Namoonni wal hin beekne lama akkamiin du’arraa wal oolchan

Namoonni takkaa wal arganii ykn gonkumaa wal hin beekne lubbuu walii du'arraa oolchan.

Isaan keessaa tokkoonsaa lammii biyya UK yoo ta'u kaan ammoo lammii Jarmaniiti.

Dhimmisaas akkana. Dargaggoon lammii Jarmanii Maariyas Varnar jedhamu osoo eenyummaa isaa hin ibsiin seelii haadhoo (stem-cell) arjoomuun lubbuu hakiima lammii Biritiish du'arraa oolche.

Dargaggoon lammii Jarmanii sababii dhukkuba sammuutiin wal qabatee of ajjeessuuf yaadaa tures, gochaan kun lubbuun isaallee kaayyoo akka qabdu hubachuun abdii horachu dubbate.

Sabbaii kanaatiin jireenyi hakiimichaa jiraachuu Maariyasiif sababa ta'e.

Gosa kaansarii dhiigaa hin baramneen qabame kan ture lammiin UK Dr Niik Imbiltan, dhibee sanarraaf abdiin qabu tokkichi wallaansa dhuka lafee nama biraatiin bakka (bone narrow transplant) buufamu qofa ture.

Haata'u malee dhuka lafee kan isaa wajjin wal simu UK keessaa argachuu hin dandeenyeef namoota arjoomaniif barbaacha addunyaa irratti labse.

Hakiimni kun dhuka lafee kan isaan wal simu sadarkaa addunyaatti bal'isee barbaadu eegale.

Arjoomiiin kun taasifamee waggaa lamaan boodas BBC fi dhaabbanni gargaarsaa Antoonii Nolaan jedhamuufi ''namoota akka obbolaatti wal lakkaa'an'' kunneen yeroo jalqabaatiif akka wal argan taasisera.

'Du'uun danda'a ture'

Nama ganna 60 kan ta'e Niik, waggoota 20 oliif kutaa wal'aansa kunuunsa hordoffii cimaa keessa hojjachuun, daa'imman reefuu dhalatan hedduu du'aarraa baraaruuf hojjataa ture.

Bara 2021 garuu innuu hakiima barbaadu jalqabe. Erga dhukkubaan qabamee booda maalitti geeddaramuu akka malu hin beekne,'' jedhe.

''Akkan du'uu danda'uu sirriitti nan beeka ture, yoon du'e qabeenyi kiyya akkam ta'uu akka qabu dhaamsa qopheesseen ture,'' jedhe. ''Oduu kana haadha warraafi ijoollee koottin hime.

Ijoollee kootiif baayyeen gadde -Ijoolleen koo abbaa malee akka guddatan hin barbaanne waan ta'eef.''

Dhuka lafee bakka bu'iinsaa argachuun, seelota dhiigaa badan warra fayyaadhaan bakka buusuuf gargara. Haata'u malee dhukni lafee kun yoo wal hin simne walitti hin ta'u.

Hojjataan dhaabbata Antoonii Nolaan, Shaarloti Hiiyuuz akka jedhaniitti, jalaqab erga UK keessaa nama dhuka lafee walfakkaatu argachuuf barbaadanii booda yoo dhabame barbaacha sadarkaa addunyaatti akka itti fufan kaasu.

Namni dhuka lafeesaa wajjin walfakkaatu qabu eessayyu argamu danda'a jedha.

'Gammachuu olaanaa natti dhagahame'

Hanga wallaansi jijjiruu dhukaa xumuramuutti eenyummaan nama ‘arjoomuufi dhukkubsataan'' qaamoolee lamaaniitti ibsamu hin qabaatu.

Erga wallaanisicha mikaa'inaan xumuramee dhukkubsataanis fayyaan booda, waggaa lamaan booda, Dr Niik nama dhukaa lafee arjoomeef baruu akka barbaadu BBC News'tti hime.

BBC News Antoonii Noolaan waliin ta’uun nama doktariichaaf arjoome Maariyaas, kan dargaggoo ganna 24 ta'usaa bare. Biyya Jarmanii, Chemniiz bakka jedhamu kan jiraatu ta’uu mirkaneeffate.

Maariyaas dargaggummaasaa kaasee galmee tola ooltoota irratti galmaa'eera. Maariyaas gara UK imalee Dr Niik waliin wal arguuf waliigale.

Lamaan isaanituu Hospitaala Firiimaan, kan giddugala deeggarsa kaansarii Maagii Niwukaastil, bakka Dr kun itti wallaanameetti wal arguuf murteessan.

Namoonni lamaan kun yeroo wal arganiitti wal hammatan. Maariyaas akkas jedhe: "Gammachuu baay'ee olaanaatu natti dhagahame- nan hoolladhe," jedhe.

Baayyeen si galatteeffadha

Niik akkas jedhee itti hime: "Seelonni kaansarii hunduu badaniiru. Yeroo dhiiga koo sakatta'an seelonni dhiigaa hundi kan keeti."

"Osoo ati jiraachu baattee du'een ture. Ijoollee afuran qaba - silaa abbaa malee hafu. Dhugumaan 'Galatoomi' jechuu qofan barbaada," jedhe.

Jechoonni harkaa badanii, Maariyaas miiraan guutamee: "homaa miti" jedhe.

Sana booda imimmaan fuula isaanii lamaanirra yaa’e, Dr Niik akkas jedheen irra deebiin: "Baay'ee galatoomi."

'Imimmaantu na dursa'

Ergan wallaansichi milkaa'un labbuu Dr Niik oolchuu hubadheen booda ''imimmaantu na dursa'' jedhan Maariyaas.

''Gara hojii deemuuf daandiirran ture. Kanaaf konkolaataa koo dhaabee bahun qaba ture. Boohaan ture.''

"Odeeffannoo sana booda imimmaan qofatu na narra yaa’e," jedha.

Maariiyas isaan dura of ajjeessuuf yaadee garu karaa ta'en Dr Niik akka isa gargaare ibsa.

''Umurii waggaa 13 irraa kaasee sababii dhukkuba sammuutiin wal qabate baayyeen rakkaataa ture'' jedha.

“Kallattii jireenyakoo argachuun anaaf qormaata ture. Jireenya koo keessaatti kaayyoo maalan qaba? kan jedhu gaaffiikoo yeroo hundaa ture.

“Amma waan tokko sirriin raawwadheera jechuun danda'a'' jedhe.