Maanguddoo Jarman talaallii Koronaa yeroo 217 fudhatan

Madda suuraa, PA MEDIA
Jarmanitti maanguddoon ganna 62, faallaa gorsa ogeeyyii fayyaa adeemuun talaallii Covid yeroo 217 fudhachuu doktaroonni ibsan.
Gochaan kunis barruu Laanseet Infeekshees Diiziiz jedhamurratti maxxanfameera.
Talaaliiwwan kunniin bitamanii dhuunfaatti maanguddoo kanaaf kennama kan turan turtii ji'oota 29 gidduuttidha.
Maanguddoon kun sababa talaallicha deddeebisanii fudhataniif rakkoon fayyaa isaan mudate akka hin jirre qorattootni Yunivarsiitii Elaangeen-Nuuremberg beeksisaniiru.
''Waayee kanaa kan barre gabaasa gaazexaarratti baherraayi'' jedhu barsiisaan muummee Maayikiroo Bayoolojii Dr Kiiliyaan Shoober.
''Achii booda qunnamnee Erlaangenitti qorannoo akka nu waliin gaggeessu gaafanne. Kana gochuutti baayyee gammadaa ta'e.''
Maanguddoon kun qorannichaaf dhiiga haaraa kennan, saamuda hancufaas qorachiisan. Qorattootni saamuda dhiigaa fi kanneen biroo cabbeefamanii kaahamanis qorataniiru.
Dr Shoober saamuda ofii fudhataniin sirni ittisaa qaama keessa jiru akkamiin talaallii fudhatamef deebii akka kennu qorachuu himaniiru.
Adeemsi maanguddoon kun talaalliiwwan hanga kanaa itti argatan tarii yakka tauu danda'aa jedhamee erga qorannoon gaggeefamee booda wanti himachiisu osoo hin argamiin hafeera.
Akka qorannoo ogeeyyii Yunivarsiitichaan sababa talaaliiwwan kanaan infekshiniin mudate hin jiru, garuu ammoo qaamni akkam godhee dhibicha akka of irraa qolatu ni barsiisa jedhan.
Dr Shoober dhiibbaa ijoon talaallichi geessisu jiraachuu baatus sirna dandamannaa dhibee qaama keessaa talaallii kanaan irra deddeebiin si'eessuun seelota hanga ta'e dadhasiisuu danda'a jedhu.
Ammoo maanguddoo ganna 62anarratti garuu dhiibbaa sanas hin agarre. Maanguddoon kun Covid'n qabamee akka beeku wanti akeeku tokkollee hin argamne.
Qorattotni kun damdamannaa qaama xqqessuuf talaallii baayyisuu akka tarsiimoo gaariitti hin gorsinuu jedhaniiru.
Qo'annoo maanguddoo kanarrtti godhameerraa ka'uunis waayee talaallichaa bu'aan qorannoo uummata hundaaf hojjetu hin jiruu jedhan.
Talaalliin kun waqtii waqtiitti kan kennamu ta'us dandamannaa irratti hunda'uun namoota hedduu saaxilamo ta'uun adda baheef dabalataan kennamuu danda'a jedhu.












