa ta'aniifi," jedhe Ronaaldon.