Duulli Israa'el tibbana taasisaa jirtu kaayyoo Netaaniyaahuu ittaanu maal nutti hima?

Beeinyaamin Netaaniyaahuu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Beeniyaamin Netaaniyaahuu dhiibbaa Baayidan irratti godhan dhagahuu diduun waraanni Baha Giddu Galaatti akka babal'atu gochaa jiru jedhama

Israa'el humna lafoon Libaanos weeraruun Hezbollaarratti duula erga eegaltee torban lama guuteera. Kamisa halkan haleellaa magaala Beerut irratti raawwaatteen namoonni heddu du'uu hordofee Lobaanositti waraanni akka dhaabatuuf waamichi taasifamu jabaataa jira.

Gaazattis bifa haaran humna bobbaasun Hamaas wajjin lolatti jirti. Gama biraan ammoo haleellaa bilaastik misaa'elaa torban lama dura Iraan gara Israa'elitti dhukaasteef deebii jabaa kennitti jedhamee eegama.

Ministiirri Ittisaa Israa'el Yaa'ov Gaalant guyyootan dura, haleellan Iraan irratti gaggeeffamuuf jiru laalessaafi "maaltu akka ishee haleeleyyuu Iraan hin beektu" jechuun dubbatanii turan.

Michoonni Israa'el kanneen akka US haleellaa madaalawaa qofa akka gaggeesituuf kadhataa jiru.

Haa ta'u garuu Israa'el daandii ofii jetterraa duubatti deebi'aa hin jirtu, dhiibbaa irratti godhamuufis gurra dhagahu hin qabdu. Kunis sababa sadiifi: haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 gaggeesse, Beeniyaamin Netaaniyaahuufi Yunaayitid Isteetis.

Duubatti deebinee yoo ilaalle, Amajjii 2020 qondaalli waraanaa olaanan Iraan Qaasim Suleemaanii buufata Xayyaaraa Baagdaan qubatee ture. Jeneraal Qaasim Sulemaanii ajajaa humna Iraan Quds jedhamuti.

Humni kun Baha Giddu Galeessaa: Iraaq, Sooriyaa, Yaman, Libaanosifi Weest Baankifi Gaazaa keessatti humnoota faallaa Israa'el ta'an leenjisuufi hidhachiisudha. Oppireeshiniiwwan daangaa Iraanin alatti gaggeeffaman kan raaawwatu humn Quds kan Qaasim Sulemaanin hogganamuudha.

Quds jechuun Yerusaalem jechuu yoo ta'u, humni kun Israa'el akka diina ijootti ilaala. Suleemaanin diroonii Ameerikaatin osoo hin ajjeefamin dura Ayaatolaa Kameenitti aanaa nama aangoo jabaa qabuufi sodaatamu ture.

Qaasim Suleemanii bara 2020 yeroo ajjeefamu, bakka inni iutti argamu kan UStti hime tika Israa'elidha. Kan ajjeese garuu misa'eela diroonii US irraa dhukaafameedha.

Hasan Nasrallaafi Qaasim Sulemaanii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gaggeessaa Hezbollaa kan ture Hasan Nasrallaafi jeneraala Iraan Qaasim Suleemanii kan bara 2020 haleellaa USn ajjeefame
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qaasim Suleemaanii akka ajjeefamu ajaja kan kenne pirezidaantii US yeroo sanaa Doonald Tiraampidha malee Beeniyaamin Netaaniyaahuu hin turre.

Ajjeechaa Qaasim Suleeman keessatti Israa'el kallattiin yoo hirmaatte, Iraan kallattiin ykn karaa qaamolee baha Giddu Galeessaa keessatti hidhachiistuu Israa'el irratti haleellaa banuu dandeessi sodaa jedhuun Ameerikaan kallattin tarkaanfii akka fudhatti Beeniyaamin Netaaniyaahun amansiisuu hin oolle jedhama.

Waggaa afur booda ji'a Eblaa darbe, xayyaaronni waraanaa Israa'el mooraa dippilomaasii Iraan Damaasqoo keessatti argamu akka haleelaniif Beeniyaamin Netaaniyaahuu ajaja kennan. Haleellaa kanaan jeneraalota Iraan lamaafi kaan du'an.

Ji'a Waxabajjii keessa ammoo qondaala waraanaa olaanaa Hezbollaa kan ta'e Fu'aad Shukrii Beerut keessatti akka ajjeefamu ajaja kan kenne Beeniyaamin Netaaniyaahudha.

Haa ta'u garuu pirezidaantin US Joo Baayidan tarkaanfii Neyaaniyaahuu kanatti akka hin gammanneefi Baha Giddu Galaatti waraanni akka hin babal'anneefi irra deddeebin akeekkachiisaa turuutu himama.

Haleellan Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 Israa'el irratti gaggeesse suukaneessafi haala amma Baha Giddu Galeessaa keessa caalmatti kan hammeessedha.

Netaaniyaahun dhiibbaa US dhagahuu diduun ammoo haleellaa Hamaas gaggeesse wajjin walitti dhufee abiddi Baha Giddu Galeessaa akka hin dhaamnef gumaachera.

Sababoonni kun lamaan Israa'el waraana amma gaggeessaa jirtu maalif akka itti fufuu filatte kan agarsiisaniidha.

Haleellaa Hamaas bara darbee dura waraanni Israa'eel gaggeessaa turte torbanoota muraasa keessatti kan xumuraman turan. Dhiibbaa biyyoonni biraafi US gaggeessaniin torbanoota muraasa keessatti walii galteen waraana dhaabuu godhama ture.

Bara darbe garuu, haleellan Hamaas gaggeesse hangaan hamaafi sammuu lammiilee Israa'el keessatti godaannisa ta'ee kan hafeedha. Kuni ammoo waraanni amma gaggeeffamu akka yeroo kaanii dafee akka hin dhaabbanneef galtee ta'eera.

Bulchiinsi US meeshaalee waraanaa dolaara biliyeena heddu baasu Israa'elif kennaa lammiilen Filisxeem heddu Gaazaa keessatti ittiin ajjeefaamun waan hin liqimfamneefidha.

Halleellaa misaa'elaafi diroonii Iraan ji'a Eblaa Israa'el irratti raawwatte qolachuu keessatti xayyaaronni waraanaa Ameerikaa heddu gargaaranii haleellaa sana fashalsaniiru. Suni ammoo Israa'el ammayyuu deeggarsa Ameerikaa malee qophaa dhaabbachuu akka hin dandeenye agarsiisee osuma jiruu haalli Baha Giddu Galaa akka hin hammaannef dhiibbaa Ameerikaan gootutti gurra kennaa hin jirtu.

Dabalataanis US wajjin osoo hin mariyatin Hezbollaa irratti duula banuun haala jiru hammeessuu filatteetti.

Beeniyaamin Netaaniyaahuu ministeera muummee Israa'el yeroo dheeraf aangorra turan ta'uusaanin akkaataa itti dhiibbaa Ameerikaa jalaa miliquu danda'u muuxannoo waggaa 20 olii argatee jira.

Ameerikaan keessumaa yeroo filannoo dhiibbaa murtee isaarraa isa deebisu fudhachuu akka hin dandeenye Netaaniyaahun bareechee beeka.

Herreega adda ta'e

Keessumaa waraana bifa haaran Hezbollaa irratti baname irratti Netaaniyaahun herreega mormitoonni isaayyuu isa deeggaran hordofe.

Inumaayyuu Hezbollaa sirriitti akka haleeludha mormiytoonni biyya keessaa kan jajjabeessa turan.

Israa'el torbanootan dura haleellaa qilleensarraan Hezbollaa yeroo sardaa turte, biyyoonni lixaa waraanni guyyaa 21 akka dhaabatu yaada dhiyeessanii ture. Yeroo sana yaada dhiyaate kana kan morme Beeniyaamin Netaaniyaahuu osoo hin taane qondaalota siyaasaa Israa'el Netaaniyaahun mormaniidha.

Israa'el amma waraana gaggeessaa jirtu kan itti fufteef dhiibbaa addunyaa nan dandamadha jettee osoo hin taane, haleellan Hamaas bara darbe gaggeesse ilaalcha nageenyaa biyyattii waan jijjiirrefi.

Karaa Kaaban Hezbollaan kaaba biyyattii akka weeraru dhaadhataa waan tureef humnaan buqqa'uu akka qabu Israa'el of amansiistetti.

Ilaalchi Israa'el waa'ee balaa waraanaa dhufuu qabuu irratti qabdus jijjiirameera. Sarara diimaa yoo tuqaman gara waraana guuttutti geessu jedhaman heddu kan silaa hanga yoonaa waraana guututti geessuu malan bara darbe irraa kaasee tuqamaa turan.

Israa'el qondaala olaanaa Hamaas, Ismaa'el Haniyyaa, Iraan keessatti ajjeeste. Hasan Nasrallaa Beerititti ajjeeste. Sooriyaa keessatti qondaalota olaanoo Iraanajjeefte.

Hezbollaan erga bara darbee misaa'ela, rokkeettiifi dirooniwwan 9,000 gara Israa'elitti dhukaasera. Huutii Yaman misaa'elottafi diroonii heddu gara Israa'elitti dhukaasaniiru. Iraan marsaa lamaan misaa'elootafi diroonii 500 oli Israa'elitti dhukaastetti.

Israa'el amma Libaanos weerartee jirti. Taatewwan kunneen yeroo darban keessaa waraana naannichatti bal'aa ta'e kaasuu danda'u ture. Kuni uumamuu dhiisunsaa Beeniyaamin Netaaniyaahuu tarkaanfii ittaanu akka murteessu ni taasisa.