Eliyuud Kipchoogeen dhiyeenyatti rikoordii addunyaa nan fooyyessa jedhe

Madda suuraa, Getty Images
Fiigicha maraatooniiratti rikoordii addunyaa kan harkaa qabu Eliyuud Kipchoogeen, ji’a darbe Berliinitti sa’aatii dorgommichaa sekoondii 30’n foooyyeessuun rikoordii haaraa galmeessisuu hordofuun dhiyeenyatti caalatti fooyyeessuu akka babaadu dubbate.
Atileetiin Keeniyaa umrii ganna 37 Kipchoogeen, rikoordii amma bara 2018 qabatee ture fooyyessuf sa’aatii lama, daqiiqaa tokkoo fi sekondii sagal fiige.
‘’Ammayyuu daangaa sa’aatii kana cabsuun akka danda’amu addunyaatti agarsiisuun danda’a jedheen yaada,’’ BBCtti dubbate.
‘’Yeroo dhiyootti sa’aatii fiigicha koo nan fooyyeessa. Ammas irra deebi’een yaala,’’ jedhe.
Waggaa afur dura Kipchoogeen rikkoordii lammii biyya isaa Deenis Kimettoon bara 2014 galmeessee ture 2:02.57 sekondii 78’n fooyyessee ture.
Sana booda bara 2019 atileetii yeroo jalqabaatiif fiigicha maaratoonii sa’aatii lamaa gaditti fiigee xumure ta’e.
Sa’aatiin Veenaatti galmaa’e sun ifatti rekkoordii idil-addunyaa hin taane.
Kipchoogeen dorgommii maaratoonii Jarman magaalaa Barliinitti Fulbaana keessa gaggeeffame gartokkee isaa daqiiqaa 59 fi sekondii 51 fiiguun dorgommii fiigicha maaratoonii sa’aatii lamaa gaditti xumuruu danda’a jedhamee yaadamu taasise.
Kipchoogeen Berliinitti rikkoordii haaraa galmeessiisisuuf karoorsee akka ture himeera.
‘’Karoorri koo sa’aatii lamaa gaditti fiiguu hin turre, karoorri koo rikkoordii cabsuudha,’’ jedhe.
‘’Sa’aatii tokkoo gaditti walakkaa maaratoonii fiiguun akka dandeenyu hubadheera. Kun anaaf kaka’umsa guddaa uuma.’’
‘’Fuulduraaf akeektuu gaariidha. Namootatti waantiin agarsiisu akkuma gartokkee maaratooniirrarratti saffisaan fiiguun danda’amu, xumura irrattis waan gaarii hojjachuun ni danda’ama,’’ jedhe.
Kipchoogeen ji’a dhuftu umrii ganna 38 guuta, bara 2024tti Olimpikii Paaris injifachuun injifachuu barbaada jedhe.
Dorgommiiwwan Olimpikii lamaan darban irratti injifateera.
‘’’Seenaa hojjachuun barbaada. Nama jalqabaaf walitti aansee marroo sadiif deddeebi’ee injifate meedaliyaa warqee injifate ta’uun fedha,’’ jedheera.












