Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Faayidaalee dammaa kanniin beektuu? Damma nyaachuu kan qabu eenyu?
Dammi kanniisaan daraaraa mukkeen garaa garaarraa kan hojjatamuufi dhangala’aa bifa warqee fakkaatu qabudha.
Dammi kan kanniisaan oomishamuf sababii ijoon waqtii gannaatti nyaataa akka isaaniif ta’uf yoo ta'u, gagaa dammaa keessa olkaawwachuuf oomishatu.
Dammi Itoophiyaa dabalatee biyyoota garaagaraattis qorichummaa akka qabu amanama. Keessattuu tibba qorraatti damma nyaachuun qaamni namaa ho’a akka oomishu gargaaruun, qorra irraa ittisuuf gargaara yoo jedhamu dhagahama.
Biyya Giriikiitti ammoo dammi akka ‘nyaata waaqooleetti’ kan ibsamu yoo ta'u, Chaayinaatti ammoo qorichummaan beekama.
Qabiyyeen dammaa maal fakkaata?
Qabiyyeen damma umamaa, jechuunis kan maashinaan hin qopheeffamne, wantoota barbaachisoo akka amino asidii, vaayitaminii, miniraala, antii oksaadanti fi sukkaara hammata.
Akkasumas dammi qabiyyee firuktoos olaanaa waan qabuuf, sukkaara caalaa dhama mi’aa qaba. Haata’u malee haala sirna kenniinsa sadarkaa nyaataa glycaemic index (GI)’tti, qabiyyee kaarbohayidreetii dammi qabatu gadaanaadha.
GI sirna safartuu, tokkoon tokkoo soorata nyaannu saffiisa attamiin daakkamee sukkaara dhiiga keenya keessa jiru irratti dhiibbaa maalii akka taasisu kan agarsiisuudha.
Haaluma kanaanis, damma fallaana shoorbaa tokkoo (20g) keessatti, kaaloorii 58/246KJ, kaarboohayidireetii giraama 15.3, sukkaara giraama 15.4, pirootiinii giraama 0.1 fi cooma giraama 0 hammata.
Bu’aan fayyaa dammi qabu maali?
Bu’aan fayyaa dammi qabu haala itti qophaa’eefi qabiyyee qulqullina daraarawwan kanniisi irraa hojjattuutiin murtaa’a.
Dammi ho’aan kan haala kamiinuu hin baqfamiin, hin makamiin, hin qulloofnee ykn karaa kamiinuu hin secca’amnedha. Dammi akkasiis qabiyyee umamaa fayyinaaf barbaachisan kan qabatudha.
Dammi barootaaf akka mala jarmiiwwan ajjeesuuf ooluutti maa'ii itti bahama. Akkasumas madaa salphaa gogaarratti mudatu, madaa malaa qabateefi qaama gubate akka fayyisuutti amanama.
Sababii dammi qabiyyee gulukoosii fi fruktoos jedhamu baay'inaan qabuuf, qabiyyeewwan kunneen ammoo umama dhangala’aa goggogsuu qabu.
Kanaafuu dammi dhangala’aa madaa irraa gogsuuf dandeettii kan qabu yoo ta’u, kanas kan taasisuu karaa guddina baakteeriyaa fi fangasii qaama miidhame irratti argamanii dhorkuutiin.
Dammi bifa gurraachaa ammo keessuumatti, kan qabiyyee keemikaala filaavonoyidisii (flavonoids)n jedhamuun gabbateedha.
Qabiyyeen flavonoids kun ammoo, qabiyyee farra baakteeriyaa, farra vaayirasii, farra gubaa fi farra alarjii of keessaa qaba. Kanarraa ka’unis namoonni muraasni damma akka filannoo sukkaara fayya-qabeessaa fi seeliin namaa akka hin miidhamneef madda ta’eetti ilaalu.
Haata’u malee, haala dammi itti fudhatamu irratti of eeggannoon akka barbaachisu gorfama.
Dammi sababii sukkaara gulukoosii fallaana tokkootiin gadi qabuuf, amma kaaloriinsaa olaanaa hammatee, sukkaara dhiiga keessatti argamu ol kaasuu waan danda’uf xiqqeessanii fudhachuutu gorfama.
Damma ykn sukkaaratu caalaa barbaachisaadhaa?
Dammi sukkaarra irra qabiyyee guulukoosii gadaanaa qaba. Kana jechuun ammo baayyina sukkaara dhiiga keessaa akka sukkaaraatti saffiisaan ol hin kaasu jechuudha.
Haata’u malee dammi sukkaara caalaa mi’aa waan ta’eef, xiqqeessanii nyaachutu gorfama.
Dama fallaansa tokkoo keessatti kaaloorii baayyeen waan argamuuf hama guyyaatti nyaatamu irratti of eeggannoo gochuun barbaachisaadha.
Damma nyaachuu yoo kan feetan ta’e garuu, sukkaara caalaa vaayitaaminii, eenzaayimiifi wantoota barbaachisoo ta’an kaan waan qabuuf, damma umamaa nyaachuun fayyaadhaaf bu’aa akka qabu ogeessoonni ni gorsu.
Ofii dammi hundaaf ni ta‘aa?
Dammi haaluma gorfamuutiin yoo fudhatame, akka nyaatawwan sukkaara irraa bilisa ta’anitti fudhatama. Fayyaa namoota gurguddaa hedduuf bu’a qabeessa yoo ta’u, garuu hanga isaaniif barbaachisu baruu qabaatu.
Ta’u ammoo namoota dhibeen sukkaaraa qabate ykn namoonni qabiyyee sukkaara dhiigasaanii keessatti argamu sirreessuuf yaalan, damma fudhachun hin gorfamu.
Sababiinsaa sukaarris ta’e dammi baay'ina sukkaara dhiiga keessaa ni baayyisu.
Kana malees daa’imman waggaa tokkoon gadi damma umamaa nyaachuu hin qaban. Sababiinsaas dhukkuba sirna narvii qaama irraan miidhaa qaqqabsiisu fi summaa’u nyaataa botulism jedhamuuf isaan saaxiluu danda’a.
Akkasumas dammi namoota hundaaf ta’u dhiisuu mala.
Keessattuu namoota bu’aalee beeyladaa hin soranneef (vegan)f dammi filatamaa miti.
Kunis damma oomishuun kanniisoota hojii cimaa hojjachuun, tibba gannaatti lubbuusaanii ittiin tursiifachuuf oomishaniin waan wal qabatuuf, namoota oomishaalee beeyladaa hin soorannee biratti akka bu’aa beeyladaatti ilaalama.