Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Manni-murtii Luba Balaay fa’irratti guyyaa himannaa banuu 15 hayyame
Sanada sobaatiin akkaawuntii Baankii Daldala Itoophiyaa damee Gamtaa Afrikaatii maallaqa baasuuf yaaluu isaaniitiin kan shakkaman Luba Balaay Mokonnoniifi shakkamtoota biroo lama irratti guyyaa himata banuu 15 mana-murtiitiin hayyamamuu abukaatoon isaanii Obbo Tuulii Baayisaa BBCtti himaniiru.
Manni-murtii Federaalaa Ramaddii Tokkoffaa Ramaddii Araadaa murtee kana kan dabarse dhaddacha Kamisa Caamsaa 02, 2024 turerrattidha.
Lubi Balaayiifi ‘ajjaabii’fi shufeerri isaanii waliin to’annoo jala oolfaman har’aan si’a sadaffaa mana-murtiitti kan dhiyaatan, torban darbe dhaddacha turerratti manni-murtii poolisii qoratuuf guyyaa qorannoo dabalataa saddeet hayyamuusaatiinidha.
Lubi Balaay kan shakkaman sanadii sobaa maqaa Gamtaa Afrikaatiin gargaaramuun Baankii Daldalaa Itoophiyaa damee mooraa Gamtaa Afrikaa keessatti argamuu dolaara miliyoona ja’aafi kuma 50 baasuudhaaf yaalaniiru kan jedhudha.
Dhaddacha torban darbe tureen poolisii qoratuuf guyyaan dabalataa kan hayyamameef sakatta’insa mana Luba Balaayitti taasiseen shugguxiin argate hayyama qabaachuu isaa qulqulleeffachuuf, shakkamtoota kaan to’achuuf, akkasumas baankiifi “waajiraalee mootummaa gara garaaf” gaaffii dhiyeesseef deebii eeggachuudhaaf kan jedhuun ture.
Dhaddacha har’aa irratti poolisiin qoratu qorannoo taasisu akka xumureeru mana-murtiif ibsuu isaa abokaatoon Luba Balaay Obbo Tuulii dubbataniiru.
Abbaa alangaa waliin kan dhiyaate poolisiin qoratu, abbaan alangaa himata banuudhaaf guyyaan dabalataa akka isa barbaachisu mana-murtiif xalayaa barreessuu isaa abokaatoon kun ibseera.
Abbaan alangaa xalayaa isaatiin, "yakki shakkamtoonni ittiin shakkaman sanadii sobaatiin gargaaramuufi yakka malaammaltummaa waan ta'eef himanni hanga banamutti guyyaan himannaa 15 naaf kennamu" jedhee gaafachuusaa Obbo Tuuliin himaniiru.
Abbaan alangaa xalayaa isaa kanaan yakki Lubi Balaa fa'aa ittiin shakkaman "sanada sobaatti gargaaramuu, yakka malaammaltummaa raawwachuufi waliin dhahuu cimaa" akka ta'e eeruu kan dubbatan abokaatoon kun, guyyaan dabalataa akka hayyamamuuf kan gaafateefis gochawwan kunneen "keewwata kam jalatti akka ilaalaman sirriitti qulqulleeffatanii himata banuuf" akka ta'e abbaan alangaa ibsuu isaa dubbataniiru.
Dabalataanis hanga himanni banamutti shakkamtoonni kunneen mana-hidhaa akka turaniiif manni-murtichaa ajaja akka kennuufis gaafatamuu dubbataniiru.
Gaaffii mana-murtiitiif dhiyaate kan morman abokaatooni himatamaa gamasaaniin, guyyaan dabalataa hayyamamuu akka hin qabne kaasuun falmuu dubbatan.
Obbo Tuuliin akka jedhanitti, falmiin gama abokaatotaatiin ka'e tokko xalayaa abbaa alangaarratti kan eerame "yakki malaammaltummaa raawwatamuu" kan jedhudha.
Abokaatoowwan, "maamiltoonni keenya hanga ammaatti kan qorataman yakka malaammaltummaatiin miti; sanada sobaatiin gargaaramuu kan jedhuun qofa ture," jechuun akka falman Obbo Tuuliin dubbataniiru.
Sanada sobaatti gargaaramuu kan jedhu ilaalchisee, "maamiltoonni keenya sanada sanarratti wanti mallatteessan hin jiru; sanada sanarrattis wanti isaaniin eeru hin jiru," falmii jedhu dhiyaachuu dubbatu Obbo Tuuliin.
Abokaatoowwan, "yaadni malaammaltummaa jechun dhufe maamiltoonni keenya mirga wabii akka hin arganne dhorkuuf waan ta'eef manni-murtichaa mirga wabii hayyamee [shakkamtoonni] ala taa'anii wanti himata isaanirratti bansiisu yoo jiraateef abbana alangaa himata akka banu, ta'uu baannaan akka cufu," jechuun mana-murtii gaafachuusaanii dubbatan.
Yakka malaammaltummaa ilalachisuun gama abokaatoowwaniitiin falmiI ka'e ilaalchisee deebii kan kenne abbaan alangaa gamasaatiin, yaaliin maallaqa baasuu taasifame dhaabbata misooma amootummaa kan ta'e Baankii Daldalaa Itoophiyaa keessa akka ture kaasaniiru jedhan.
Abbaan alangaa, [Maallaqni] kun baheera osoo ta'ee deebiyee kan kaffalu Baankii Daldalaa Itoophiyaa waan ta'eef kan gowwoomfame ykn miidhamaa kan ta'u Baankii Daldalaa Itoophiyaadha" jechuusaa abokaatoon kun bsaniiru.
Falmii abbaa alangaafi abokaatota himatamtootaa kan dhaggeeffate Manni-murtii Federaalaa Sadarkaa tokkoffaa Ramaddii Araadaa, guyyaa himata banuu 15 abbaan alangaa gaafate hayyamuu abokaatoo Obbo Tuuliin ibsaniiru.
Gamtaan Afrikaa waajirasaa muummee magaalaa Finfinneetti argamu damee Baankii Daldalaa Itoophiyaa keessaa maallaqa qabu irratti yaaliin waliin dhayuu torban lama dura gaggeefame ''sakattaa jabaan'' hojjettootaan fashaluu ibsee ture.
Dhaabbatichi ibsa Roobii baaseen hojjetaan Baankii Daldala Itoophiyaa fi hojjettootni kutaa maallaqaa dhaabbatichaa ''tarkaanfii dammaqaa fi si'ataa fudhataniin''sanada sirrii hin taaneen maallaqa doolaara miiliyoona jaha bahuuf ture dhaabsisaniiru jedhe.