'Israa'el USn ni dhageessi garuu murtee ofii fudhatti'- Waajira Netaaniyaahuu

MM Netaaniyaahuufi pirezidant Joo Baayidan

Madda suuraa, Getty Images

Waajirri Ministira Muummee Benjamiin Netaaniyaahuu ibsa Kibxata baaseen Israa'el USn ni dhageessi murtee garuu fedha biyyaalessaa bu'uura godhattee ofiin murteessiti jedhe.

Ibsi kun barruu Waashingitan Poost gubbaattis kan maxxanfame yoggaa ta'u, dabalataan Netaaniyaahuun bulchiinsa Baayidaniin Israa'el buufatalee waraanaa Iraan ni haleelti, buufataalee niikuleeraafi boba'aashee hin tuqxu jechuunis gabaase.

Ibsi kun kan bahe Israa'el haleellaa Iraan Onkololessa 1 raawwatteef haaloo baati jedhamee wayita eegamuttidha. Haleellaan Iraan sun lola Israa'eliifi Hezbollaatti dabalamee muddama Baha Giddugaleessaa hammeesseera.

Rooyitarsi Waashingitan Poost waabeffatee akka gabaasetti Netaaniyaahuun buufatalee boba'aa fi niikuleeraa haleeluu caala buufataalee waraanaa Iraan haleeluuf filachuunsaanii gabaafameera.

Sadarkaan Israa'el Iraaniin haaloo itti baatu maal akka ta'uu danda'u xiinxalamaa kan ture yoo ta'u, buufataaleen boba'aa Iraan xiyyeeffannoo haleellaa Israa'el yoo ta'an daafoonsaa biyyoota Galfiifi Ezhiyaa Iraan waliin boba'aan hidhatan daran miidha yaaddoo jedhu uumee ture.

Biyyootni akka UAE, Saawdii Arabiyaafi Kataar xiyyeeffannoon haleellaa Israa'el buufatalaee boba'aa yoo ta'an xiyyaarri waraanaa Israa'el daangaa qilleensaa isaanii keessa akka hin dabarre dhorkuusaanii ibsaniiru.

Israa'el haala itti Iraaniin haaloo baatu irratti pirezidant Baayidaniifi itti aantuu pirezidantii Kaamlaa Hariis waliinis mariyatanii turan. Ammoo waraanni akka hin hammaanneef hamma haleellaa raawwattuu daangessuuf waliigalteetti gabaasni jedhu baheera.

Haaloon Israa'el baatu filannoo US torbanoota muraasa keessatti gaggeeffamu irrattis dhiibbaa akka hin qabaanne ilaalcha keessa galfamuu Waashingitan Poost ifa gochuu Rooyitarsi gabaaseera.

''Yaada Ameerikaa ni dhageeffanna, murtee dhumaa garuu fedha biyyaalessaa bu'uura godhannee murteessina'' jedha ibsi waajirri Netaaniyaahuu baase.

Pirezidant Baayidan haleellaa buufata niikuleeraa fi buufatale boba'aa Iraan irratti raawwataman hin deeggarre.

Biyyootni Galfiis Israa'el buufataalee boba'aa Iraan akka hin haleelle michuusheerra dhiibbaa akka gootu gaafatanii turan. Haleelamuun buufatalee boba'aa Iraan gabaa boba'aa idila addunyaa jeeqa jedhamee sodaatame.

Biyyootni Arabaa buufataaleen boba'aa Iraan yoo haleelaman bu'urri boba'aa isaanii kan Iraan waliin hidhata qabu waan jalaa manca'uuf iyyatan.