Akka kooviid addunyaa waliin ga'a jedhamee kan sodaatamu 'Weerarri X' maali?

Madda suuraa, Getty Images
Kora diinagdee torbee darbe Siwiizarlaand magaalaa Daavoos keesatti gaggeeffame cinatti, aanga'oonni olaanoon biyyoota addunyaa rakkoowwan fayyaa yaaddessoo ta'an irratti mari'ataa turan.
Weerarri akka kooviid mudachuun dura maaltu godhamuu akka qabu, akkamiin qophaa'uu akka qaban irratti balbala cufatanii guyyoota hedduuf mar'atan.
Weerara amma yaaddoo itti ta'ee fi irratti mari'achuuf dirqaman kana yeroof maqaasaa ''Weerara X'' jedhaniin.
Dhaabbati Fayyaa Addunyaa kanaan booda of gatuu hin qabnu, weerara as adeemuuf dursinee itti qophaa'uun dirqama jechuun akeekkachiise.
Sababnisaa osoo dursa qophiin taasifameera ta'ee godaannisi weerarri kooviid addunyaarraan ga'ee darbe, gatiin biyyooti addunyaa kaffalan, haga kana hin hammaatu ture jedhan qondaaltonni damee fayyaa dursan.
Osoo sadarkaan wal'aansa fayyaa kanarra fooyya'eera ta'ee sababa kooviid kisaaraan maallaqa tiriiliyoonaan addunyaa mudate kanarra ni hir'ata ture jedhe jaarmiyaan fayyaa addunyaa- WHO.
'Weerarri X' maali?
Dhibeen kun amma addunyaa mudatee kan jiru osoo hin taane, weerarri gara fuula duraatti mudachuu mala jedhamee sodaatamuudha.
Kanaaf maqaa sirrii hin arganne, garuu dhufuunsaa waan hin oolleef yeroof maqaa 'Weerara X' jedhu kennaniif.
Tarii biyya tokkotti mudatee addunyaa kan waliin ga'u ta'uu danda'a.
Yookiin ammoo biyyoota garii miidhee isa booda kan to'atamu ta'uus danda'a.
Maqaan akkasii kun weerara kooviid duras tureera. Dhaabbati Fayyaa Addunyaa bara 2018 dura maqaa kana tuqee ture.
Dhaabbata kana keessa kutaan dhibeewwan bifa weeraraan ka'uu malan to'atuu fi dursanii akka itti qophaa'aniif mala dhahu jira.
Yeroo weeraraa ammoo qo'annoo fi qorannoo taasisa, talaallii oomishee yaalii taasisa, dawaas ni qopheessa kutaan kun.
Hojiinsaa ijoon weerarri tokko yoo mudate hatattamaan akka to'atamu tattaafachuudha.
Yeroo dhihoo as dhibee hedduun bifa weeraraan wayita ka'an argaa jirra.
Saarsi, Qufaa Siwaayin, Iboolaa fi dhiheenya kanammoo weerara kooviid argineerra.
Kanaafidha ogeeyyiin weerarri addunyaa itti aanu maal akka ta’u dursanii mari’achuu kan jalqaban.
Ogeeyyiin fayyaa weerarri dhufaa jiru kun hanga har'aatti isa hamaa ta'uu mala jechuun sodaa qabu.

Madda suuraa, Getty Images
'Weerarri X' dhibee addunyaa weeraru ta'uu danda'aa?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kora diinagdee addunyaa torbee darbe Daavoos keessatti taa'amerratti dhimmoota ijoo irratti mari'ataman keessaa tokko yaaddoo weerara haaraa kanaati.
Marii dhimma 'Weerara X' irratti gaggeeffame kan dursan Daarektara Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teedroos Adihaanoom.
Mata dureen marii kanaa ''Weerara X jedhamuuf of qopheessuu,'' jedha.
Mariin kun kan irratti xiyyeeffate gara fuulduraatti weerarri kan kooviid caalaa hamaa ta'e yoo mudate, jaarmiyaaleen fayyaa jiran akkamiin hatattamaan qolachuu danda'u kan jedhuu fi kanarratti akkamiin of qopheessina kan jedhuudha.
Dr teediroo maricharratti yoo dubbatan, ‘‘Namoonni tokko tokko osoo dhibeen hin mudatiin qophii taasisuun soda uumuu danda’a jedhu. Haata’u malee kan nu baasu, qophii gahaa taasisuudha. Seena ilmaan namaa keessatti weerarri mudatee beeka, gara fuulduraattis ni mudata,’’ jedhan.
Weerarri Covid-19 kan baayyeen eeganii turan miti. Garuu ammo oggeessoonni weeararri mudachu akka danda’u dursanii akeekkachaa turan.
Oggeessoota kanneen keessaa baayyeen ammas duras weerarri beeloodata irraa ka’u yaaddeessaa ta’u himan.
Weeraroota hanga ammaatti mudatan harki 75 kan ta’an kanneen beeladoota (zoonotic) ta’aniidha. Kana jechuun kan beeladoota irraa namootatti darbaniidha.
Covid’s achumaa dhufe. Chaayinaa-Wuuhaan keessattigabaa qalma beeladootaatii akka ka’e amanama. Amalli ilmaan namaa, jijjiramni haala qilleensaa, sochii saffiisaan namoonni eddoodhaa gara eddo biraatti taasisan, ilmaan namaa naanawa bineensoota bosonaatti argamuu fi jireenyasaanii jeequu, dhiibeewwan bineensoota irraa ka’aniin weerarri akka ka’u taasisuu akka danda’u dubbatu oggeeyyoonni.
Babal’achuun magaalootaa, baayyinni ummataa saffisaan dabaluu, daldalli cimuun keessattuu yeroo weerarri ka’uutti haala salphaa ta’en addunyaa akka qaqabuuf haala gaarii mijeessa jedhu oggeessoonni.

Madda suuraa, PA MEDIA
Addunyaan weerara dhufuuf hangam qophoofte?
Yaa’ii Diinagdee Addunyaa Daaviisitti gaggeeffameerratti Dr Teediroos waajirrisaanii weerara ittaanuuf qophii eegalu himan.
Kunis wiirtuu fandii weeraraa fi wal jijjirraa teknolojii saaquu dabalata. Wiirtuuwwan lamas Afriikaa Kibbaatti saaquudhaan, tokkoonsaa achuumaan talaallii oomishuu akka eegalu gichuuf karoorfameeti.
Karoorrii biraa ittaanu ammo raabsaa talaallii biyyoota misoomaniifi kanneen hiyyeeyyi jidduu haqa qabeessa gochuufiidha.
Gama kanaatiin tibba Covid qaawwii hedduun akka ture ni yaadatama.
Gamtaa Awurooppaatti qondaaltoonni To’annoofi Ittisa Dhukkubootaa, gabaasa bara 2022 baasee tokkoon, bu’uuraalee msoomaa fayyaa haaraa diriirsuuf yaaluu irra kanuma jiran cimsuunweerara dafanii dhaabuuf ni gargaara jedhe ture.
DHaabbanni Fayyaa Addunyaa bara 2022tti yaadawwan gorsaa 10 maxxansee ture. Yaadniwwan kunneen mala saffiisaadhaan attamiin odeeffannoo fayyaa walitti qabuufi qooduun akka danda’amu, attamiin xinxaluun akka danda’amu kan jedhu kan ibsuudha.
‘‘Sirna saffiisaa ittiin dhukkubni to’atamuufi hordofamu (disease surveillance system) yeroo weerar mudatuutti dafamee akka qaqabamu ni dandeessisa.
Weerarri tokkicha erga mudateen booda lubbuu namoota hedduu dhabamsiisuu danda’a. Gatii baayyees ni baasisa. Hojiin to’achuf humnaan ol ta’u danda’a’’ jedha yaadicha keessaa tokko.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa weerarri yeroo hunda madda beekum irraa madda jedhee hin amanu. Yeroo tokko tokkos haala ilmaan namaatiif ifa hin taanee fi haalli jiraachusaanii mataansaa hin hubatamneetti ka’u danda’a.
Kanaaf furmaannisaa ammo, teknolojii talaallii guddisuufi hammayyeessuu akka ta’etti kan aman jiru.
Talaalliiwwan Covid baayyeen kan oomishaman bara weerarichi itti mudate keessa ture. Kunis seenaa wallaansaa keessatti ajaa’iba kan jechisiiseedha.
Gara fuulduraatti saayintistoonni yeroo qusachuuf jecha haala talaaliwwan kanaan dura omishaman qindeessuun yeroo gabaabaa keessatti talaallii haaraa itti omishan yaadu qabaatu.
Yoo kun raawwatame weerara, fakkeenyaa Covid-X osoo mudate, yeroo gabaabaa keessatti to’achuun ni danda’ama.
Akkas yoo hin taane garuu, miidhaan Covid-X qaqabsiisuu kan Covid-19n qaqabsiiseerra kan cimu ta’u danda’a.












