Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Poolisiin miseensasaa uffata dambii uffatee waltajjii ayyaana Ortodoksii irratti ba’uun dhukaase to’achuu hime
Poolisiin Federaalaa miseensasaa guyyaa ayyaanaa amantaa Kiristaanaa warra Ortodoksii kabajamaa ture tokkorratti waltajjiitti ol ba’ee kilaashii bobaa jalaa baafatee samiitti ol qabuun walwalirratti dhukaase tokko, gocha namuusa poolisiin ala ta'e raawwateera jechuun to'annoo jala oolchuu hime.
Miseensi Poolisii Federaalaa Itti-aanaa Saajin Taammanaa Dubbaalee jedhamu kun gocha namuusa poolisii cabse kana kan raawwate naannoo Kibba Itoophiyaa godina Goofaa aanaa Gezee Goofaatti A L I Amajjii 05, 2016 Mana Amantaa Ortodoksii Keechoo Wazee Qulqulluu Baalawalditti ture.
Dhimma kana ilaalchisuun Poolisiin Federaalaa ibsa miidiyaaleef ergeen, miseensasaa kana yerosuma to'annoo jala oolchuun seeraafi dambii dhaabbatichaan qorannoo irratti geggeessaa akka jiru ibseera.
Yuunivarsiitii Poolisii Federaalaatti miseensa kan ta'e I/A Saajin Taammanaa, yeroo gocha seeraan alaa raawwate kana miseensa haarawa akka filatuuf gara sanatti ergamuu ibsi kun ni mul’isa.
I/A Saajin Taammanaa uffata dambii Poolisii Federaalaa uffaterratti balee [naxalaa] haguuggatee [darrabatee] waltajjii amantoonni hedduun irratti hirmaachaa jiranirratti ba’uun faarfachiisaa osooma jiruu gidduutti balee ofirraa fuudhee kilaashii bobaa jalaa baafatee samiitti osoo dhukaasuu viidiyoon miidiyaalee hawaasaarra naanna'u tokko mul’iseera.
Akka ibsa kanarraa hubatamutti taateen kun ji'oota dura kan raawwatame ta'us poolisiin maaliif hamma kana turee akka ibsa baase ifa miti.
Viidiyoon gocha miseensa poolisii kanaa mul'isu garuu bal'ina kan qoodame tibba kana.
Poolisiinis Fedraalaas gochi kun dambii ittiin bulmaata dhaabbatichaan ala ta'uu mirkaneeffateera.
Poolisiin Federaalaa amantii hundaaf kabaja walqixxee akka qabu himuun,
loogii amantii, sabummaafi siyaasaa kamirraayyuu bilisa ta’ee kan dhaabbata uummataati jedheera.
Poolisiin qaama hunda qixaan kan tajaajiluufi amantii isaas dhuunfaan hordofuu kan danda'u ta'ee osoo jiruu miseensi kun meeshaa mootummaan nageenya uummataa akka ittiin eeguuf hidhachiise bakka hawaasni hedduun argamutti namuusa poolisii karaa cabseen dhukaasuun isaa seeraan kan gaafachiisu waan ta'eef seeratti kan dhiyeessuun ta'uu Poolisiin Federaalaa ibsa isaan mirkaneesseera.
Viidiyoo miidiiyaa hawaasaarratti qoodame akka agarsiisuttis, miseensi poolisii Federaalaa kun akkuma ummataa duratti ba'ee dhukaaseen waltajjiirraa bu'ee ummata gidduu seene.
Viidiyoo qoodame kana horodofee namoonni waltajjii itti waaqeffataniifi naga qabeessa ta'etti dhukaasni akka kanaa sirrii miti jechuun yaada isaanii kennaniiru.
Waggaa sadii dura namoonni yuunifoormi raayyaa ittisaa Itoophiyaa uffatan wayita waltajjii amantaa kan Iyyuu Cufaa irratti hirmaatan suuraan agarsiisuu miidiyaa hawaasaarratti bal'inaan qoodame tokko mormii kaasuun isaa ni yaadatama.
Raayyaan Ittisaa fuula miidiyaa hawaasummaasaarratti akkas jedhee barreesse: ''Namni Iyyuu Cufaa jedhamu, maqaa amantiitiin kan socho'u, namoota na hordofu ittiin jedhu, kabajasaanii haala xiqqeessuun yuuniforrmiisaanii waliin viidiyoo waraabuun akka tatatamsa'ee hawaasa walga'u godheera.''
''Miseensonni keenya muraasnis fedhii nama kanaa guutuun mallattoo lammiilee Itoophiyaa kan ta'e uffata seeraa(yuunifoormii) raayyaa ittisaa uffachuun hirmaatanii akka turan mirkanaa'eera.''
Raayyaan Ittisa Biyyaa kun ibsa har'a baaseen,namoonni yuunifoormii raayyaa ittisaa uffatanii hirmaatan to'atamanii jiraachuu fi dhimmisaaniis gara Mana Murtii Raayyaa Ittisaatti darbuuf qoratamaa jiraachuu ibsee ture.
Raayyaan Ittisa Biyyaas gocha kanaaf raajii Iyyuu Cufaa irratti himata banuuf akka turellee yeroo sanatti ibsee ture.
Raajii Iyyuu Cufaa himata Rayyaa Ittisa Biyyaaf deebii kenneen ''wanti nahimachiisuu danda'u tokkoyyuu hin jiru'' jedhe.