'Waraana addunyaa 2ffaa asitti addunyaan yeroo kamuu caalaa hamtuu keessa jirti' - Puutin

Madda suuraa, Reuters
Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutin, erga waraanni addunyaa lammaffaan goolabame asitti addunyaan haala baayyee hamtuu jedhamuu danda’u keessa jirti,’’ jedhanii akeekkachiisan.
Mooskootti dhimmoota garaa garaa irratti haasaa kan taasisan Puutin, sababa Yukireen weeraraniif ibsuu yaalaniiru.
Puutin Yukireen weeraruun garuu Raashiyaa biyyoota addunyaarra mooggaatti baase.
Aab Puutin, biyyootni Lixaa doorsisni meeshaa niwukilaaraatiin Raashiyaarratti uuman, biyyoota michuu Mooskoorraa fageesse ykn fuula naanneeffachise jedhanii himatan.
Biyyoonni Lixaa tibbana Raashiyaan boombii niwukilaraatiin doorsisa al-kallattiin isaaniirratti uumte balaaleffataniiru.
Jalqaba torban kanaatti Yuukireen boombiiwwan carallaa uumuu danda’u ‘dirty bomb‘’ gargaaramuuf jirti jechuun Raashiyaan kan himatte dubbi dharaati jechuun NATO’n balaaleffateera.
Hogganaan NATO Jensi Istoltenberg, biyyoonni miseensa jaarmiyaa keenya himannaa kana hin fudhatan, Raashiyaan dubbi-hammeessuuf itti gargaaramuu hin qabdu,’’jedhan.
Aab Puutin yaa’ii waggaa Valdayi Fooram jedhamurratti’’daangaa seena-qabeessarra jirra’’ jedhan.
Itti dabaluun, akkas jedhan;’’fuduratti tarii haalli amma jiru ittuu hammaachuu mala, ammatti raaguuf dhibaadha, akkasumallee erga waraanni addunyaa lammaffaan goolabamee asitti waggoonni kurnoon kun murteessaadha,’’ jedhan.
Puutin haalli tarsiimoo siyaasaa addunyaarratti mul’ata jiru ‘’warraaqsa’’ jechuun ibsan.
Kana booda biyyooni Lixaa hin danda’an garuu ‘’to’achuuf tattaafataa jiru,’’ jedhan Puutin.
‘’Haalli addunyaan gara fuulduraatti ittiin bultu ija keenyan otoo arginuu umamaa jira,’’ jedhan Hogganaan Raashiyaa.
Puutin itti dabaluun biyyoonni Lixaa Ameerikaan hoogganamaa jiru ‘’Raashiyaa balleessuuf yaalaa jirti’’ jechuurra kan darbe ragaan dhiyeessan hin turre.












