Ambaasaaddarri Pirezidantiin US Joo Baayidan Itoophiyaatti ramaduuf dhiheessan eenyu?

Ambaasaaddar Harviin Jozee yeroo ammaa Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti Biiroo dhimmoota Afrikaa hordofu keessa gaggeessummaan dalagu

Madda suuraa, STATE DEPARTMENT

Ibsa waa'ee suuraa, Ambaasaaddar Harviin Jozee yeroo ammaa Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti Biiroo dhimmoota Afrikaa hordofu keessa gaggeessummaan dalagu

Prezidantiin US Joo Baayidan Harviin Jozee Maasingaa Itoophiyaatti Ambaasaaddara Yunaayitid Isteet akka ta’aniif kaadhimuu waajjirri isaanii Waayit Haawus jalqaba torban kana beeksiseera.

Ibsa waajjirichi baaseen Itoophiyaa dabalatee bakkeewwan dippiloomaatiin olaanaa biyyattii muudaman kaan ifa godheera.

Waggaa darbe eegalee dhimma ishee akka isheef raawwachiisu namni US Finfinnee kan magaalaa dippilomaatikii Afrikaa jedhamtutti ramadde Tireesii Jaakobsanidha.

Haa ta’u malee, sadarkaa ambaasaaddaraan osoo hin taane sadarkaa yeroof dhimma raawwachiisaatti (Chargé d'Affaires) kan dalagaa jiranidha.

Waraana Kaaba Itoophiyaatti waggaa lamaaf tureen walqabatee Itoophiyaan dippilomaatota biyyoota Lixaa gidduuseentummaan himataa, himannaa jajjabaas dhiheessaa turte.

Sababa waraana Kaaba Itoophiyaan tureen hariiroon Itoophiyaafi US muddama seenee ture.

Kaadhimamuun ambaasaaddaraa kuni yeroo Itoophiyaan waraana waggaa lamaaf ture nagaan xumuruuf waliigaltee raawwatteefi hariiroon isheef biyyoota Lixaa waliin qabdu fooyya’aa jiruttidha.

Waraanni kuni karaa nagaan akka xumura argatu kanneen dura aantummaan sosso’aa turan keessaa tokko immoo Ameerikaadha.

Akka adeemsa mootummaa Ameerikaatti pirezidantichi dippilomaatota gara garaa kaadhiman haa dhiheessan malee gara caalu kan filatuufi eeruu kennu gama dhaabbata ‘’Boordii Hariiroo Alaa’’ jedhamudha.

Qaama kanaan filamanii dippilomaatonni pirezidantichaan fudhatama argatan Mana Maree biyyattii (Seenetii)’dhaan akka ragga’u ta’a.

Adeemsa kana keessatti kanneen kaadhimaman kuffisuun hammana hin baramne. Sababa kanaaf, Harviin Jozee Itoophiyaatti carraan Ambaasaaddara US ta’un isaanii bal’aadha.

Ambaasaaddar Harviin Jozee garuu eenyu?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ambaasaaddar Harviin dippilomaatii muuxannoo bal’aa qabanidha.

Yeroo ammaa Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti I/Aanaa Gargaaraa Hoogganaa Biiroo Dhimmoota Afrikaati.

Kana dura Ministeera Dhimma Alaa, biyyoota Afrikaafi Eeshiyaa garagaraatti dippilomaatiifi hooggansa garagaraarratti tajaajilaniiru.

Ollaa Itoophiyaa kan taate Sudaanitti Ambaasaaddara itti – aanaa akkasumas Chaayinaatti hoogganaa dhimmoota diinagdee ta’un hojjetan.

Afaan Faransaay, Ispaanish fi Mandariin (Afaan Chaayinaa) ni dubbatu.

Gaanfa Afrikaaf xiyyeeffannoo addaa kan kennitu Ameerikaan waraana kaabaa Itoophiyaa waggoota lamaaf ture xumura itti tolchuuf Gamtaa Afrikaa waliin bal’inaan socho’aa turte.

Ergamaa addaa garagaraa ramaduunis dhimmichi akka furamu dalagaa turte.

Waliigalteen nagaa mootummaafi TPLF gidduu mallattaa’en gammachuu kan ibsite yoo ta’u akkaataa raawwatu itti dhiheenyaan hordofaa akka jirtu irra-deddeebiin ibsiteetti.

Ambaasaaddarri Pirezidant Baayidan kaadhiman tarii abdii nagaa Itoophiyaa keessatti mul’ate hariiroo biyyattii waliin qabdu fooyyessuuf fedhii ishee agarsiisuuf tarkaanfii fudhatte jedhanii kan fudhatan jiru.

Ameerikaan biyya Itoophiyaa lakkoofsa ummataan Afrikaarraa lammaffaafi teessuma lafaan lafa murteessaarra jirtu waggaa tokkoof hariiroo ishee karaa dhimma raawwachiisaan hordofuuf sababarra geesse hin ibsine.

Itoophiyaafi Ameerikaan hariiroo dippilomasii waggoota 100 oliif ture qabu.