MM Abiy fi aanga'ootni biroon Dambi Doollootti ijaarsa daandii eegalsiisan

Madda suuraa, Waajira Ministira Muummee
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad, Itti aanaan isaaniifi Ministirri haajaa alaa obbo Dammaqaa Mokonniifi aanga'ootni mootummaa biroon magaala Dambi Doollootti argamuun ijaarsa daandii aspaaltii Dambi Doolloo-Muggii-Dollaa km 50.9 dheeratu jalqabsiisan.
Daandiin kun waggaa sadii fi ji'a ja'a keessatti kan xumuramu akka ta'eefi baasiin qarshii biiliyoona 1.6 kan itti bahu akka ta'e hoji gaggeessaan abbaa taayitaa daandiiwwanii Itoophiyaa Injinar Habtaamuu Taganyi himaniiru.
Piroojeektiiwwan biroon saddeetis kan itti fufan akka ta'u dubatan. Kaampaniin Chaayinaa 'China railway seventh group' akka hojjetus dubbatan.
''Hojiin kun yeroo qabameen dura xumuramee akka eebbifasaaf wal arginu nageenya eegsisuun tumsaa'' jechuunis dhaaman.
MM Abiy Ahimad Lixa Oromiyaa keessatti hojii misoomaa dagatamee ture reefu eegalaa jirra jedhanii, dargaggotni nageenya eegsisuun yaada mormii yoo qabataniis karaa nagaa akka dhageessisan waltajjii bakka bu'ootni uummataa irratti argaman irratti dhaaman.
Pireezidantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa Lixni Oromiyaas ta'e lixni biyyattii akkuma jirutti dukkana keessa ture, amma ifa baasuuf qormaata keessatti hojiilee hedduu hojjechaa jirra jedhan.
''Lixa Oromiyaarratti dukkana osoo hin ta'iin ifa caalmaatu bahuu qaba'' jedhan.
MM Abiy Ahimad maal jedhan?
MM Abiy Ahimad haasaa taasisaniin namoota naannoo sanii bahanii biyyaafii addunyaarratti beekaman akka Abdiisaa Agaa yaadatani.
Namoota bebbeekamoo naannoo sanii bahan biroo akka Luba Guddinaa Tumsaa, Maartii Luutar Kiingiin gadi nama hojjete miti jechuun leellisan.
''Maartiin Luutar Kiing keenya Luba Guddinaa Tumsaati'' jedhan.
Namoota qabsoo uummata Oromoo fi Itoophiyaaf aarsaa kaffalaniiif ammallee qabsaa'aa turaniifi jiran akka Baaroo Tumsaa, Leencoo Lataa, Haayilee fidaafi kaan kaasuun Itoophiyaan namoota kana yaadachuutu irra jira jedhan.
''Amma fedhiin keenya Wallagga sudaanitti baasuudha, wallaggaa Beenishaangulitti baasuu, wallagaa Gojjamitti baasuudha'' jechuun ijaarsi daandii kun kutaalee itti aanan qabaachuu himan.
''Hojiilee misoomaa akka kanaa kan hojjennu Wallaggii kanaa olitti ta'uufiin waan irra jiruuf, kana dura dagatamee waan tureefi'' jedhan.
''Xiyyeefannaa addaatiin naannoo kana misoomsuuf kan kaane waan dagatameefi jedhan.''

Madda suuraa, Waajira Ministira Muummee
Qabsoon walirratti godhamu karaa nagaan ta'uu qaba jechuunis dargaggootaaf dhaamsa dhaaman.
''Daandii dhaabuun, Yunivarsiitii dhaabuun, maqaan haaraan uummata keenyaaf akka bahu gochuun nu miidha'' jedhan.
Dargaggeeyyiin nageenya mirkaneessuun yaada mormii qaban ammoo karaa nagaa akka dhiyeessan gaafatan.
''Wacuun nama hin fayyisu, kan nama fayyisu waan gochuu dandeenyu hubachuun gochuudha. Kan nurraa eegamu hojjechuudha.'' jedhan.
Ministirri Muummee Itti Aanaafi Ministirri Haajaa Alaa obbo Dammaqaa Mokonniin ammoo dargaggummaa isaaniirraa eegalee hiriyyoota naannoo kanaa irraa odeeffannoo waayee naannoo kanaa odeeffachuufi amma achitti argamuu isaaniitti gammaduu dubbatan.
Yunivarsiitiin akka Dambi doolloo Yunivarsiitii biyya jabaa itti ijaarru ta'uu qaba malee kan barattootni itti yaaddahan barattootni dubaraa itti butaman ta'uu hin qabuu jedhan.
''Yeroon amma caala waliin ta'uun guddachuu, misoomuufi ammayyaa'uu hin jiru. Yeroo keenya kanatti itti haa beeknuu'' jedhan.
Maandhee Waraana Adda Bilisummaa Oromiyaati jedhamuun kan maqaan dhahamu Godinni Qellem Wallaggaa yeroo baayyee Qondaaltonni Mootummaa Olaanoon wayita garas imalan hin mul'atu.
Ministirri Muummee Abiy Ahmad gara Wallaggaa deemuuf akka sodaa qaban Kanaan dura dubbatanii turan.
Jiraattonni Godina kanaa yeroo garaagaraatti dubbisne akka himanitti loltoota mootummaa fi humnootii hidhatanii bosona keessa socho'an kan Waraana Adda Bilisummaa Oromoo jechuun of waamu gidduutti lubbuunsaanii badaa akka jiruu fi gidirfamaa akka jiran nutti himaa turan.
Mootummaan akka jedhutti rakkoo nageenyaa Godina Lixa Oromiyaa keessattuu Godina Qellem Wallaggaa keessatti mudateef humna hidhatee socho'u 'ABO shanee'' ittiin jedhan komata.
Lolli qaama hidhatee bosona jiruu fi mootummaa gidduutti adeemaa jiru hojii misoomaa hojjechuun hafee uummatni nagaan bahee galuu sadarkaa hin dandeenyerra gahee akka ture jiraattootni irra deddeebiin BBC'n dubbisaa turre himaa turan.













