Dhukkubni sukkaaraa maali? Attamiin irraa of eeguun danda'ama?

Madda suuraa, Getty Images
Dhukkubni sukkaaraa kan umurii guutuu nama waliin turu yoo ta’u, addunyaarratti waggaan namoonni miliyoona tokkoo ol sababii kanaan du’aaf akka saaxilaman maddeen ni mul'isu.
Dhukkubichi kan mudatu yeroo ammi sukkaara (glucose) qaama keenya keessaa qabnu haala sirrii ta’een maddisiisuu dadhabudha.
Kunis dhibeewwan akka dadhabbii onnee, istrookii, arguu dadhabuu, kaleen hojii dhaabuu fi qaama dugdaan gadii irraan miidhaa olaanaa qaqqabsiisuu danda’a.
Addunyaarratti lakkoofsi namoota dhibee sukkaaraan miidhaman dabalaa jira.
Akka Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti, waggoottan 40 darban keessa dhukkubsattoonni dachaa afuriin dabaluudhaan amma namoonni miiliyoona 422 dhukkuba kanaan qabamaniiru.
Dhukkubni sukkaaraa baayyee balaafamaa ta’ulleen, namoota dhukkubichaan qabaman keessaa walakkaansaanii rakkoo fayyaa kana akka qaban hin beekan.
Haata’u malee haala jireenyaa jijjiruudhaan dhukkuba balaafamaa kanaaf akka hin saaxilamne carraasaa hir’isuun akka danda’amu ogeeyyiin ni dubbatu.
Dhukkubni sukkaaraa akkamiin mudata?
Yeroo nyaata soorannu qaamni keenya kaarboohaayidreetii gara sukkaaraa ykn giluukoosiitti geeddara. Hadhooftuun qaama keenya keessatti oomishamu seeliin qaama keenyaa annisaa oomishuudhaaf sukkaara akka qabatu ajaja kenna.
Hadhooftuun oomishamu yoo baatee ykn haala sirrii ta’en yoo hin omishamne, sukkaarri qaama keenya keessatti walitti qabamuun dhukubni sukkaaraa nu qabuu danda’a.
Gosoota dhukkuba sukkaaraa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhukkubi sukkaaraa gosa garagaraa qaba. Gosti sukkaaraa Type-1 jedhamu kan mudatu yoo hadhooftuun oomisha dhaabee sukkaarri ujummoo dhiigaa keessatti tuulamudha.
Qorattoonni kun maaliif akka mudaturatti sababii sirrii ta’e beekuu baatanis, sanyiidhaan akka darbuufi yoo seeloonni hadhooftuu omishan infekshiniidhaan miidhame ta’uui danda’a tilmaama jedhu qabu.
Namoota dhukkuba sukkaaraan qabaman waliigalaa keessaa harka dhibba keessaa 10 kan ta’an kan gosa sukkaaraa Type-1 jedhamuun kan qabamaniidha.
Gosti sukkaaraa lama (Type-2) jedhamu ammoo, hadhooftuun haala gahaa ta’en yoo oomishuu dhaabuutti ykn yoo hormoniin haala sirrii ta’een hojjachuu dhaabuudha.
Hadhooftuun hormoonii qaama keenyaa oomishamu yoo ta’u, kan sukkaarri qaama keenyaa akka wal fudhatu taasisuudha.
Gosti kanaas yeroo baayyee kan miidhu namoota umurii jidduugalaa keessatti argamaniifi kanneen umuuriidhaan jaaraniidha.
Akkasumas garmalee furdachuufi dargaggoonni sochii qaamaa hin taasifne akkasumas gosti ummata kibba Eshiiyaatti argaman muraasa irratti akka mul’atu himama.
Dubartoonni ulfaa tokko tokkoos sababii ulfaa’utiin wal qabate dhibeen sukkaaraa mudachuu danda’a. Kun kan mudatus yoo qaamni hadhooftuu haadhaafi miciree garaa keessaatiif gahaa ta’e oomishuu dadhabuudha.
Qorannoowwan adda addaa akka agarsiisaniitti, dubartoonni %6-16 ta’an dhukkuba sukkaaraa ulfaan wal qabatee dhufuun qabamu.
Dhukkubichi akka gara gosa 2tti hin jijjiramneef haadhooliin ulfaa haala soorata isaanii sirreessuudhaan, sochii qaamaa taasisuun ykn qoricha insuliinii fudhachuudhaan hamma sukkaara qaamasaanii keessaa to’achuu qabaatu.
Kanaan alatti namoonni dhibee sukkaaraan qabamuusaanii qorannoodhaan adda baasuu ni danda’u. Hangi gulukoosii baayyeen qaama keessa jiru gara dhibee sukkaaratti geessuu danda’a.
Mallattooleen dhukkuba sukkaaraa maali fa’i?
Miira dadhabbii olaanaa, dheebuu bishaanii adda hin cinnee fi haala barameen addatti irra deddebbiin fincaan nama qabuun, mallattoolee dhukkuba sukkaaraa bal’inaan mul’ataniidha.
Ulfaatinni qaamaa hir’achuu, madaa’uu qaamaa irra deddebiin mudatu, iji barariisuu akkasumas madaa’ina qaamaa salphaa fi dafee fayyuu diduun mallattoo namoota hedduurratti mul’atu.
Akka tajaajila fayyaa biyyaaleessa Biritishitti, mallattoowwan gosa shukkaara Type-1 kan yeroo umurii daa’imummaatti mul’atu yoo ta’u, dhukkubbiinsaa cimaadha.
Gosti dhukkuba sukkaaraa Type-2 jedhamun namoonni miidhaa olaanaarra qaqqabuu danda’an kanneen umuriinsaanii waggaa 40 fi isaan ol ta’an, kanneen miseensa maatii akka haadhaa, abbaa, obboleessaafi obbooleettii sukkaara dhukkubsatan qabaniiti.
Kana malees, namoonni furdina garmalee qaban, lammiilee Chaayinaa biyyoota kibba Eshiyaa irraa ta’an, Afroo- kaaribiyaanii ykn sanyii Afriikaanoota gurraachaa mudachuu danda’a.
Dhukkuba sukkaaraa ittiisuun ni danda’amaa?
Dhibeen sukkaaraa mudachuu kan danda’u haala sanyiifi naannoo irratti hundaa’un.
Haata’u malee sirna soorataa fayya-qabeessa ta’e hordofuu fi sochii qaamaa taasisuudhaan amma sukkaara qaama keenya keessaa to’achuun ni danda’ama.
Bakka sukkaaraa nyaata kuduraaleefi midhaan dheedhii nyaachuudhaan hamma sukkaaraa dhiiga keenya keessaa to’achuun ni danda’ama.
Gosoota nyaataa fi dhugaatii warshaalee keessatti oomishaman, daabboo adii fi paastaa hir’isuun gaariidha.
Daabboo adii, ruuzii adii, paastaa adii, dhugaatii lallaafaa, nyaata mi’aawwaa akka sukkaaraa jiran fayyinaaf sodaachisaa ta’usaatiin alatti, qabiyyeensaanii qaama keenyaaf fayyadan keessaa bahaniiru.
Dhukkuba sukkaaraa ittisuufi to’achuudhaaf ashaakiltii, kuduuraafi muduraa akkasumas midhaan dheedhii sorachuun faayidaa gaarii kan qaban ta’uu ogeessoonni ni gorsu.
Sochii qaamaa taasisuun hanga sukkaaraa to’achuuf gaariidha. Tajaajillii Fayyaa Biyyaaleessa UK (NHS) saffiisaan imaluufi sadarkaalee bahuun torbaniitti sa’aatii 2.5’f sochii taasisuun akka barbaachisu gorsa.
Rakkoolee dhukkubni sukkaaraa qabaatu
Hangi sukkaaraa olaanaan yoo hidda dhiigaa keessa jiraate hidda dhiigaa haalaan miidhuu danda’a.
Dhiigni haala barbaadamuun yoo qaama keessa socho’uu baate ammoo, haala barbaadamuun kutaalee qaamaa hunda qaqqabuu hin danda’u ta’a. Kun ammoo narvii miidhuu, agartuu dhabamsiisuu fi infeekshinii milarraa uumuu danda’a.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa - WHO akka jedhuutti, dhukkubi sukkaaraa dhibeewwan akka agartuu dhabuu, kaleen hojii dhaabuu, dhibee onnee, istirookiifi dhibeewwan cimaa kaaniifillee madda ta’uu danda’a.
Bara 2016tti addunyaarratti namoonni miiliyoona 1.6 ta’an kallattiidhaan sababii dhibee sukkaaraatiin lubbuu dhabaniiru.
Akka WHO'tti bara 1980tti lakkoofsi namoota dhibee sukkaaraa qaban miiliyoona 108 kan ture yoo ta’u, bara 2014tti ammoo gara miiliyoona 422 ol guddateera.
Akka Federeeshinii Dhukkubsattoota Sukkaaraa Addunyaatti, namoota dhukkubni sukkaaraa irra jiru keessaa parsantaa 80 kan ta’an, kanneen haalli sirna nyaatasaanii saffisaan jijjiiramu biyyoota kanneen galii jidduugalaafi gadaanaa qaban keessatti.
Biyyoota guddinarratti argaman keessattis namoonni dhukkuba sukkaaraaf saaxilaman kanneen nyaata rakasaa fi kanneen warshaadhaan qophaa’an soorataniidha.












