Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Doktaroota obbolaa torban: Abbaa qofaan osoo hintaane ogummaanis tokkoo
Maatii tokko keessaa namoota baay’inaan ogummaa wal fakkaataa barachuun hojiirratti bobba’an arguun waan baratame miti.
Gama atileetiksiitiin ilmaan Dibaabaa shanan kan miseensa maatii tokko ta'an qofa osoo hin taane shanan isaanii dubroota ta’uun qalbii addunyaa akka hawwatan jiru.
Obboleeyyan ijoollee Obbo Mirreessaa ta'an Bashaanaa, Simeeraa, Gammachuu, Shaggituu, Fufaa, Galataa fi Kaayyoo jedhaman abbaan qofa osoo hin taane oggummaas tokko- doktaroota!
Doktaroonni kunneen maatii qotee bulaa Oromiyaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Habaaboo Guduruu ganda Looyyaa Diilallootti dhalatanii guddatan.
Ijoollee Obbo Mirreessaa keessaa dhiiroonni shaniifi dubaroonni lama wallaansa fayyaa (medicine) baratan.
Ammattis shanan isaanii ogummichaan hojjetaa kan jiran yoo ta’u, warreen eegoon (boodarraa) lama ammoo oggumicha barachaa jiru.
Itoophiyaatti ogummaa doktara ykn hakima barachuuf qabxii olaanaa gaafachuun alatti baratanii xumuruufis waggaa torba barachuu qabu.
Dr Fufaa Mirreessaa maatii obboleeyyaan torba doktaroota ta’an kanneen keessaa tokko yoo ta’u, abbaasaa Obbo Mireessaa Bantiifi harmee isaa Aadee Sittiiqee Lammeessaarraa Habaaboo Guduruutti dhalate.
Fufaan maatii isaatiif nama jahaffaadha, ispeeshaalistii baqaqsanii waldhaanuu waliigalaa (General Surgeon) ta'e hojjataa jira.
Seenaa maatii doktarootaa kanas akkanaan BBC’tti himeera.
Waldhaansoo jireenyaafi barnoota baadiyyaa
''Mana barumsaatii erga galtee booda baruuleekee mana keeyyattee, hojii qonnaa maatii gargaarta. Waqtii hojiin qonnaa itti baay’atu yoo ta’e, ganamaan kaatee osoo gara mana barumsaa hin deeminis hojii hojjettee yoo sa’aatiin gahu mana barumsaa deemta. Sababa kanaan barfattee mana barumsaa deemtee adabamuunfaa jira'' jedha Dr Fufaan.
Guyyaa hojii hojjechaa waan ooluuf dubbisuudhaaf yeroo gahaan akka hin jirreefi ifa kurraaziitiin dubbisaa, hojii manee isaa dalagaa akka ture yaadata.
Yeroo hojiin hin jirre yoo ta’e garuu carraan guyyaa dubbisuus ni jiraata jedha.
Haalli kun ammoo kansaa qofa osoo hin taane haala waliigalaa barattoonni baadiyyaa irra caalaan keessa darban akka ta’e kaasa Dr Fufaan.
Kutaa 1-4tti mana barumsaa Looyyaa Dailalloo jedhamu kan mana isaaniitti dhiyaatutti baratu illee, kutaa 5-8tti garuu mana barumsaa Qanaatee Biyyaa jedhamutti deemsa hanga sa’aatii 1’tti dhiyaatu imaluun barataa akka ture hima Dr Fufaan.
Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Kombolchaa, Aanaa Guduruutti kan hordofan yoo ta’u, qophaa'ina ammoo Ambootti akka baratan hima Dr Fufaan.
Obboleessi isaanii inni xumuraa garuu kutaa 9-12tti mana barumsaa bultii addaa Oromiyaatti barate.
Obboleessa isa quxisuu irraa kan hafe hundi isaanii manuma barumsaa walfakkaataatti baratan.
Mican kaleessa jireenya baadiyyaafi mana barnootaa gidduu oliifi gadi butamaa ooluun galgala ammoo ifaafi aara kurraaziitiin makamee dubbisaa ture Dr Fufaan amma ispeeshaalistii baqaqsanii waldhaanuu waliigalaati.
Abbaan isaa baay’ee akka isaan hubatu kan dubbatu Dr Fufaan, tibba isaan qorumsa qaban akka dubbisaniif haala isaaniif mijeessaa akka ture hima.
''Ani barataa qabxii olaanaa galmeessaa ture hin turre. Daree keessatti sadarkaa qabaachaa tureera. Obbolaankoo warri na fuuldura jiran sadii ta’anii walduukaa galan [barnoota eegalan]. Keessumaa hanga kutaa 8 gahanitti, sadanuu walumaan daree tokkotti barachaa turan.
''Hojii manaa isaan qabaatan wal fakkaata; guyyaan qormaataa walfakkaataa waan ta’eef taa’anii wajjin mari’atu, gaafa qormaataaf dubbisanis wal gaafachaa, yeroo tokko tokko ammoo walfalmanii wal amansiisaa… akkasiin kan isaan baratan. Inni kun baay’ee isaan fayyadeera jedheen yaada,'' jechuun qaxalummaa hangafoota isaa seenessa Dr Fufaan.
''Ani qofaakoon baradhe. Ana booda illee kan jiran [obbolaa] lama ta’aniitu walduukaa baratani. Mucaa inni xumuraas qofaa isaa barat'' kan jedhu Dr Fufaan, ''obbolaan isaa warreen isa duraas ta’ee isa boodaa qabxii olaanaa galmeessuun, beekamoodhuma turani. Daree hunda irraa yeroo isaan walitti aananii sadarkaa qabatanfaa,'' akka ture hima.
Keessumaa jedha Dr Fufaan, ''warreen ana dura baratan sadii: durboota lamaafi dhiira tokko turan. Isaan warra akka mana barumsaattis qabxii olaanaa galmeessuudhaan beekamaniidha. Anis gaafa isaan walduukaa taa’anii dubbisan isaan irraa argee dubbisuu bare.''
Doktarummaafi maatii Obbo Mirreessaa
Ulaan jalqabaa gara ogummaa fayyaa barachuu obboleettiinsaa hangafni ogummaa narsummaa barachuudhaan akka walqabatu dubbata Fufaan (Dr). Obboleyyan isaa hangafaa sadan qabxii olaanaa fiduun yunivarsiitii Jimmaatti barnoota fayyaa (medicine) baratan.
Innis faanuma isaanii hordofuudhaan digirii jalqabaa ogummaa fayyaatiin yunivarsiiti Jimmaa irraa eebbifame.
Ijoolleen baadiyyaa akka ijoollee magaalatti guddatanii odeeffannoo gama barnootaan jiru bal’inaan argachuu waan hin dandeenyeef ogummaa kam barachuu akka qabaniifi garaagarummaa muummee barnootaa addaddaa gidduu jiran adda baasaanii hubachuun “ogeessa akkasii ta’uun barbaada’' jedhanii murteessuuf akka rakkatan dubbatu Dr. Fufaan.
Obboleettin isaa hangafaa ijoollummaa irraa kaastee fedhii hakima ta’uu akka qabdu yaadachuun “Yoo baratan waa’ee fayyaa ofiiti malee’' jechuun jaalala ogummaa sanaaf qabdu ibsaa akka turte yaadatu Dr. Fufaan.
Kunis immoo inniifi obboloonnisaa hangafaa ogummaa sanaaf jaalalaafi ilaalcha gaarii akka qabataniif dhiibbaa akka uume dubbatu. Sababa kanaanis ogummaan kun manasaanii seenuu akka eegalee himan.
Akkasumas, barataa qabxii gaarii galmeessu taate, muummeen namni [baratoonni] irratti wal dorgomuun galan wallaansa fayyaa (medicine) waan turef, hangafoonni isaas fedhii qofa osoo hin taane, qabxii gaarii waan galmeessaniif muummee barnoota fayyaa akka galan ibsa.
“Anaaf akkan barnoota wallaansa fayyaa baradhu kan na godhe, obbolaakoo warra na fuuldura jiraniidha. Waan hundayyuu isaan irraan dhaga’uu jalqabe. Akkan muummee [fayyaa namaa] adda baasee baruufi jaaladhu kan na godhe isaaniidha. Yeroo waliin haasofnu waa’ee isaa [fayyaa] natti himu,” jechuun haala ittiin ogummichaaf fedhii horate yaadachiisa.
Obboleeyyansaa isaan booda dhufanis fedhiidhumaan ogummicha barachuudhaaf filatanii akka galan kan himu Dr Fufaan, isa waliin namoonni torba ogummaa fayyaa ykn doktrummaa akka baratan dubbata.
Abbaan isaa Obbo Mireessaan maatii [mana] lama qabaachuu kan kaasu Dr Fufaan, kara harmee isaatiin obboleeyyan shan, mana biraa irraa ammoo obboleessisaa tokko ogummaa walfakkaatu akka baratan dubbata.
Isaan keessaas obbolaan dhiiraa lama ammaan tana fayyaa barataa kan jiran yoo ta’u, shanan isaanii ammoo hojiirra jiru.
Milkaa’ina doktarootaafi gumaacha maatii
“Icciitiin milkaa’ina keenyaa inni guddaafi hangafaa Waaqayyodha. Barataa cimaafi dadhabaa ta’uu miti. Barattee, qo’attee, waan tokko nan ta’a jettee, sanaaf ammoo hamma barbaadamu hojjettee, fayyaa qabaattee waan yaadde sana taatee argamuun gargaarsa Waaqayyootiin malee jabina namaatiin waan ta’u miti,” jedha Dr Fufaan.
Ittaansuun miilkaa’ina isaaniif maatiin, “qooda guddaa” akka bahatan hima. Abbaan isaanii Obbo Mirreessaan duri “hanga kutaa 5tti” waan barataniif afaan Amaariffaa barreessuufi dubbisuu danda’u; afaan Ingiliffaas xinnoo akka yaalan kaasa.
“Haala barnootaa keenya gadi fageenyaan beeku” jechuun hubannoo abbasaa kan kaasu ogeessi kun, qormaata meeqarraa akka qoraman, gosa barnootaallee sirriitti akkan beekan hima.
Hordoffiin isaan barnoota ijoollee isaaniif taasisan akka milkaa’ina barbootasaaniif isaan gargaare kaasa. Keessumaa obbolaakoo warra sadii ta’anii walduukaa barataniif, walitti ida’anii manuma keessatti sadarkaa baasuun, akkuma sadarkaa isaaniitti badhaasa kennaafii turan jedha.
Kana malees abbansaanii, “ofuma isaanii yeroo isaan qorumsa nu qoran tureera. Yeroo baay’ee herreega danda’u waan ta’eef, herreega nama qoru. Idaatuu (calculator) qabu, ofii isaaniis ida’uu, hir’isuu, baay’isuufi hiruu nu caala waan danda’aniif isa nu qoru. Qorumsa baasanii nu gaafatu; namni dafee deebii sirrii deebise ni badhaafama.
“Yoo nuti dhaqnee uffata, kophee nuu biti jenne, nuu bituu dhiisuu danda’a; yerootti ‘hin bitu’ jedhuyyuu ni jiraata; kitaaba akkasii naa biti yoo jette garuu siif bita. ‘Namni uffataaf kopheedhaan miti sammuudhaan wal dorgoma; dhaqi sirriitti dubbisiitii beekaa ta’i’ nu jedhu ture. Kun sammuukee keessatti waanta uumu illee qaba; baay’ees si jajjabeessa.”
“Sana irra darbee abbaankoo nama seera cimsan turan. Yeroo sanatti qabaa keenya tolchaniiru. Akka mana barumsaa irraa galteen laaqanakee ni nyaatta; baruuleekee lafa kaa’attee hojii qonnaa irratti bobbaata.
Yeroo ati bilisaan taphachuudhaaf qabdu hin jiru. Osoo hin jaalatiinillee sodaama abbaa keenyaatiif jecha akka teenyee dubbisnu nu godheera. Kun ammoo akka barumsa keenyarratti xiyyeeffannu nu godheera; nu jajjabeesseera” jechuun oolmaa abbaasaa ibsa.
“Harmeen keenya baay’ee itti gammaddi. Gaafa sadarkaa bareedaasaa qabaattu ykn gaafa ati qabxii olaanaa galmeessitee dhageessuu itti gammaddi. Gaafa gammachuu akkasii ishee keessatti argitu ammoo haamileetu sitti horama; dubbisuudhaafis si kakaasa” jedha.
Maatii isaanii cinaattis, oolmaan barsiisota isaanii duriis guddaa akka ture hima Dr Fufaan. “Isini barattanii yunivarsiitii galtanii, ogummaa akkasiitiin saba keessan tajaajiluu qabdu” angafootasaatiin jechaa akka turan kaasa.
“Anaan immoo warreen na dura baratan waan beekaniif, ‘ati dubbistee akka obbolaakee qaxalee ta’uu qabda’ jedhanii barsiisota na jajjabeessaa turan,’’ barsiistoonni attamiin akka isa onnachiisaa turan dubbata Fufaan (Dr).
Akkasumas fakkkeenyummaan obboleeyyan hangafoota isaa gummaacha olaanaa akka taasise kaasa. Ogummaa fayyaa namaatiin ijoollee torba barsiifachuun isaaniitiif maatiin isaanii hawaasa biratti kabajaafi ulfina guddaa argataniiru.
Yunivarsiitii Jimmaafi obboolaa torban
Qorumsa seensa yunivarsiitii erga fudhataniin booda ogummaafi yunivarsiitii itti barachuu fedhan walduraa duubaan akka filatamu kan kaasu Fufaan (Dr), hangafoonni isaa ogummaa fayyaafi yunivarsiitii Jimmaa filatanii akka dhaqan yaadata.
“Qorumsa kutaa 12ffaa qabxii gaarii yoo argattu, filannoonkee [jalqabaa] siif eegama.Kanaaf, carraa walduukaa deemuu argataniiru. Akka carraa ta’ee sadii ta’anii walduukaa fixan, filannoo walfakkaataa guutan; waluma duukaas yunivarsiitii Jimmaa deeman” jechuun seenessa Dr Fufaan.
“Ani garuu obbolaadhumakoo barbaachan yunivarsiitii Jimmaa dhaqe” kan jedhu Dr Fufaan, barnoota fayyaa barachuun hammam akka cimuufi “yeroo dheeraa taa’anii dubbisuu akka barbaadu” waanan dhaga’aa tureef “haala qu’annaafi gorsas isaan irraa argachuuf jecha yunivarsiiticha barbaadee dhaqe'' jedha.
“Ana duuballee kan jiru obboleessikoo amma kan dhiyootti xumuree bahu jira; innis kan yunivarsiitii Jimmaa deeme fedhuma isaatiin. Yeroo sanatti nuti xumurree bahaa turre; obboleettiin keenya ammoo achii ispeeshaalitii barachaa turte. Ishee bira taa’ee barachuuf yaaduun” akka yunivarsiiticha dhaqe BBCtti hima Dr Fufaan.
Walumaagalatti, ilmaan obbo Mirreessaa torban doktara ykn hakima ta’an keessa shanan isaanii yunivarsiitii Jimmaatti baratan.
Kanumaan walqabatee mooraa yunivarsiitii Jimmaa kan obboolaansaa itti deddeebi’anitti waan obboleeyyan hangaafaa isaa mudate akkasiin hima Dr Fufaan, “Fulbaana 2003 ALI’tti galgala naannoo sa’a 2:00tti ture kan obbolaan koo Yunivarsiitii Jimmaa turan ramaddiinkoo achi ta’uu dhaga’an.
''Yeroo sanatti mooraa alaa buna dhuganii gara keessatti deebi’aa osoo turanii ture kan dhagahan. Gammachuu isaanii ibsachuuf jecha sagalee olkaasanii yoo iyyan waan jeequuf iyyan itti fakkaatee, poolisiin mooraa eegu bakka tokkotti isaan qabe [to’ate].
‘Maaliif iyyitu’ jedhee yeroo qoratu, ‘obboleessa keenyatu dabalataan muummee nuti barannuun gara mooraa kanaatti waan ramadameef gammannee iyyine’ jechuun sababa isaa itti himnaan poolisiin isaan gadhiise.”
Obbolummaa fi doktarummaa
Obboleeyyan isaa waliin ogummaa tokko qabaachuu isaatti akka itti gammadu kan himu Dr Fufaan, ''waan ta’uu barbaaddu tokko taatee gaafa argamtu, waan nama gammachiisudha, warra kaan biras waanuma walfakkaataatu jira jedheen yaada” jechuun miira isaa ibsa.
Gaafa walitti dhufnu akkuma obbolaatti haasofna. Bakka tokko kan hojjennu hin jirru; bakkuma adda addaa hojjenna. Gaafa yeroo argannee bakka tokkotti dhufne, akkuma obbolaa warra kaanii qoosnee, taphanna malee namni ogummaa walfakkaatu barachuu keenyayyuu yaadatu hin jiru jedha.
''Wanti adda godhu garuu, yaanni dhimma fayyaa wajjin walqabate yoo ka’e, hundumtuu ogummaa kana barateera waan ta’eef sirrumatti seennee haasofna.''
Akka odeeffannoo marsariitii Yunivarsiitii Gilaaskoow [University of Glasgow], 2019tti, bara 1880’moota, Iskootlaanditti maatii tokko keessaa ilmaan saddet faana abbaa isaanii Dr. Joon Roobartsan hordofuun Yunivarsiitii Gilaaskootti ogummaa doktarummaa ykn hakimaa leenji’an.
Dr. Joon haadha manaa isaa Elsaabeet waliin Ijoollee 15 horan keessaa 10 dhiirota yoo ta’an, isaan keessaa ammoo saddet hakimootadha. Seenaan maatii doktaroota kun bara 1989’tti galmee dinqisiisoo addunyaa galmeessuun beekamu ‘Guinness Book of Records’ irratti ibsamee ture.
Fiilmii Awustiraaliyaa bara 2019 bahe “Who Do You Think You Are?” jedhamu kutaa kurnaffaa keessatti seenaan maatii hakimoota Iskootlaand irradeebiin akka himame agarsiisa odeeffannoon fuula marsariitii yunivarsiitichaa.
“Hanga ammaatti kanan dhaga’ee beeku obboleeyyan sadii wal faana doktara wallaansa fayyaa namaa akka ta’anidha” kan jedhu Fufaan (Dr), namni torba maatii tokko keessaa doktara fayyaa namaa ta’uu “dhaga’ee hin beeku” jechuun dubbata.
Kanaafis, “ofiikoo [waanan] hin dhageenyeef, akka biyyaatti warruma jalqabaati jedheen yaada; garuu jiraachuu ni danda’a” jedha.
Ispeeshaalistii baqaqsanii waldhaanuu kan ta'e Dr Fufaan, “ogummaa walfakkaataa waan qabnuuf, yoo Waaqayyo jedhe waanta hunda keenya hirmaachise ni qabaanna” jechuun fuulduraatti waloon hojjechuudhaaf karoora akka qaban BBC’tti himeera.