Hojjattoonni buufa xayyaaraa Keeniyaa doolaara 19,000 abbaadhaaf deebisan jajaman

Hojjattoonni buufata xayyaaraa Keeniyaa lama fi poolisiin tokko doolaara 19,000 fi meeshaalee gati jabeeyyii biroo abbaadhaaf deebisuu isaanitiif baay’ee jajamaa jiru.

Qarshiin kana kan gate nama lammii UK Bensan Nikolsan jedhamu yoo ta'u daawwannaaf gara Keeniyaa dhufee ture.

Korojoo qarshii fi meeshaalee gati jabeeyyii ta’an biroo kan gate bakka hawwata turizimii Keeniyaa kan ta’e Maasayi Maaraadhaa erga deebi’een booda buufata xayyaaraa magaala Naayiroobitti argamuttiidha.

Hojjaattoonni buufata xayyaarichaa fi poolisiin tokko korojoo turistii kanaa meeshaalee dhorkaa ta’an kanneen akka dhootuu of keessaa yoo qabaate sakkatta’uuf fuudhanii qarshii fi meeshaalee biroo keessatti erga arganiin booda abbaa korojichaa kan ta’e Bensan qunnaman.

Qarshiin shilingii Keeniyaa miliyoona lamaa fi kuma dhibba sadii oli ta'a.

"Qarshichi walii galan dolaara 19,000 fi Shilingii Keeniyaa kumoota kan ta’u homtuu hin tuqamne. Kaardiiwwan koo hundinuu hin banne.

“Meeshaleen gati jabeeyyin kanneen akka kennaa dirataa miidhagaa akkawoon koo naaf kennite hin tuqamne. Anaaf guyyaatu abjuu natti fakkaate,” jechuun poolisii Keeniyaa galateeffate Bensan.

Qarshii guddaa kana baatee kan dhufes garee wajjin daawwannaaf dhufan baasi fi waan isaan barbaachisu raawwachuuf akka ta’e dubbate.

“Garee koo hunda wajjin buufata Xayyaaraa Wilson geenye. Korojoo baay’ee qabna turre, garee sana anatu dura bu’ee gaggeessa waan ta’eef waa’ee faayinaansi fi wantoota biroo barbaachisan hunda anatu itti gaafatamummaa isaa fudhatee.

“Deemsa keenyaaf kan nu barbaachisu qarshii heddu anatu harkaa qaba ture,” jechuun ibse imeelii poolisii Keeniyaa galateeffachuuf barreessen.

To’ataa nageenyaa buufata xayyaarichaa kan ta’e Joosef Kaabangi, amanamummaan duudhaalee hojjattoota buufata xayyaarichaa keessaa tokko ta’uu miidiyaa biyya keessaa Citizen TV jedhamutti dubbate.

Gama biraan ammoo paayileetonni daandii qilleensaa Keeniyaa diddaa hojii dhaabuu gaggeessuf guyyaa boriitti beellamachuu isaanii aangawoonni yuuniyeenii hojjattoota daandii qilleensichaa ibsan.

Kaayyoon diddaa hojii dhaabuu isaanii ammoo daandin qilleensa biyyaattii soorama hojjattootatiif gahee dabalataa akka kanfalu kan jedhuudha jedhame.

Waldaan Paayileetota Daandii Qilleebsa Keeniya Sanbata boruu ganama sa’aatii 12:00 irrraa kaasee paayileetonni Buufata Xayyaara Joomoo Keeniyaatti hojiirratti akka hin argamne beeksise.