Harka tujaara UAE kan jiru Maan Siitiin waancaa sadi mo'achuun akkuma jajame, maaliif gaaffii seene?

Maanchistar Siitiin waancaawwan Piriimer Liigii, FA fi Chaampiyoonsi Liigii mo'achuun abbaa waancaa sadii ta'e

Maanchistar Siitiin Tarkii, magaalaa Istaanbulitti waancaa Chaampiyoonsi Liigii mo'achuun, hawwiisaa waggoota dheeraa milkeesseera.

Siitiin bara taphaa tokkotti waancaa sadi fudhachuudhaan seenaa kilabii kubbaa miillaa Ingilizii keessatti kilaba lammaffaadha.

Seenaa kana morkataa Siitii kan ta'e Maanchistar Yunaayitid bara taphaa 1998-99 galmeessee ture.

Yeroo sana maqaansaayyuu ka'aa kan hin turre Maanchistar Siitiin, amma bara tokkotti waancaa sadi harka galfachuun seenaa dalage.

Siitiin osoo gara Istaanbul hin imalin qaata Yunaayitidiin caale, dirree keessattis ta'e dirreen alatti.

Injifannoon isaa ammoo olaantummaa gama ispoortiin jiru Maanchistar, Ingilaand fi Awurooppaa keessatti jijjiireera. Amma aangoon harka Siitii galeera.

Maqaan Siitii gaafa ka'u akkaataan taphasaanii, leenjisummaan Gaardiyoolaa, sirni isaanii waliigalaa fi caasaan kilaba isaanii akka jirutti qaamaa-qalbii namaa hawwata, akkaan nama ajaa'iba.

Kilaba kubbaa miillaa Maanchistar Siitii jala kilaboota 13tu jiru.

Kilabiin taphattoota umrii waggaa 18 gadii barana waancaa biyyaalessaa yeroo sadaffaaf walitti aansee fudhachuun seenaa keessatti kan jalqabaa ta'eera.

Taphattoota umrii waggaa 21 gadiinis walitti aansuun yeroo sadaffaaf waancaa Piriimer Liig 2 jedhamu fudhateera.

Gareen kilabii kubbaa miillaa dubartootaa Siitii erga bara 2016 irra deebiin hundaa'ee as waancaa FA yeroo sadi fi Suppar Liigii dubartootaa yeroo tokko nyaataniiru.

Kilaba Siitii harka caalaa kan harkaa qaban Sheek Mansuur, magaalaa Istaanbulitti wayita Siitiin tapha waancaa Chaampiyoonsi Liigii taphatu osoo daawwatanii mul'ataniiru.

Pireezidantii UAE Mohammad bin Zayed Al Nahyan(fuul dura kara abitaa) Sheek Mansuur fi Kantiibaa magaalattii Kalduun Al Mubaarak Istaanbul keessatti
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Abbaan qabeenyaa beekamaan kun erga bara 2008 karaa Dhaabbata Investimantii Abuu Dhaabiitiin Maanchistar Siitii gara caalu bitanii booda qabeenyi kilabichi horate akkaan fooyya'eera.

Ergasii Sheek Mansuur yeroo lama qofa tapha Siitii daawwatan.

Ministira Muummee Itti Aanaa Yunaayitid Arab Imireetis (UAE) kan ta'an Sheek Mansuur waggaa 13 keessatti yeroo duraaf tapha kana qaamaan argamanii daawwachuun kilabicha of harka turusuuf fedhii qaban agarsiisa jechuun gaaffiin gara Awurooppaatii irratti ka'uu eegaleera.

Quuqamtoonni mirga namoomaa abbaan qabeenya kun kilabicha of harka tursuun, ''maqaa isaanii bade ispoortiidhaan ijaarrataa jiru'' jechuun qeeqan.

Dhaabbati mirga dhala namaaf falmu- Amnistii Intarnaashinaal biyyi boba'aan badhaate UAE'n maqaa ishee bade ispoortiidhaan ijaarrachuutti jirti jechuun ibse.

Ji'a darbe dhaabbileen miti-mootummaa 40 caalan UAE ''mirga namoomaa fi walabummaa lammiilee sarbeera,'' jechuun himatan.

Keessattuu rogeeyyii mirga namoomaarratti qiyyaafachuun maqaa seeraatiin hacuuccaa raawwataa jira jedha himati isaanii.

Biyyi kun aara gubataa (karboonii) heddumminaan qilleensatti gadi dhiisuunis baayyee komatamti.

Sheek Mansuur bara 2008 paawondii miiliyoona 200n Maanchistar Siitii bitan, ergasii kilabichi taphattoota bituuf paawondii biiliyoona 1.5 baaseera.

Kilabichi yeroo ammaa paawondii biiliyoona afuritti tilmaama, bara darbe paawondii miiliyoona 42 buufachuu ibse.

UAE'n Raashiyaatti michoomuunis warra lixaa mufachiiseera.

Bitootessa darbe mootummaan US kubbaaniyyaawwan UAE oomishaanii hedduu Raashiyaaf erguun qoqqobbii warra lixaa jalaa dandamachiisuu eeruun biyyattii himateera.

Bara darbe ammoo UAE'n, balaaleffannaa weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte ilaalchisuun adeemsa sagalee kennuu UN qopheesse irratti sagalee kennuurraa of qusatte.

Pireezidanti Putiin Onkoloolessa darbe wayita gita isaanii kan UAE Mohammad bin Zayed Al Nahyan waliin mari'atan, michummaa biyyoota lameenii leellisanii turan.

Biyyoota Galoo Galaanaa keessaa UAE'n biyyoota lixaa, keessattuu Biriteen waliin michummaa yeroo dheeraa qabdi ture.

Garuu erga bara darbe Sheek Mansuur dabalatee qondaaltonni UAE fi Pireezidantiin Siiriyaa BAshaar Al Asaad walarganii Biriteen michummaa abbaa qabeenyaa kanaa dhaabdeetti.

Siitiin dhimma kanarratti hanga yoonaa yaada hin kennine.

Abbaa qabeenyummaa tujaara Abuu Dhaabii kan walxaxaa taasise siyaasa addunyaa qofa miti.

Kilabichi waancaa sadi bara tokkotti argachuun maqaa gaarii gonfatus, seera maallaqaa cabsuunis himatamuun rikardii qaba.

Bara 2009 fi 2018 gidduu seera maallaqaa yeroo 100 cabsuun Piriimer Liigiidhaan himatameera.

Siitiin dhimma kanarratti qorannoon akka gaggeeffamuuf tumsa gochuufis eeyyamamaa hin turre, himata jedhamerraa walaba ta'uus himata.