Obboleettiin duree Kooriyaan Kaabaa, US fi Kooriyaa Kibbaa akeekkachiifte

Obboleettii cimtuun hogganaa Kooriyaa Kaabaa Kim Jong-un, waliigalteen Ameerikaafi Kooriyaan Kibbaa dhiheenya taasisan gara ''balaa hamaa caaluutti'' geessa jechuun akeekkachiifte.

Kim Yo-jong miidiyaa mootummaa irratti wayita dubbatteetti, dandeettiin ittisa niikulaara Kooriyaa Kaabaa ''gara sadarkaa milkaa'ina dhumaatti fidamu qabaata'' jette.

Waliigalteen Ameerikaas kan dooniiwwan nikulaara hidhatanii bishaan jala imalan Kooriyaa Kibbaatiif kennuufi akka doorsiisa niikulaara Kaabaa irraa of ittistuuf karoora niikulaara ishee keessatti hirmaachu dabalata.

Kanaafu Kooriyaan Kibbaa meeshaalee waraanaa niikulaaraa mataashee akka hin gabbifannee waliigalte.

Waliigalteen 'Washington Declaration' jedhamuun beekamu kunis, erga pirezidantii Joo Baayidan gitasaanii Kooriyaa Kibbaa Yoon Suk-yeol waliin Ameerikaatti mari'ataniin booda torban kana ibsame.

Aaddee Kiim waliigalee kana eeruudhaa, ''diinoonni cimsanii waraanaa niikulaaraa banuuf yoo shaakalanii fi odola Kooriyaa keessatti yoo meeshaalee niikulaaraa cimsanii bobbaasan, mirgi of ittisuu keenya hojiirra oolchuu kallattii isaanii ta'a'' jetti.

Sochiin kunis ''nageenyii fi tasgabbiin Kaaba-Baha Eshiyaafi addunyaa akka balaa cimaa biraatiif saaxilamu taasisa,'' jechuun akeekkachiifte.

Obbolleettiin hogganaa biyyattii tunis Koree Jidduugala Paartii Hojjattoota Kooriyaa keessatti aangoo murteessaa kan qabdu yoo taatu kallattiidhaan obboleessa isheetti waamamti.

Pirezidantii Baayidan garuu waliigalticha taasifame haleellaa Kooriyaa Kaabaa ittisuuf kan walta'iinsa cimsuudha jechuun leelliisan.

Pirezidantiin Kooriyaa Kibbaa gamasaanitiin, waliigaltichi kutannoo Ameerikaa hin sochoone meeshaa waraanaa nikulaaratti fayyadamuun haleellaa ittiisuufi michummaa eeguuf qabdu kan agarsiiseedha jedhan.

Chaayinaan gama isheetiin ''gochaa ta'e jedhamee mudama umuu, waraanaaf dubbii barbaachuufi doorsiisoo'' jechuun akeekkachiifte.

Haala waliigaltichaatti, Ameerikaan dooniiwwan waraanaa nikulaara hidhatan qabeenyaawwan kaan waliin waggoota 40 as yeroo jalqabaatiif, Kooriyaa Kibbaatiif ergiti.

Akkasumas gareewwan lamaan karoora irratti mari'achuuf Garee Gorsituu Niikulaaraa waliin ni ijaaru.

Qondaaltoonni siyaasaa Kooriyaa Kibbaas Ameerikaan akka caalaa karoora yoomiifi attamiin haleellaa nikulaara Kooriyaa Kaabaa akka itti ofirraa ittisan keessatti akka hirmaachiftuuf dhiibbaa gochaa turan.

Doorsiisni nikulaara Kooriyaa Kaabaa qaamoolee lamaanuu yaaddoo cimaa keessa galcheera. Kooriyaan Kaabaa meeshaa waraanaa nikulaaraa taaktikii Kooriyaa Kibbaa haleelluu danda'uufi kan US Meeyinlaand qaqabuu danda'u gabbiisaa jirti.

Ameerikaan Kooriyaa Kibbaa ittisuuf waliigaltee seeraa kan qabdu yoo ta'u, barbaachisaa wayita ta'eetti meeshaa nikulaaraa fayyadamuuf duraan gaafattee jirti.

Garuu ammoo muraasni Kooriyaa Kibbaa keessatti waliigalticha shakkuu waan eegalaniif biyyattiin sagantaa nikulaaraa kan mataashee gabbiisuu akka eegaltuuf gaafatana.