Bineensa baayyina isaani hir'isuuf dawaan dhala dhoowwu akka kennamuuf yaadame

Gosa bineensa qorichi kennamuuf jiru

Madda suuraa, Getty Images

Iskootilaanditti bineensonni Paayin Maartins jedhaman akka wal hin horre lakkoofsa isaanii to’achuuf dawaan dhala dhoowwu akka kennamuuf yaadni dhiyaate.

Dhaabbanni ‘The Game and Wildlife Conservation Trust’ jedhamu tarkaanfiin kun allaattii sanyiin ishee UK keessaa baduuf qarree gahe kapparkaali jedhamtu sanyii badiirraa baraaruf kan karoorfateedha jedha.

Gosti bineensa ‘Paayin Maartins jedhamu kun hanqaaquu allaattii sanyiin ishee garmalee xiqqaate kanaa nyaatti.

Dhaabbanni kunuunsa naannoo tumsu kun, akkataa bineensa kanaaf dawaa dhala dhorku kennu danda'u irratti qorannoo gaggeessuuf deeggarsa maallaqaa argachuuf hawwa.

Daarektarri dhaabbaticha Rorii Kenedii akka himanitti, dawaan dhala dhorku kanaan dura osolee daddaalattii fi re’oota Weelsi akka garmalee hin baaayyanne to’achuuf tajaajileera.

Dhaabbati kun qaamolee kunuunsa naannoorratti qooda qaban, qonnaan bultoota fi abbootii qabeenyaa lafaa waliin kunuunsa fi to'annoo allaattiiwwanii addaa addaa fi bineensotaarratti hojjata.

Rorii Kenedii raadiyoo BBC sagantaa ‘Good Morning Scotland’ jedhamutti akka himetti, tooftan kun allaattiin kapirkaali jedhamtu kun akka hin badne gargaara.

"Allaattii kanaaf falatu barbaachisa,’’ jedhan.

Quuqamtoonni kunuunsa naannoo allaatiin ‘capercaillie’ baduuf qarree gahuu akeekan

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

‘’Waggotii 20 - 30 dhufan keessatti allaattiin kapparkaali jedhamtu Iskootilaand keessaa baduu danda'u, hubaatii bineentiin Paayin Maartins jedhamtu allaatti kanarratti gaggeessitu ammoo sababa isa ijoodha,’’ jedhan.

Dhaabbanni kun dawaa dhala dhoowwu bineensa kanaaf kennuuf kiyyoon dawaa kana of keessaa qabu akka barbaachisuu akeeke.

Kanaan dura osoleef dawaan dhala dhoowwu loozii waliin kennameefii ture.

Obbo Kenediin akka himanitti, yaaliin dawaa dhala dhorku kanaa wayita gaggeeffamu halluun itti dabaluun, bobbaa bineesa kanaa ilaaluun akka isaan nyaatan baruun ni danda'ama.

Bineensa kana jumlaan ajjeesuun mala tokko akka ta'e himuun, ta'us kun eenyuufiyyuu ‘’akka filannoo jalqabaatti hin fudhatamu’’ jedhan Kenediin.

Allaatin kaparkaali kan Iskootiland qofa keessatti kan argamtu yoo ta'u lakkoofsi isaanii 600 hin caalan jedhama.

Sanyiin bineensa ‘pine marten’ fi allaattiin ‘capercaillie’ jedhaman lamaanuu bineensota kunuunfaman keessatti eeramu.

Kanaan dura bidoolleen manca’uu fi adamoon paayin maartins irra qaqqabaa ture lakkoofsi bineensa kanaa akka xiqqaatu taasisee ture.

Bara 1920 keessa bineensi kun kaaba-dhiha Iskootilaand fi Kabaa Weelsi fi Bulchiinsa Leek keessatti bakka muraasatti argama ture.