Keeniyaatti arbi umurii namaa jiraatte duute

Arba umurii dheeraa jiraattee duute

Madda suuraa, @KWSKENYA

Keeniyaatti arbi haadhoon waggaa dheeraa jiraatte du'uu ishee Tajaajilli Kunuunsa Bineensota Bosonaa biyyattii beeksise.

Arbi kun akka Ardii Afrikaatti waggaa dheeraa kan jiraattedha jedhamte.

Maqaan ishee Diidaa yookin Giiftii Tsaavoo jedhamuun beekamti. Tajaajilli Kunuunsa Bineensota Bosonaa Keeniyaa akka jedhetti arbi kun waggaa 60 hanga 65 jiraattetti.

Umurii dheeraan arbi jiraachuu danda'us waggaa 65 dha akka ogeeyyin waa'ee bineensotaa qoratan jedhanitti.

Du'uu arba haadhoo kanaa ilaalchisee Tajaajilli Kunuunsa Bineensota Bosonaa Keeniyaa "miidhagina" Paarkii Biyyoolessaa Baha Tsavo turte jechuun gadduufii ibse.

Arbi Diidaa jedhamtu kun Paarkii biyyooleessaa Keeniyaa keessatti ilka dheeraa qabaachun kan beekamtu yoo taatu turistoonni hedduun waggoota dheeradhaaf daawwataa turan.

Tajaajilli Kunuunsa Bineensota Bosonaa fuula tiwiitara isaa irratti, "Sababuma dulloomtef duute" jedhe.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X

"Diidan waggoota hedduuf hoomaa arbaa ishee waliin turan waktii hamaa fi haala rakkisaa keessatti gaggeessaa fi tiksaa kan turte qabeenya guddoo turte! jedhe dhaabbatichi.

Gama biraan ammoo sababa hongee irraa kan ka'e arbi lama Mount Kenya gubbaatti du'uutu gabaafame.

Sababa gogiinsa biyyoota baha Afrikaa miidhaa jiruutin bara darbe qofaatti Keeniyaa keessatti arba 179 tu du'e.

Roobni yeroo dheeraf roobuu dhiisuu irraa kan ka'e laggeen goganii margi dheedichaa illee rakkisaa ta'ee jira.

ajaajilli Kunuunsa Bineensota Bosonaa biyyattii gama isaatin boolla bishaanii qotuu fi bishaan gara lafa gogee kanatti geessun hanga danda'e rakkinicha furuuf dhama'aa akka jiru beeksise.