Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo: Guyyaan baallii dabarsu jila guddaa hawwiin eegu, guyyaanuu naaf deemuu dide

Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo

Madda suuraa, SM/FB

Abbaa Gadaa Gujii 74ffaa kan tahan Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo barri Gadooma isaanii xumuramuuf ji’oota muraasatu hafe.

Sirni Walharkaa fuudhinsa baallii Gadaa Gujii kunis ardaa Jilaa Me’ee Bokkootti Gurraandhala 13, bara 2016 adeemsifamuuf qophiin jilaa hundi xumuramaa jira.

Waggoota saddeettan darban abbaa Gadaa Gujii kan turanii fi ji’ootaan booda ammoo Yuuba Gadaa ta’uuf kan jiran Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo xumuramaa jiraachuu bara aangoo isaanii ilaalchisuun BBC waliin turtii taasisan.

Gadaa Harmuufaa irraa kan ta’an Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo Uraagaa, warra Gadaan itti darbu Gada Roobaleetti baallii dabarsuuf jila hunda xumuranii ardaa Me’ee Bokkuu erga qubatanii JI’a darbeera.

“Ani Gadaa keessatti dhaladhee keessatti Guddadhe. Kuusaa, Raaba, Doorii keessaa dhufeen waggaa meeqa bara Gadaa Godaanaa Kattaa, bara Abbaa Gadaa Waaqoo Duubee, Bara Gadaa Aagaa Xeenxanoo hunda keessa hojjedhee dhufe.”

“Erga Abbaa Gadaa ta’elleen waan Gadaarratti hafe hunda xumureen, jila Qaalluus kenneen wanni tokko hafee kan hin jiraanne ammaan tana Baallii kennuu calla eeggachuu jira” jedhan.

Abbaa Gadaa Jiloon Gulantaalee Gadaa keessa dhufanii waggaa 67’tti Abbaa Gadaa Gujii tahan. Amma yeroo Gadaa isaanii xumuranii Baallii dabarsan ammoo umriin isaanii Ganna 75 dha.

Bara 2013 Yunvarsiitii Bulee Horaa irraa Doktareetii Kabajaa argataniiru.

Barri Gadaa keessan akkamiin madaaltuu jennee kan gaafanne Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo, Gadaan kiyya milkii kan qabu ture jedhu.

“Gadaan kiyya milkaa’aa ture. wanni hafaalleen jiraatu. Hanqina bokkaalleen namni hanqinumaa Gadaa kiyyaatti lakkaaha malee,'' jedhan.

Haala nageenyaa Naannoon Oromiyaa fi naannoon Gadaa isaanii keessa dhufe bara Gadaa keessanii akkamitti madaaltan kan jedhuuf ammoo,

“Gadaan waan dhibii hin dubbatu. Gadaan waan hamaa hin dubbatu. Rakkoollee hin himatu. Beelalleen hin himatu. Gadaan kiyya keessa dabarse kuni mirga malee waan dhibii hin jiru. Gadaan waan dhibii hin dubbatu aadaa moti,” jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Barri Gadaa isaanii Oromoof waan lamaan Gammachuu kan fide ta’uun Gadaan isaanii kan milkii akka ture waan ibsu akka ta’es himu.

“Wanni Nagammachiisu aadaan Gadaa kuni Gadaa kiyya keessa UNESCO galmaa’e. kuni akka malee nagammachiise. Abbaan fedhellee haa jibbu Oromoolleen Gadaa tiyya Mootummaa biyyaa ta’e. Dr. Abiy Gadaa kiyya. Kuni akka malee nagammachiise,” jedhan.

Amma Baallii Gadaa isaanii Dabarsuuf Ardaa me’ee Bokkkoo qubatanii kan jiran Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo, guyyaan Baallii kennu akka malee hawwiin eegaa jira jedhan.

“Ani Saangaa Lama qopheeffadheen jira. Guyyaa sana Gammachuu fi sirbaan baallii dabarsuuf. Miidiyaa bakka hundaa yaammadhee baallii kana karaa nagaatiin kennuu barbaada. Guyyaan suni kan Baallii callaa osoo hin taane anaaf jila guddicha.”

“Hawwii Guddaadhaan eegaa jira. Buliin hin dhumatu nan eega, yoo ammallee guyyaa lakkaa’u hin dhumatu. Bulii halkaniillee dafee naaf hin bari’u. Guyyaan baallii kennu suni osoo har’a ta’ee nan gammada. Hawwii guddaan eegaa jira,” jedhan.

Waggaa saddeet dura Guyyaan baallii fudhatan guyyaa gammachuu olaanaa jireenya kiyyaati kan jedhan Abbaa Gadaa Jiloon, guyyaan baallii kennanis Guyyaa gammachuu guddaa kan biraa akka ta’uuf himu.

Gurraandhala 13, bara 2016 Baallii Gadaa isaanii dabarsanii Yuuba Gadaa erga ta’aniin booda hanga Lubbuun jiranitti Hojii Nageenyaa fi waan biyyaaf ta’urratti hojjechuu akka itti fufanis himu.

“Waan uummata Oromootiif tolu halkanii guyyaa deemee waan nagaa, waan aadaa hojjechuu barbaada. Ani Doktara kabajaa Aadaati. Duralleen isumarratti hojjedha. Haga Lubbuu tiyyaan jiru waan aadaan hojjedha.” Jedhan.

Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo dhimma araaraa Mootummaa fi waraana bilisummaa Oromoo gidduu jiru irratti dhaamsa dhaammachuu fedha jedhan.

“Ani Jaarsa ganna 75ti. Wanni natti hin tolle waan Oromoo lamaan walitti hin araaramneef kana. Adaraa namallee hin sodaatinaa, lafallee hin sodaatinaa, Gadaallee hin sodaatinaa waaqayyo nu uume sodaadhaa Araaramaa. Araara fi Oromoo tokko ta’uu ganna kana hawwa,” jedhan.