Itoophiyaatti sanyii dhiiraafi hanqaaquu dubartii arjoomuun maseenummaaf furmaata ta’aa laata?

Heelen Tasfaay (maqaanshee kan jijjirame) fi abbaan warraashee gaa’eela erga dhaabbatanii waggaa lama ta’eera, garuu mucaa godhachuuf fedhii qabaatanis argachuu hin dandeenye.

Maatiishee bira gaafa deeman “Isin maaf ijoollee hin godhattan?” kan jedhu gaaffii yeroo hunda isaan yaaddessudha. Isaan mucaa godhachuu jibbanii osoo hin taane, godhachuu hin danda’an.

“Dhala argachuun baay’ee murteessadha. Mana ijaaree, waa mara guuttadhee [dhala hin qabu yoon ta’e] maal naa godha,” jetti.

Heelen loguu ji’aa itti dhufuu dhiisus dheebuu dhala godhachuuf qabdu ammayyuu ittuma jirti. Furmaata barbaachaf ogeeyyii fayyaa hedduu bira deemus BBC'tti himte.

Amma garuu waan abdii itti hore argachuu dubbatti. Namoonni sanyii dhalaa arjoomaniif yoo jiraatan ulfaa’uu akka dandeessu ogeeyyii fayyaarraa dhageessetti.

Tajaajilli waldhaansaa kun kan kennamu magaala Maqaleetti kan argamu Giddu Gala Waldhaansa Daa’immanii, Dubartootaa fi Maseenummaa Adoo jedhamutti.

Laguun ji’aa waan irraa dhaabateef namni sanyii dhalaa arjoomuf yoo jiraate mucaa godhattee hammachuu akka dandeessu ogeeyyi fayyaa erga itti himanii yeroo dhiyoo as Helan dubartoonni sanyii dhalaa akka arjoomaniif gaafataa jirti.

Gidddu galli fayyaa maseenummaa waldhaanu kun namoota arjoomuu barbaadan irraa sanyii dhalaafi sanyii kormaa sassaabuu akka danda’uuf mootummaa naannoo Tigraay irraa hayyama argateera.

Erga hayyama argatee as giddu galli waldhaansaa kun, namoota arjooman irraa sanyii kormaafi dhalaa walitti fiduuf bifa milkaa’en ulfa argamsiisuu isaa abbaa qabeenyaa giddu gala Adoo kan ta’an Dr. Saamsoon Mulugeetaa BBCtti himan.

Kanarraa kan ka’e dubartiin ulfa taatefi abbaan warraashee dhalachuu mucaa eeggataa akka jiran himu Ittaanaa Daayireektara To’annoo Nyaatafi Qorichaa naannoo Tigraay kan ta’an Obbo Yuusuf Ibraahim

Giddu-gala Addootti namoonni biroo bifa kanaan waldhaansa maseenummaa argatan mucaa godhachuuf eeggataa akka jiran BBCtti himan Dr. Saamson. Kanumaaf jecha dhiironii sanyii kormaa, dubartoonni ammoo sanyii dhalaa akka arjoomaniif waamicha dhiyeessan abbaan qabeenyaa giddu galichaa.

Wallaansa sanyii dhiiraa ykn killee dubartii arjomamameen dhala nama hammachisu

Abbaa qabeenyaa giddu gala waldhaansa Adoo kan ta’an Dr. Saamson ispeeshaalistii ulfaafi gadameessati. Akka isaan jedhanitti dubartoonni sanyii dhalaa (hanqaaquu) ergisaatin dhala godhatan kanneen gadameessisaanii mucaa qabachuu danda’u, garuummoo sanyii dhalaa hin qabneedha.

Dubartoonni haala akkanaa keessa jiran sanyii dhalaa ykn hanqaaquu isaanif arjoomamu sanaafi sanyii kormaa abbaa manaasaanii akka wal-argatu gochuun ulfi gadameessa keessatti akka uumamu godhama.

Kanneen sanyii kormaa arjoomameen ulfaa’an ammoo abbaan manaasaanii sanyii dhangala’aa qabaatus sanyii kormaa ulfeessuu danda’u kan hin qabne akka ta’e kaasu Dr. Saamson.

Mala nam-tolcheen teekinoolojii Invintiroo Fartilaayizeeshinii fayyadamuun sanyii kormaafi sanyii dhalaa walitti fiduun ulfi akka uumamu godhama.

Sanyii kormaafi sanyii dhalaa laaboraatoorii keessatti akka wal-quunaman erga godhamee booda, micireen laaboraatoorii keessatti uumame deebi’ee gadameessa keessa godhamuun adeemsi ulfaafi da’uumsa uumamaa itti fufa jechuudha.

Mala waldhaansaa kanaan yeroo jalqabaaf bara 1978tti Awurooppatti daa’imni dhalate. Ergasii waldhaansi kun bakkeewwan garaa garaatti babal’achuun bal’inaan hojiirra oolaa jira.

Akka ragaaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa agarsiisutti hanga bara darbeetti, daa’imni miliyeena shan ulfa bifa teeknolojiin taasifamu kanaan dhalataniiru.

Lammiilen Itoophiyaa dhala dhabanii rakkatan waldhaansa kana barbaacha yeroo heddu gara biyya Hindii fa’aa imaluun baasii hanga dolaara 15,000 hanga 20,000 baasii akka godhan kan himan Dr. Saamson sanyii dhalaa ykn kormaa biyya Hindiitii arjoomamuun ulfaa’un lammiilee Itoophiyaaf rakkoo biraa uuma.

Namoonni Itoophiyaadhaa waldhaansan ulfaa’uf Hindi deeman, ulfi isaan fidanii dhufan “kan biyya Hindiiti. [Ijoollen dhalatan] rifeensisaanii ni jijjiirama, bifti isaanis ni jijjiirama, Hawaasa irraayyis dhiibban irra gaha. Ilmoo godhachuusaanitti gammadanis sanyiin kormaan ykn sanyiin dhalaan Hindirraa kana arjoomame ta’uunsaa mataasaatin dhiibbaa qaba,” jedhu Dr. Saamson.

Waldhaansa sanyii kormaa ykn sanyii dhalaa arjoomameen namoonni akka ulfaa’an gochuu kanatti seenuf kan isaan kakaases rakkoo namoonni kun argan akka ta’e himu ogeessi fayyaa kun.

Giddu Galli Waldhaansa Daa’immanii, Dubartootafi Maseenummaa Adooy magaala Maqaaleetti argamu kun waldhaansa kanaaf qophii kana eegale waraanni kaaba Itoophiyaa osoo hin eegalin dura yoo ta’us, sababa waraanan hojichi dhaabbatee ture. Erga naannichatti nagaan bu’ee as garuu waldhaansi kun hojii eegaleera.

Yeroo ammaa giddu galli kun eegaa kan jiru dhiirota sanyii kormaa arjoomaniifi dubartoota sanyii dhalaa arjoomaniidha.

Akka Dr. Saamsoon jedhanitti namni hunduu sanyii kormaa ykn dhalaa arjoomuu hin danda’u. Dhiirri ykn dubartiin tokko sanyii kormaa ykn dhalaa arjoomuf fedhii qabaachun alatti ulaagawwan biroo jiru.

Sanyiin kormaa dhiirri tokko arjoomu miili liitira 1.5 ol ta’uu qaba. Gama biraan ammoo, sanyii kormaa 1ml tokko keessa sanyiin kormaa miliyeena 15 ol jiraachuu qabu. Dabalataan ammoo namoota arjooman sanaaf qorannoowwan akka HIV AIDS, vaayirasii tiruu, dhibeewwan daddarboo biroo qorannoon godhameefii bilisa ta’uu qabu.

Dubartoonni sanyii dhalaa ykn hanqaaquu arjooman ammoo umurii ganna 20-30 gidduu kan jiran ta’uu akka qaban himu Dr. Saamson. Gama biraan ammoo kanaan dura kan dahan ta’uu qabu.

“Dubartoonni dahan hanqaaqunsaanii kan kan qoramee darbeedha. Sababni isaa dahaniiru waan ta’eef hanqaaqunsaanii noormaalii ta’uu mirkaneessa. Umuriin akka xiqqaa ta’u kan filatamuuf ammoo qulqullina hanqaaquf jecha. Hanqaaquu qulqullina qabu yoo ta’e, carraan ulfa uumuusaa dhibbeentaa 80-85ti,” jedhu.

Arjoomtonni ulaagaa kanneen guutan dhaabbatasaanii wajjin walii galtee waliif mallatteessan akka qaban himu Dr. Saamson. Kunis, sanyiin arjoomame sun kan eenyuf akka kennamu hin ibsamu.

“Dhiigni gaafa arjoomamu eenyuf akka ta’e hin ibsamu. Lubbuu namaa baraarudha kan yaadamu, kanarratti ammoo nama gargaarudha kan yaadamu,” jechuun adeemsa sanyii arjoomuu dhiiga arjoomuu wajjin wal-fakkeessun kaasu.

Haa ta’u garuu namoonni nama sanyii kormaa ykn dhalaa isaanif arjoomu ofii isaanii fidatanii kan dhufan yoo ta’e, eenyuf akka arjooman beekamaa akka ta’e ibsu Dr. Saamson.

Gama biraan ammoo sanyii arjoomanii ka’anii daa’imti erga dhalatee booda kan kooti jedhanii abbummaa gaafachuu akka hin dandeenyes yeroo sanyii arjoomuu dhufan waliigaltee akka mallatteessan himu.

Guuyyyaa sanyii arjooman sana bifa “maastarbeeshinii” jedhamuun sanyii kan kennan yoo ta’u, sanhyii arjoomuusaanii kanaaf ammoo qarshii kuma kudhan akka kennamuuf himu Dr. Saamson.

Dubartoonni sanyii dhalaa arjooman ammoo akka kan dhiiraa yeroo gabaabatti kan kennan osoo hin taane, “osoo hin kennin dura hanqaaqun akka guddatu kan taasisu lilmoo waraannatu,” kan jedhan Dr. Saamson, marfee kana naannoo guyyaa kudhaniif fudhatu.

“Hanqaaqun guddateera jennee gaafa amanne, haqaaquu kan fuunu altiraasaawundii gadameessa seenuni,” jechuun BBCtti himan.

Dubartoonni adeemsi isaan ittiin hanqaaquu arjooman akka kan dhiiraa salphaa waan hin taanef, akkasumas guyyootaf giddu galichatti waan deddeebi’aniif hanga qarshii 30,000 ni kennamaaf.

Namoonni dhala godhachuuf waldhaansaf dhufan gara waldhaansichaatti osoo hin seenin dura bifa biraan daa’ima godhachuu akka hin dandeenye ta’uu mirkanaa’uu qaba. Kuni erga mirkanaa’ee booda dhimmichi gara boordii giddu galeessichaatti dhiyaatee gamaaggamni godhama jedhu ispeeshaalistii ulfaafi gadameessaa kan ta’an Dr. Saamsoon.

Dubartoonni hanqaaqun arjoomamuuf gadameessi isaanii akka qophaa’uf guyyoota 10f qorsi ni kennamaaf. Sana booda sanyii kormaa abbaa warraasheerraa argamu wajjin akka wal-argu godhama.

Rakkoo dhiiran dhala godhachuu dadhaban yoo ta’e ammoo sanyii kormaa dhiira biraa irraa arjoomame sanyii dhalaa ykn hanqaaquu haadha warraa wajjin akka wal-argu gochuun ulfi uumama. Sanyiin kormaafi dhalaa akka wal-argatu kan godhamu ammoo laaboraatoorii keessatti.

“Sanyiin kormaafi hanqaaqun wal-argatanii laaboraatoorii keessatti ulfi uumama. Guyyaa sadiif inkubeetarii keessa erga godhamee booda, sadarkaa ulfichaa akkasumas guddachuu isaa erga mirkaneessinee booda fuunee gadameessa dubartiittii keessa galchina,” jechuun adeemsa isaa ibsu Dr. Saamsoon.

Adeemsa kana raawwachuuf baasii birrii 350,000 hanga 500,000 baasisuu akka danda’uufi maallaqni kun baasii biyya biraatti bahu caalaa baay’ee gadi bu’aa akka ta’e himu.

Waa’ee daa’ima mala nam-tolcheen dhalatuu seerri maal jedha?

Ittaanaa Daayireektara To’annoo Nyaataafi Qorichaa naannoo Tigraay Obbo Yuusuf Ibraahim, biiron isaanii Giddu Galli Adoo sanyii kormaafi sanyii dhalaa namoota arjooman irraa akka fuudhuf maddaallii garaa garaa erga taasisee booda hayyama kennuufii BBCtti himan.

Gahuumsa ogeeyyii fayyaa waldhaansa kana kennanii, gahuumsafi muuxannoo akkasumas meeshaalee teeknolojii ulfa nam-tolchee kanaaf dhimma itti bahamu madaalamee ulaagaa guutuu himan qondaalli mootummaa naannoo Tigraay kun.

Sanyii kormaafi dhalaa namoota biroo irraa argamuun ulfaa’anii dhala godhachuun seera federaalaa wajjin homaa akka wal-hinfaallessine mirkaneessuusaanii himu Obbo Yuusuf.

Naannoo Tigraay keessa ijoollen sanyii biyya alaatii arjoomame irraa dhalatan afurii hanga shaniiakka jiraniifi lammii biyya alaa akka fakkaatan dubbatu.

Daa’imni dhalatan biftisaanii nurraa adda. [Sababa kanaa] dhiibbaa xiin-sammuu haadholiirra gahu hir’isuuf, sanyii kormaafi dhalaa [biyya] keenyan asumatti waldhaansa isaa kennuu wayya jennee murteessineerra,” jedhan.

Giddu Galli Waldhaansa Daa'immanii, Dubartootaafi Maseenummaa Adooy tajaajila mala nam-tolcheen dubartoonni akka ulfaa'an gochuu akka kennuuf xalayaa hayyamaa Biiron To’annoo Nyaatafi Qorichaa naannoo Tigraay barreesserratti dambii bara 2006 ALItti Mana Maree Ministeerotaan ragga'e akka ragaatti taa'ee jira.

Dambiin Bulchiinsa To'annoo Nyaataa, Qorichaafi Kunuunsa Fayyaa bara 2006 ALItti ragga'e keeyyata 57 jalatti "Sanyii kormaa fi dhalaa arjoomurratti dhorkaan hin godhamne" jechuuni naannon Tigraay waldhaansa kana hayyamuu kan beeksise.

Keeyyanni xalayaa Biiron To’annoo Nyaatafi Qorichaa naannoo Tigraay barreesserratti keeyyanni eerame waa'ee "waldhaansa sirna wal-hormaata nam-tolcheeti." Keeyyanni kun dhaabbileen hayyama argatan waldhaansa kana kennuu akka danda'an ni eera.

Garuummoo keeyyanni kun, "gadameessa kireeffachuu" fi "nama teeknolojii kilooningiitin uumun" dhorkaa akka ta'e ifa godheera.

Haa ta'u garuu dambicharratti mala nam-tilcheen daa'ima godhachuun sanyii kormaa ykn dhalaa nama biraa irraa arjoomudhaan argamu akka of keessatti hin qabanne BBCtti himan Ministeera Fayyaatti hoji gaggeessaa To'annoo Dhaabbilee Fayyaafi Ogeeyyii kan ta'an Obbo Indaalkaachoo Tsadaal.

Dambiin bara 2006 ALItti bahe "waldhaansa fayyaa wal-hormaataa nam-tolchee" ilaalchisee karaalee lama wal-dhaansichi itti kennamu ibsa. Inni jalqabaa sanyii kormaa bifa uumamaan alatti bifa adda ta'een dahuumsaf jecha gadameessa dubartii keessa galchuu kan jedhuudha.

Hiikni lammaffaan "waldhaansa dahuumsaa nam-tolcheef" kenname sanyiin dhiirafi dubartii walitti dhufee...qaaman alatti qalitti makuudha."

Obbo Indaalkaachon akka jedhanitti, waldhaansa IVD jedhamu kana Itoophiyaa keessatti dhaabbileen karaa ittiin tajaajila kennuu danda'an istaandaardin jiraatus, hayyamichi sanyii kormaa ykn dhalaa nama biraa irraa bifa arjoomutiin argamuun ulfa uumuu of keessatti hin hammatu.

"Akka biyyaatti kana gochuun kan danda'amu abbaa manaafi haadha manaa gidduutti qofa. Kanarraa addatti [sanyii] bifa arjoomutiin kan jedhu gama keenyan beekamtii kennuu hin dandeenyu," jechuun waa'ee ulfa sanyii arjoomudhaan uumamuu homaa jechuu akka hin dandeenye dubbatu.

Waa'ee naannoo Tigraayitti sanyii kormaa ykn dhalaa nama biraa irraa argamuun waldhaansi nama maseene akka dhala godhatan taasisu hayyamni kennamuu homaa akka hin beekne kaasan qondaalli ministeera fayyaa kun.