Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Xiyyaarri waraanaa lama agarsiisarra turan qilleensarratti walitti bu'anii caccaban
US, Teksaas keessatti Xiyyaaronni waraanaa lama qilleensarratti osoo agarsiisarra jiranii walitti bu’uun caccaban.
Xiyaaronni kunneen kan durii bara Waraana Addunyaa II turan yoo ta’u, agarsiisa guyyaa kabaja gootota Jimaata gaggeeffamerratti ture.
Viidiyoon waraabame akka agarsiisutti xiyyaaronni lamaan osoo ol hin fagaatiin walitti bu’anii booda xiyyaarri inni tokko qilleensumarratti bakka lamatti cabe.
Walitti bu’uu isaa hordofee ammoo battalumatti arraba ibiddaatu lafatti osoo kufuu mullisa.
Xiyyaarota walitti bu’an lamaan keessaa tokko Boeing B-17 Flying Fortress kan jedhamudha. Lamaan isaanii agarsiisa waraanaa gootota bara Waraana Addunyaa II durii yaadachuuf Dalaas keessatti gaggeeffamaa jiru irratti hirmaachaa turan.
Namoota hangamtu xiyyaarota lamaan keessa ture kan jedhu baramuu baatus, namoota balaa kanaan du’an lama garuu maqaan isaanii barameera.
Waldaan Gamtaa Paayilatoota [Allaayid Paayilats Assooseeshin) jedhamu kan paayiletoota Daandii Qilleensaa Ameerikaa bakka bu’a akka ibsetti, miseensonni isaa duraanii Teerii Barker fi Leen Ruut jedhaman namoota balaa xiyyaarri walitti bu’uu isaatiin uumame kanaan du’aniiru.
Bulchiinsi Aveeshinii Federaalaa ammoo xiyyaaronni kunneen lamaan qilleensarratti walitti bu’anii caccabuu isaaniitiif sababa ta’e qorachaa jiraachuu Sambata himeera.
Sagantaa agarsiisaa guyyoota sadiif Guyyaa Goototaa kabajuuf qophaa’e kana namoonni 4,000 hanga 6,000 ta’an daawwachaa turan.
“Akka malee gaddisiisaadha,” jedhan Kantiibaan Dalaas Eriik Joonsan balaa mudate kana yeroo ibsan.
“Viidiyichi baayyee qalbii nama cabsa. Maaloo lubbuu har’a maatii keenya bashannansiisuufi barsiisuuf jedhanii qilleensarra bahanii wareegaman kanaaf kadhadhaa,” jechuun tiwiit godhe Kantiibichi.
Lakkoofsi namoota du’anii ammatti kan hin mirkanoofne yoo ta’u, namoonni lafarra turan keessaa garuu kan miidhame hin jiru.
Weebsaayitiin sagantaa kanaa akka ibsetti xiyyaaronni baayyeen Sambata agarsiisa balali’uuf qophaa’anii turan.
Waraana Addunyaa II (WW2) irratti xiyyaarri waraanaa B-17 bomber jedhamtu waraana qilleensarraa Jarman waliin ture irratti gahee quddaa qabdi ture.
Gosti xiyyaaraa waraanaa biroon WW2 irratti faayidaarra oolte kan P-63 Kingcobra jedhamtu yoo taatu, Humna Waraanaa Sooviyeeti qofatu itti gargaarame.
B-17 yeroo baayyee garee namoota afurii hanga shanii kan qabattu yoo taatu, P-36 garuu paayiletii tokko qofa qabatti.