Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lubni Balaay gowwoomsaa namaatiin bakka itti to'ataman deemuu mana murtiitti himan
Lubni Balaay Mokonnin, kan sanada sobaatiin Doolara Ameerikaa miliyoona jaha ol baankiirraa baasuuf yaaluun himataman, bakkicha "namoonni na gowwoomsaniitu na geessan" jechuun mana murtiitti himuusaanii abukaatoon isaanii Tuulii Baayyisaa BBC'tti himan.
Mana lubummaa Bataskaana Ortodoksi Tawaayidoo Itoophiyaatti hojii gaggeessaa ittaanaa kan ta’an luba Balaay, Roobii har’aa Ebla 24, 2024 dhaddacha mana murtiitti dhiyaatanii yaada kennan.
Mana Murtii sadarkaa jalqabaa ramaddii Araadatti beellamaaf kan dhiyaatan yoo ta’u, dhimma isaanii qorachuuf guyyoonni dabalataa eeyyamamee ture.
Lubni Balaay magaalaa Finfinnee, damee baankii daldalaa Itoophiyaa mooraa Gamtaa Afrikaa keessatti argamu keessaa "sanada sobaatiin maallaqa baasuuf yaalan" jedhamuun himatamu Obbo Tuuliin himan.
Lubni Balaay eegdota baankichaan qabamanii Biiroo Qorannoo federaalaatti dabarfamanii kennamuu himan.
Maallaqni Wixata darbe baafamuu ture jedhame kun lakkoofsa herreegaa Gamtaa Afrikaa keessaa baasuu akka ture Gamtaa Afrikaatti kutaan qorannoo yakkaa fi tiraafikaa xalayaa barreesserraa arguu gaazexaan ‘’Za Rippoortar’’ gabaasera.
Gabaasichi kaffalattii ijaarsaa afur akka sababaatti eere.
Dhimma luba Balaay dabalatee, konkolaachisaa isaanii fi eegduun isaanii poolisiin qoratee waan raawwate mana murtiitti himaniiru.
Manni Luba Balaayi sakatta’amuun shugguxiin tokkollee argamuu poolisiin qorannoo gaggeessu mana murtiitti hime.
Abukattoonni jaha luba Balaay bakka bu’anii kan falman yoo ta’u, qorannoof yeroon dabalataa akka eeyyamamuu hin qabne falman.
Obbo Tuuliin akka jedhanitti, Lubi Balaay bakka sanatti argamurra kan darbe, xalayaa qopheessuu fi fudhuu keessatti qooda hin qaban jedhan.
Xalayaarratti maqaan isaanii, lakkoofsi herreega baankii, akkasuma herreegni baankii bataskanattiis akka hin eeramne himan.
Kanaafu yakkichi namoota birootiin kan yaalame yoo ta’u, Luba Balaay hin ilaallatu jedhan.
Otoo dhimmichi isaan ilaallateeyyuu ‘''mirga wabii akka hin arganne kan dhorku miti" jedhan Obbo Tuuliin.
Lub Balaay moora Gamtaa Afrikaa kan dhaqan ‘''namootaan gowwoomfamanii’’ akka ta'eefi dhaquurra kan darbe "gochiin raawwadhe hin jiru" jechuun mana murtii himaniiru.
Akkasuma Sanadi sobaa jedhame sirrii ta’uuf dhiisu hoggantoota baankiirraa mirkaneefachuuf bakka sanatti argamuusaanii dubbatan lubni Balaay.
Mana Murtii sadarkaa jalqabaa ramaddiin Araadaa guyyoota qorannoo dabalataa saddeet poolisiif eeyyameera.