Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalii gara Dambi Doolloo waggootaaf adda citee ture eegaluuf

Madda suuraa, Ethiopian Airlines
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalii gara Dambi Dollootti waggootaaf adda citee ture Wixata, Guraandhala 27, 2024 irraa jalqabuun deebisee eegaluuf qophii xumuuruu BBC'tti hime.
Tajaajilli balallii xiyyaaraa gara Dambi Doolloo addaan citee ture Wiixata dhufu irraa eegaluuf akka ta'e kan BBC'f mirkanneessan qondaala dhaabbatichaa Obbo Solomoon Indaaleeti.
Sababa tajaajilli balalii daandii qilleensa Itoophiyaa kun adda cituusaan wal qabatees hawaasni naannichaa yeroo dheeraaf komii dhiyeeffachaa turuun ni yaadatama.
Qondaalli Daandiin Qilleensa Itoophiyaa Obbo Salamoon, balaliin xiyyaaraa gara Dambi Doollootti torban dhufaa keessa eegalu kunis torbaniitti guyyoota sadiif akka gaggeeffamu mirkaneessan.
Itti ddabalunis, ''Tikkeetiin gurguramuu eegaleera. Torbaniittis balallii sadii taasisuuf karoorfameera. Kanaaf gaafa Wiixata Guraandhala 27 irraa eegalee balallii eegalla,’’ jechuun ture Obbo Salamoon BBCtti kan himan.
Haaluma qondaalli dhaabbatichaa jedhananii, tikkeetiin gara Dambi Dolloo ittiin imalamuf onlaayinii gubbaatti gurguramaa akka jiru BBC'n mirkanneeffateera.
Namoota balalii kana deebisiisuuf gumaachan maal jedhan?
Dr Lataa Tasfaayee, miseensa Parlaamaa Itoophiyaafi Pirezidantii Yunivarsitii Dambi Dollooti yoo ta'an namoota adda duruummaan tajaajilli balalii kun akka deebii'ee eegaluuf adda durummaan dhiibbaa taasisan keessaa tokko.
Sababa tajaajilli balaliin duraan adda citeetiitti hawaasi rakkina keessa turuu kaasuun, amma ammoo balaliin eegaluuf karoorfamusaatti hawaasa gammaduusaa himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dr Lataan buufanni xiyyaaraa naannicha jiraachuun dinagdee hawaasaa akka wayyeessuufi gargaarsaa hawaasaa addaan cite qaqqabsiisuuf akka fayyadu eeran.
Balaliin xiyyaaraa Dambi Doolloo addaan cituusaatti Yunivarsiitii Dambidoolloo dabalatee hawaasa naannichaarra dhiibbaa hawaas-diinagdee cimaa akka uume ibsan.
Kanas fakkeenyaan yoo ibsan, ''Yunivarsitiin keenya maqaa gaarii argatee gara fuulduraatti akka hin adeemne dhiibbaa guddaa geessiseera. Sababiidhuma kanaatiin keessummootaafi pirofesaroota beekumsaafi muxannoo adda addaa qaban illeen yunivarsitii keenyatti waamachu dadhabne ture'' jedhan.
Akkasumas sababii balaliinsi Dambi Doolloo gara Finfinnee kun adda cituusaatti, hojjatoonni Yuunvarsiitchaa dhimmoota adda addaatiif garaa Finfinneetti imaluuf rakkataa turan jedhan.
Dr Lataan itti dabaluun, ''amma garuu dhiibbaa waggoota jahaa oliif gaggeessineefi hojii guddaa hojjatameen, rakkoon naannoo sanaa furamuudhaaf gara kanatti dhufeera'' jechuun balaliin kun eegaluudhaaf daandii dheeraa adeemuu kaasu.
Daandiin Qilleensa itoophiyaa tajaajila balalii Dambi Doollootti taasisaa ture fi waggootaaf adda citee ture deebiisee eegaluuf ta'uttis hedduu gammaduufi akka carroomuutti akka ilaalan dubbatan.
Kanaafuu Wiixata dhufaa yoo balaliin jalqbaa gara Dambi Doollootti deebii'ee eegaluutti haala gaariidhaan simachuuf qophiitti akka jiran illeen dabaluun kaasan Dr Lataan.
Hojii balaliinsi Daandii Qilleensa Itoophiyaa kun akka deebiisee tajaajilasaa kan eegalu gochuu keessattis Yunivarsiitiin Dambidoolloo naannoorraa kaasee hanga dhaabbaticha keessatti qaama dhimmisaa ilaalatu dubbisuutti haarsaa olaanaa akka baase kaasan.
Dr Lataa Tasfaayee, ''yeroo adda addaatti biirootti deedebii'uudhaan, rakkoolee mudatan ibsuudhaan, gaaffiilee kana gama mootummaattilleen dhiyeessuudhaan akkasumas qaamooleen dhimmisaa ilaalatu hundi akka irratti hirmaatan gochuudhaan hojjachisaa turre'' jechuun ibsan.
Mariin adda addaa erga gaggeeffameen booda tajaajilli balalii kun deebii'ee akka eegalu murteeffamuu kan kaasaan Dr Lataan, akka bakka bu'aa ummata Godina Qeelamiitti abbuumaan fudhatanii dhunfaa isaanitiinilleen dhugomuu balaliinsa kanaaf gummaachu dubbatan.
Kana malees yunivarsitiin Dambi Dolloo abbummaadhaan fudhachuudhaan dhimmoota teekiniikaatii kaasee hanga dallaa buufata xiyyaarichaa ijaaruufi qulqullinaasaa eeguurratti hirmaachu dubbattan.
Tajaajilli balaliinsaa kun deebii'usaatti diinagdeen godinichaa akka dadamaquu taasisuun alattis, damee fayyaa, qonnaafi kaan irratti illeen shoora guddaa akka tabatu dubbatu.
Waggoota darban rakkoon hawaasa fi Yunivarsiitichaa gama geejjiban jiru akka furamuu gaafataa akka turan kaasan.
Balali'insi Dambi Doolloo maaliif adda cite ture?
Balaliinsi daandii qilleensa gara Damb Doollootti taasifamu sababii haala nageenyaa naannoosanaatiin akka adda cite akka kaafamu kan dubbatan Dr Lataan, haata'u malee balaliinsi biyya keessaa eddoowwan nageenyi kan Dambi Doolloo caalaa garii itti hin taaneetti illeen imalamaa akka jiru amansiisuu kaasu.
Akkasumas ''ummanni keenyaa tajaajilli balalii daandii qilleensaa kun kan siyaasaan wali hin qabannee ta'u hubachuun kan isaa akka ta'eetti akka qabatuuf irratti hojjachuuf mootummaanis itti amanee gara kanatti deebii'ee jira'' jedhan.
Haaluma odeeffannoo qabanittis gara baatii tokkootiif torbaniitti balaliinsi Finfinnee gara Dambi Doollootti ala sadii ta'e, baatii lammaffaarratti garuu torbaniitti guyyaa torbaatti akka ol guddatu waliigalamu kaasan.












