Iyyuu Cufaa himata Rayyaa Ittisa Biyyaaf deebii kenne

Raajii Iyyuu Cufaa himata Rayyaa Ittisa Biyyaaf deebii kenneen ''wanti nahimachiisuu danda'u tokkoyyuu hin jiru'' jedhe.

Mana amantaa kan Raajii Iyyuu Cufaa itti tajaajilu keessatti loltoonni uffata dambii Raayyaa Ittisa Biyyaa uffatan waltajjiirratti ''humna hafuuraatiin'' yoo kukkufan, mul'isu miidiyaa hawaasummaa irratti ijoo dubbii ture.

Raayyaan Ittisa Biyyaas gocha kanaaf raajii Iyyuu Cufaa irratti himata banuuf akka jiru ibsee ture.

Raajii Iyyuu Cufaa dhimma kanarratti Tv mana amantichaa ofii hoogganu 'Christ Army Tv Worldwide' irrati viidiyoodhaan deebii kenneera.

Ta'iin kuni ji'a tokkoon dura mana amantichaa Finfinnee keessatti argamutti akka ta'e kan Ibsi Iyyuu Cufaa, loltoonni kunneen akkuma nama kamiituu dhufanii sagantaa hordofani jedha.

"Yeroo dhufan uffata yunifoormii raayyaa ittisaa uffadhaa koottaa jedhamanii hin dhufne. Bilbilameefiis namoota dhufan miti. Isaaniin duras yeroo adda addaa akkuma isaanii namootni uffata raayyaa ittisaa uffatan nidhufu, tajaajilamanii deemu" Jechuun dubbate.

Loltoonni kunneen guyyicha gara bakka waaqefannaa sanaa akka dhufan akka hin beeknee fi ga'een keenya gaafa sagantaan jiru balbala keenya bannee eeguu qofa jedha.

"Ga'een keenya eebba waaqni nuuf kenneen saba tajaajiluudha. Guyyaa sana nama kuma 10 caalu keessaa loltoonni uffata raayyaa ittisaa uffatan kuni dhufan. Waaqnimmoo maqaa kiyyaan seexana baastu jedheera. Kanaaf seexanni kan uffaterrraas kan hin uffannerraas inuma baha" jedha.

Tajaajilaan wangelaa 'Raajii'' Iyyuu Cufaa kan beekamtii guddaa fi hordooftoota horte yoo ta'u, miira itti gaafatamummaa hin qabnee fi fedhii dhuunfaasaaf jedhee amanamummaa fi maqaa nu balleesseera jedhan Dubbi Himaan Raayyaa ittisa Biyyaa Koloneel Geetinnat Adaane.

Adeemsa seexana baasuu kana keessatti loltoonni kunis bilisa bahu waan qabaniif gaafa seexanni bahu kufani akkuma nama kamiituu bilisa bahani jedha Iyyuun.

Gochi kuni guyyaa loltoonni kunneen gara mana amantichaa dhufan kan jaqabe akka hin taanee fi hojii kana kanin hojjedhes kampii loltootaa deemee osoo hin taane mana amantaa itti tajaajilu keessatti jedhechuun himannaa Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaaf waan deebiise.

Raayyaan Ittisa Biyyaa ibsa isaa kaleessaa keessatti namoonni yuunifoormii raayyaa ittisaa uffatanii hirmaatan to'atamanii jiraachuu fi dhimmisaaniis gara Mana Murtii Raayyaa Ittisaatti darbuuf qoratamaa jiraachuu ibseera.

"Loltoonni kunneen badiin isaan hojjetan hin jiru. Uffatich maaf uffatanii dhufan kan jedhu akkaataa seera raayyaa ittisaatiin gaafachuu danda'u. saniin ala nama tokko tokkoof seerri qofaatti yoo jiraate malee wanti ana himachiisu homtuu hin jiru. karaa kamiinuu dhugaan gaafatamaa nagodhu hin jiru" jedha.

Loltuun hidhaa seexanaarraa bilisa ta'e mootummaadhaafis gaariidhaa jechuun dubbata Iyyuun.

"Loltuun tokko seexana wajjin ta'ee mootummaa yoo tajaajilee moo hidhaa seexanarraa bilisa ta'ee mootummaa yoo tajaajile kamtu wayya? jennee yoo gaafanne namni kamuu deebisuu waan danda'udha.''

Viidiyoon sagantaa waaqefanna amantichaa yeroo hunda TV fi miidiyaa hawaasummmaa mana amantichaarratti akka gadhiifamuu fi kan loltoota kanaas addatti waan ta'e akka hin qabnes dubbateera.

"Namoonni maaf hin gaafatamu jedhan kuni mataasaanitiinuu osoo dhufanii nan tajaajila. Wanti nama gaafachiisus sodaachisus hin jiru. Ani mormituu mootummaa miti, tajaajilaa waaqaati. Bara hedduu boquu nacabsuuf yalameera amma garuu yaaliin kuni nifashala malee hin milkaa'u" jechuun dubbate Raajii Iyyuu Cufaa.

Namni gara mana waaqeffannaa keenyaa dhufu kabajasaa, qabeenyasaa beekmatiisaa karra irratti dhiisee seenuu akka qabuu fi erga mana amantichaa seenee booda kabajni, qabeenyi beekmatii nama kamiituu walqixa akka ta'es himeera.

''Wacni tibbana miidiyaa hawaasummaarra jiru kuni dhuguma hafuurri waaqaa nama uffata seeraa raayyaa ittisaa uffate nisodaata jechuudhaa? ''Jechuunis gaafata Raajichi.