Daandiiwwan qilleensaa Afrikaa baayyina xiyyaarotaan dursa qabatan kam fa’i?

Madda suuraa, Getty Images
Daandii qilleensaa hundeessuu fi hojiisaa ittifufuun damee geejjibaa dandeettii maallaqa olaanaa gaafatuudha.
Xiyyaarotarraa kaasee hanga teeknooloojiiwwan hammayyaa daandiiwwan qilleensaa hojjechuuf barbaachisutti, akkasumas ogeeyyii hojiicha hoojjatan argachuu fi bu’a qabeessuummaan ittifufuun cimaadha.
Biyyoonni Afrikaa hedduun baasii olaanaa taasisuudhaan daandiiwwan qilleensaa mataasaanii qabaachuuf yaalii taasisan illeen, kasaaraan mudateera. Kan jiranis taanaan qorumsa keessa jiru.
Haata'u malee haala kana keessatti, daandiiwwan qilleensaa biyyoota Afrikaa muraasni milkaa’aniiru. Kanneen keessaa Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa dursaan eerama.
Damee geejjibaa qilleensaa dorgommii olaanaa fi baasii guddaa gaafatu keessatti daandiiwwan qilleensaa dandeettii isaanii madaaluu fi sadarkaasaanii beekuuf ulaagaa garaa garaa ni dhiyaata.
Isaan keessaa bakkeewwan itti balali’an, baay’ina imaltoota deddeebisanii, bu’aa waggaatti argatanii fi kkf dursanii eeramu.
Kana malees, ciminni daandiwwan qilleensaa baay’inaafi gosa xiyyaarota tajajijila ittiin kennaniin madaalama.
Lakkoofsa xiyyaaroota qofa osoo hin taane, moodeelli xiyyaarichaa fi tajaajilli kennan ammayyummaa isaanii waliin walitti ida’amee guddina daandiiwwan qilleensaa akka himan dubbatu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Xiyyaroonni boba’aa guuttachuuf osoo hin dhaabbatiin fageenyi balali’an, dandeettiin imaltootaafi fe’umsa qabaniifi teeknooloojii ammayyaa isaan ittiin gargaaraman, guddina isaatiin alatti dandeettii daandiiwwan qilleensaa agarsiisa.
Addunyaarraa baayyina xiyyaarotaan kan daandiiwwan qilleensaa Ameerikaatiin qixxaatu hin jiru. Kanaanis addunyaarratti sadarkaa tokkoffaa hanga 4ffaa qabachuun dursaa jiru.
Bal’ina lafaafi baay’ina ummataatiin Eeshiyaatti aantee sadarkaa lammaffaa kan jirtu ardii Afrikaatti galiin dameen geejjiba qilleensaa argamsiisuu guddaadha.
Daandiiwwan qilleensaa gabbaa geejjiba qilleensaa keessatti dorgomaa ta’uuf, keessumaa weerara Covid-19 booda, bakkeewwan itti balal’ian baay'isuu fi lakkoofsa xiyyaarotasaanii dabaluuf bitachaa jiru.
Kanaafis Daandii Qilleensaa Itoophiyaa fakkeenya dhiheenyaati.
Daandiin qileensaa Itoophiyaa dhiheenya kana Booyiing irraa xiyyaaroota hammayyaa moodeelii777-9 baayyinni saanii bitachuuf guyyootaan dura waliigaltee mallatteesse.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa waliigalteen kun xiyyaarota imaltootaa saddeet bituu fi 12 ammoo bittaa dabalataan raawwatamu malu kan hammate ta’uu beeksise.
Waliigaltichaanis bittaa xiyyaaroota imalaa saddeetii fi bittaa raawwatamu danda'aman 12 kan dabalataa kan hammatu akka ta'e Daandiin Qileesnsichaa beeksiiseera.
Xiyyaaronni doolaara biiliyoona 11’n bitamu jedhaman kunneen, moodeelota xiyyaaraa Booyiing biroo waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu, boba’aa dhibbeentaa 10 akka qusatu qondaaltonni daandiin xiyyaaraa himaniiru.
Daandiiwwan qilleensaa biyyoota Afrikaa keessaa daandiiwwan qilleensaa baay’ina xiyyaaraatiin sadarkaa dursa qabatan shanan isaan kam fa’i?

Madda suuraa, Getty Images
5ffaa- Daandii Qilleensaa Keeniyaa
Kufaatii Daandii Qilleensaa Baha Afrikaa hordofuun bara 1977 kan hundeeffame Daandiin Qilleensaa Keeniyaa, addunyaarratti bakkeewwan 44tti balali’a. Bakkeewwan itti balali’u kanneen keessaa 35 Afrikaatti argamu.
Bara 2020tti badhaasa imalaa gonfachuun daandii qilleensaa Afrikaa dursaa argate ta'uun kan moggaafame Daandiin Qilleensaa Keeniyaa, waggaatti imaltoota miiliyoona afur deddeebisa.
Daandiin xiyyaaraa kun qabeenyummaan isaa dhibbeentaa 48.9 kan mootummaa Keeniyaa yoo ta’u, xiyyaarota gosa adda addaa 32 qaba.
Xiyyaaronni kunneenis:-
- Booyiing 787-8 lakkoofsaan sagal
- Booyiing 737-800 lakkoofsaan saddeet
- Booyiing 737-300F lama.
- Imbaariyar E190 lakkoofsaan 13 qaba.

Madda suuraa, Getty Images
4ffaa - Daandii Qilleensaa Rooyal Morookoo
Daandii Qilleensaa Morookoon Rooyal jedhamu bara 1957 hundeeffame. Qabeenyummaan isaa harka caalu kan mootummaa Morookooti.
Giddugala isaa Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Mohaammad IV Kaasaablaankaa godhachuun hojii balalii hojjata.
Daandiin xiyyaaraa kun iddoowwan 89 tti kan balali’u yoo ta’u, walumaagalatti xiyyaarota 51 qaba.
- Imbaariyar E190 lakkoofan afur
- Booyiing 737-800 lakkoofsan 30Booyiing 787-9 lakkoofsan afur
- Booyiing 737-800 lakkoofsan shan
- Booyiing 737-MAX 8 lakkoofsan lama qaba.
- Booyiing 767-300 xiyyaara mi’a fe’u tokko.
- ART72-600 lakkofsaan jaha qaba.

Madda suuraa, Getty Images
3ffaa- Daandii Qilleensaa Aljeeriyaa
Daandii Qilleensaa Aljeeriyaa bara 1946 yeroo Aljeeriyaa qaama kolonii Faransaay turtetti kan hundeeffame Air Aljeria jedhamu imaltoota gara Awurooppaatti geessuuf hundeeffame.
Bara 1962 Aljeeriyaan walabummaa yeroo argattu, to'annoo mootummaa biyyatti harka seene.
Daandiin qilleensaa kun biyyoota 28 keessatti balalii biyya keessaa 78 fi idil-addunyaa qaba.
Daandiin qilleensaa kun tibbana Itoophiyaa bakka haaraa taasifachuun balalii eegaleera.
Air Algeria’n moodeelota xiyyaara bal'ina qaban fayyadamuudhaan kan beekamu yoo ta'u, walumaa galatti xiyyaarota 55 qaba.
- Eerbaasii A330 lakkofsaan saddet
- Booyiing 737-800 lakkoofsan 25
- Booyiing 737-700 lakkoofsan lama
- Booyiing 737-600 lakkoofsan shan
- ART 72-2012A lakkoofsan 15
- Hercules L 100-30 xiyyaara fe’iisa tokko qaba.

Madda suuraa, Getty Images
2ffaa- Daandiin Qilleensaa Masrii (Egypt Air)
Bara 1932 kan hundeeffame Egypt Air daandiiwwan qilleensaa addunyaa irratti gara jalqabaa hundeeffaman keessaa tokko.
Kaayiroorraa gara Aleeksaandiriyaatti balali'uu eegaluun tajaajila eegale.
Daandiin xiyyaarichaa kan mootummaa biyyattii yoo ta’u balaliiwwaan idil-addunyaa 100 qaba.
Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Masrii akka giddugala isaa guddaatti itti gargaarama.
Daandiin xiyyaaraa tajaajila fe'umsa xiyyaaraa Afrikaa keessaa isa guddaa kennu yoo ta’u, waggoota itti aanan keessatti lakkoofsi xiyyaaraa ni dabala jedhamee eegama.
IjiptAir, irra caala xiyyaarota Eerbaasii fi Booyiingitti kan gargaamu yoo ta’u, xiyyaarota 82 qaba.
Eerbaasii A220 lakkoofsaan 12
Eerbaasii A320 lakkofsaan
Eerbaasii A321 lakkoofsaan torba
Eerbaasii A330 lakkoofsaan 11
Booyiing 737 lakkofsaan 29 qaba.
6 Booyiing 777
7 Booyiing 787

Madda suuraa, Getty Images
1ffaa- Daandii Qilleensaa Itoophiyaa
Waggoota 80 dura mootii Hayilasillaaseen kan hundeeffame Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa, Afrikaa keessatti saffisaan guddachuun sadarkaa jalqabaa qabate.
Qilleensaa Itoophiyaa ardii Afrikaa addunyaan, Addunyaammoo Afrikaa waliin wal qunnamsiisuun maqaa gaarii horate.
Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee giddugaleessa godhachuun gara kallattii garaa garaatti balali’a.
Buufataalee dabalataa Loomee, Toogoo, Lilonfawe, Maalaawii, fi Luusaaka, Zaambiyaa keessatti baneera.
Daandiin xiyyaaraa kun imaltootaa fi fe'isa geejjibuun gabaa geejjibaa qilleensaa ardicha keessaa qooda olaanaa qaba.
Xiyyaarota ammayyaatiin gara ardiilee shanitti bakkeewwan 150 olitti balali'a.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaarota Boeing, Airbus fi Bombardair kan qabu yoo ta’u, walumaa galatti xiyyaarota 148 bobbaasuun Afrikaa keessatti dorgomaa kan hin qabne ta’uu danda’eera.
Daandiin xiyyaaraa kun qabeenyummaa isaa kan mootummaa Itoophiyaa yoo ta'u, waggaa waggaan doolaara biliyoonaan lakkaa'amu biyyattif argamsiisa.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaaroonni qabu:-
Eerbaasii A350 lakkoofsaan 20
Booyiing 737 lakkoofsaan 44
Booyiing 777 lakkoofsaan 20
Booyiing 787 lakkoofsaan 29
Bombardier Q400 lakkoofsaan 32
Booyiing 767 lakkoofsaan sadii qaba.












