Muka waggaa 2,500 jiraatu beektuu?

Mukti umurii waggaa 2,500 jiraata jettanii yaaddanii beektuu? Mukti kun 'baobab' jedhama.

Keeniyaa keessatti qote bultoonni mukkeetin baay'ee gurguddoo ta'an kunneen iddoo qonnaa fudhatu jechuun dhaabbata biyya alaa tokkottii gurguratan.

Dhaabbanni biyya Joorjiyaa tokkos mukeetii gurguddoo saddeeti bituun fayyaadhumatti buqqisee fudhatee deemuf ture.

Haata'u malee, ogeeyyiin kunuunsa naannoo biyyattii gochaa kana "hanna qabeenya uumamaa" jechuun ibsa.

Ministeerri eegumsa naannoo Keeniyaa akka jedhetti, muka waggaa 2,500 jiraachuu danda'u kana dhaabbanni bite hayyama sirrii ta'e hin arganne jechuun gosti mukaa kanaa akka hin gurguramne dhorke.

Qotee bultoonni tokko tokko akka jedhanitti, lafa isaanii muka gurguddaa kanaan qabamee jiru buqqisanii boqqoolloo facaasuu akka barbaadan himan. Qote bultoonni kunneen muka 'baobab' jedhamu kana dolaara 800 hanga 2,400'tti gurguratanii turan.

Mukkeen kun umurii hangam akka jiraatan hin beekamne, garuu kanneen buqqa'anii miidiyaa hawaasaa irratti qoodaman hiddi, jirmii fi haafti isaa baay'ee guddaa akka ta'etu mul'ata.

"Mukeen 'baobab' qaamolee lamaan qaamolee lamaan gidduuttu walii galteen seera qabeessi hanga taasifamutti akka fe'amee biyyaa hin baane walii galleera," jedhan Ministira Kunuunsa Naannoo fi Bosonaa kan ta'an Soyipan Tuuyaa.

Mukkeen saddeettanuu gurguramanii turan buqqa'uu fi dhiisuu Aab Soyipan waan jedhan hin qaban. Garuu qaama mootummaa mukkeen kun akka gurguramaniif eeyyame irratti tarkaanfin akka fudhatamu dubbatan.

The Guardian ji'a Onkoloolessaa keessa mukkeen 'baobab' erga buqqa'anii booda gara biyya alaaasudhaaf akka turee fi qaamoleen nageenya mootummaa eegaa akka turan ibse.

Mukkeen kun Joorjiyaatti kan argamu giddu gala qorannoo biqilootatti geeffamaa akka turetu gabaafame.

Awustiraaliyaa fi Afrikaa Kibbaattis mukti 'baobab' baay'ee barbaadama waan ta'eef gabaan isaa hoo'adha.

Gama biraan ammoo firiin muka 'baobab' albuudawwan akka vaayitamin C, Kaalsiyeemii, antioksidantii, potaasiyeemii fi faayibariii fa'aan kan badhaadhedha jedhama.