Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haadha ijoolleeshee beela’aniif birrii 300 kadhattee miliyoona 3 ol argatte
Haati lammii Indiyaa ijoollee ishee sadii waan nyaachistu dhabde maaamiltoonni miidiyaa hawaasa Birrii 3,348,669 arjoomuufii ibsite.
Dubartiin ijoollee ishee waan soortu dhabde kun Subhadiraa jedhamti.
Subhadiraan dubartii umrii gana 46 yoo taatu, Kibba Indiyaa bulchiinsa Keralaa jedhamu jiraatti.
Abbaan warraa ishee du’uu hordofuun Subhadiraan ijoolleesheef maallaqa nyaata ittiin bittu dhabdee, Ruuppii 500 ykn birrii 310 barsiistu ilma ishee kadhatte.
Barsiistuun kun Subhadiraan rakkatte muddamuu hubattee miidiyaa hawaasaarratti duula deeggarsa ittiin sassaabdu Jimaata darbe eegalte.
Kana hordofee Dilbata darbe kana maatiin rakkatoo kanaaf Ruuppii miliyoona 5.5 sassabameef.
Subhadiraan, dubartiin maqaan abbaa ishee hin eeramne kun Hagayya darbe keessa abbaan warraa ishee erga du’ee as muddama keessaa hin bane turte.
Subhadiraan, ijoollee sadii horattee keessaa inni quxisuun dhibee maashaa qaama laamshessu’ cerebral palsy’ jedhamuun qabame kunuunsa itti dhiyeenyaa waan barbaaduuf hojii barbaadu hin dandeenye.
Jimaata darbe mana barnoota naannoo ishettii barsiistu Girija Harikumaar bira dhaqxee, ijoolleen koo waan nyaatanii bulan hin qaban jettee maallaqa kadhatte.
Aadde Harikumaar, barsiistu afaan Indii yoo taatu BBCtti akka himtetti, jalqaba barataashee Abisheek abbaan isaa du’uu hordofee rakkoon maatisaa mudachuu gaafatte.
Abisheek ykn haatii isaa yeroo jalqabaaf deeggarsa yeroo itti gaafatan ture.
‘’Ruuppii 1,000’n kenneefi, waan ta‘e tokko siifan dalaga jedheen itti hime,’’ jette barsiistuu Harikumaar.
Harikumaar sana booda maatii haadha iyyeessaa rakkina keessa jiran argite.
‘’Midhaan abboottee tokkotu mana isaanii keessa jira, ijoolleen ishee waan nyaatan hin qaban,’’ jette Harikumaar.
‘’Maallaqa xiqqoo kana Subhadiraaf yeroo kanatti kennuufin hiika hin qabu, maatii kanaaf tasumayyuu gahaa miti,’’ jedheen yaade.
Jimaata darbe galgala toora Facebook gubbaatti rakkoo maatiin Subhadiraa keessa jiran maxxansuun deeggarsa maallaqaa hanga danda’an akka gumaachaniif gaafatte.
Barsiistuun kun mallaqni deeggarsa kun kallattiin Subhadiraa akka gahuf lakkoofsa herrega baankii ishees toora miidyaa hawaasarratti maxxansite.
Barreeffamni barsiiftuun kun miidyaa hawaasarratti gadhiifte ijoo dubbii ta’uun, Subhadiraan Ruuppii miliyoona 5.5 deeggarsa argatte.
Maallaqa deggarsaan argame keessa hangi tokko mana abbaan warraa Subhadiraa otoo lubbuun jiru eegale ijaaruuf oola.
Maallaqni hafe ammoo baankii olka’aama.
Duulli deeggarsa walitti qabuu ammatti goolabameera.