Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Loltoota Ertiraa waraana Itoophiyaa irratti du'aniif eenyutu gaafatama?
Waliigalteen nagaa waraana waliinii waggaa lamaaf kaaba Itoophiyaatti adeemaa tureef xumura tolcha jedhame torban darbe Afrikaa Kibbaatti mallattaa’eera.
Waliigaltee kana boodas qondaaltonni waraanaa mootummaa Itoophiyaafi TPLF dhimma meeshaa waraanaa hiikkachuu, akkasumas kaan irratti Keeniyaatti mariirra jiru.
Waraanni waggaa lamaaf ture Naannoo Tigraay, akkasumas Amaaraafi Afaarittis badii guddaa geessise.
Waraana Kaaba Itoophiyaatti waggaa lamaaf gaggeeffame keessatti Ertiraan maalif akka hirmaatte uummata biyyattiif hin beeksifne.
Ertiraan waraana eeggataa hirmaachisuun Tigraay keessatti haleellaa gaggeessuu ishee ragaaleen gabaafameera.
Kanaan dura Ertiraa keessatti taatewwan gurguddoon yoo jiraatan karaa wajjira ministeera beeksisaa akkasumas karaa ministeera dhimma alaa uummataaf ifa ni godhama ture. Garuu waraana Tigraay keessatti gaafa hirmaattu kuni hin taane.
Kanaaf, mootummaan Ertiraa waraana dargaggoota Ertiraa heddu nyaate kana irratti maalif akka hirmaatan uummata hin beeksifne.
Ertiraanota maatin isaanii eessa akka jiran hin beekne
Helan Birhaanee maatii isheetif mucaa jalqabaa yoo taatu Neezarlads jiraatti. Abbaan ishee miseensa tajaajila loltummaa biyyaalessaa marsaa saddeettaffaa ta’uu kan himtu Helan ammas waraana biyyattii keessa akka tajaajilaa jiru BBCtti himte.
Abbaa isheetin alatti obboleessi ishee xiqqaan miseensa waraana Ertiraa fi ramaddiin isaa naannoo Mandaafiraa akka ture yaadatti.
Haa ta’u garuu Adoolessa 2021 irraa kaasee jiraate fi du’ee isaa maatin homaa akka hin dhageenye himti.
“Obboleettin koo isheen xiqqoon ammoo yeroo daangan Itoophiyaa fi Ertiraa banamu sana Itoophiyaa seente. Yeroo waraanni waliinii eegalu sana Tigraay keessa turte. Ji’a Sadaasaa torban jalqabaa keessa sagalee ishee ergan dhagahee as waa’ee ishee odeeffannoo homaa hin qabu.”
Abbaan ishee Caamsaa, 2022 keessa boqonnaaf manatti galee ji’a Waxabajjii keessa ramadii isaatti deebi’ee isaa himti. Booda ji’a Fulbaanaa keessa bilbilteefi iddoodhaa iddootti geeffamaa akka jiran itti hima.
Waa’ee obboleettii ishee sagalee ishee dhabdee kaampii baqattootaa keessa jiraachuu malti jettee yaaduu irratti waa’ee nageenya obboleessa ishee fi abbaa ishees baay’ee dhiphatti.
Dhalataan Ertiraa nageenya maatii isaaf jecha maqaan isaa akka hin dhahamne BBC gaafate ammoo maatii isaa keessa namni shan miseensa tajaajila loltummaa biyyaalessaa akka ta’an dubbata.
“Obboloota koo tajaajila loltummaa keessa jiran keessaa tokkoon ala afran isaanii waraana Tigraay irratti hirmaataniiru. Obboleessa koo isa humna galaanaa keessa jiruun ala obboloonni koo sadan waa’ee isaanii odeeffannoo homaatuu hin qabu. Keessumaa obboleesa koo isa tokko waa’ee isaa ergan dhagahee waggaa tokkoo fi walakkaa ta’eera,” jedha.
Ofii Ertiraan waraana Itoophiyaarratti maalif hirmaatte?
Mootummaan Ertiraa waraana waliinii Itoophiyaa irratti maalif akka hirmaate ibsuu baatus, walii galtee Aljersi irratti daangan Ertiraaf mootummaa olaantummaa TPLFn gaggeeffamaa tureen osoo hojiirra hin oolin waggaa 18’f turuu isaarraa kan ka’e ta’uu akka hin oolle dubbata gaazexeessa fi barreessaa dhalataa Ertiraa fi amma Masirii jiru Mahaamud Abubakar.
“Mootummaan lafa isaa deebifachuu akka barbaadu fi waraanichi gaafa eegalu TPLF misaa’ela gara Ertiraatti dhukaasun isaa akka sababaatti ka’uu akka danda’an” ibsa.
Siyaasa Gaanfa Afrikaa fi Baha Giddu galeessaa xinxaalun kan beekamu Abdulrahaman Abuhashim ammoo: “Gaggeesitoota TPLF fi Ertiraa gidduu nagaan jiraachuu dhabuun isaa waraana Ertiraa bara 1990 tii kaasee haalli nagaas waraanas osoo hin jiraatin turuun isaa” rakkoo har’a dhalateef sababa ta’uu hima.
Mootummaan Eertiraa yaaddoo nageenya biyyaaleessaa gama daangaa isaa Tigraayiin qabaachuu isaas akka sababaatti kaasee beeka.
Dargaggoota dhumaniif eenyutu itti gaafatama?
Yuunivarsiitii Iswiis Baank Ingilizitti argamutti daayireektara kutaa Saayinsii hawaasummaa fi seeraa kan ta’an Pirofeesar Gaayim Kibra’ab akka jedhanitti uummanni bifa ukkaamsanii fuudhutiin yookin duula waraanatiif ijoollee isaanii akka kennan gaafatamu.
“Waraana Tigraay irratti waa’ee ijoollee hirmaatanii karaa miidiyaa biyyattiitin illee waanti itti himame hin jiru. Waa’ee waan uumamee fi gatii kaffalamaa jiruu eenyuyyuu itti hin dubbatu,” jedhu.
Biyya kamiyyuu keessatti, biyyoota abbootii irreetin gaggeeffaman keessatti dabalatee waanti waraanatti nama geessu haalli dirqisiisan yoo jiraate mana maree bakka bu’oota uummataatin ykn mana maree ministeerotaatin akka murtaa’u ibsu Pirofeesar Gaayim.
Bara 1992 kan hundaa’e manni mare biyyoolessa Ertiraa garuu kana akka hin goone hin goone fi bara 2002 irraa kaasee waggoota 20 darbaniif manni maree kun walitti qabamee akka hin beekne ibsu.
Itti dabaluunis miseensonni mana marichaa kaan yoo hidhaman, kaan ammoo ni dhokatan. Kaan dhukkubsatanii yoo du’an hedduun isaanii sababa dullumaan hojiirra akka hin jirre himu Pirofeesar Gaayim.
Namni siyaasaa Obbo Saangel Waldatinsaa’ee gama isaanitiin, Kaabineen Ertiraas bara 2018 yeroo araara Itoophiyaa fi Ertiraa sana guyyaa walakkaadhas erga wal gahanii as wal gahanii akka hin beekne ibsu.
Gidduu isaanitti garaa garummaan Pirezidaant Isaayas to’achuu hin dandeenye uumamuu irraa kan ergasii akka wal hin geenyetu himama.
Gaggeessitoonni “Adda Dimokiraasi fi Haqa Uummataa” miseensota 19 qabu sababa baqaa, hidhaa, qaama miidhamummaatin wal arganii mariyachuun murtee dabarsuu akka hin dandeenye.
Waraana ammaa kanan adda dureen kan itti gaafatamuu qabu Isaayasi fi aangawoota Tikaa akka ta’e amanu Obbo Saangeel.
“Badii Ertiraarra gahe hundaaf Isaayas qofaa isaa gochuu hin danda’u. Fayidaa mataa isaanif jecha yookin kaayyoo ofii isaanif jecha yaada Isaayas fudhachuun dargaggoota fi jaarsolii guuranii kan waraanatti warri oofan kan gaafatamuu qaban jiru.”
Abdurhaman gama isaanin, “Miidhaa Ertiraanota irra gahu kamiifuu kan itti gaafatamuu qabu….” jedhu.
Isaayas fi bulchiinsa isaa eenyutu gaafatamaa gochuu danda’a?
Namni siyaasaa Obbo Saangel, "Abbootun irree hunduu dhuma bara jireenya isaanitti itti gaafatamummaa jalaa miliquu waan hin dandeenyef, bulchiinsi Isaayasis waraana uummanni sagalee isaa hin dhageessifne keessatti dargaggoonni akka dhuman gochaa jirus guyyaan seera fi seenadhaan itti gaafatamu fagoo miti" jedhu.
Gaazexeessa fi barreessaa Mahmud Abubakar ammoo walabummaan biyyaa kan mirkanaa'u nagaa fi dimokiraasii qofaan akka ta'e himu.
Dabaluunis, amma Itoophiyaatti qaamoleen wal waraanan Afrikaa Kibbaatti waan walii galaniif mootummaan Ertiraa dhimma daangaa ilaalchisee mootummaa Itoophiyaa waliin mariyatee furuu akka qabu ibsu.