Dargaggooni Israa'elifi Filisxeem waa'ee fuuldureesaanii maal yaadu?

Dargaggoota Israa'eliifi Filisxeem

Waldhabdeen Israa'elifi Filisxeem waan bara darbe yeroo Hamaas Israa'el irratti haleellaa raawwate eegalee miti- walakkaa jaarratii ol ta'eera.

Israa'el waggaa 75 dura bara 1948tti biyya taatee gaafa hundooftu lammiilee Filisxeem walakkaa miliyeenatu qe'eerraa buqqa'e. Ergasii Filisxeemonni bifa garaa garaan diddaa gaggeessuu hin dhaabne.

Takka meeshaa kaasanii, yeroo kaan ammoo warraaqsa uummataafi mormii garaa garaan Israa'el irratti finciluu ittuma jiru. Israa'elis fincila kana dhaabsisuuf humna fayyadamuurraa kan ka'e lubbuu heddu balleessiteetti.

Israa'el Filisxeemoonni Weest Baank keessa jiraatan magaalotashee seenanii haleellaa akka hin gaggeessineef baasii guddaa itti baasun dallaa Israa'elifi Weest Baank adda baasu ijaarte.

Lammiileen Filisxeem magaalota Israa'el seenuf sakatta'iinsa heddu keessa darbaniiti. Weest Baank keessattis to'annoofi hordoffii cimaa humni nageenyaa Israa'el taasisu jala jiraatu.

Gamni lachuu quba walitti qaba, wal-himata. Warri Filisxeem Israa'el mirgasaanii akka sarbituufi akkuma Israa'el biyya walabaa ta'anii jiraachuuf gaafatu, fincilu. Israa'el ammoo yaaddoo nageenyaa qabaachuu kaasti.

Keessumaa erga Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 Israa'el irratti haleellaa tasaa gaggeessee Israa'elifi Filisxeem gidduutti wal-amantaan daran laaffate.

Ofii dargagoonni Israa'eliifi Filisxeem waa'ee fuuldureesanii maal yaadu? Gara fuulduraatti waa'ee waliin jiraachuu abdiin qaban maal fakkaata? kan jedhurratti BBCn dargaggoota gama lachuufuu gaffii dhiyeessera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gaazexeessan BBC Jereemii Boowen gara Yerusaalemiifi magaala Nabulas deemun dargaggoota Israa'elifi Filisxeem dubbiseera. Schlomo humna eeggataa Israa'el waraana Gaazafi Hezbollaa wajjin gaggeeffame irratti hirmaatanii deebi'an keessaa tokkoodha.

Israa'el lolli gaggeessaa jirtu filannoo kan hin qabneedha jedhee amana. "Addunyaan Israa'el filannoo lama qabdi jedhee amana: waraana gaggeessuu ykn waraana dhaabuu. Garuu nuti filannoo biraa lama qabna. Innis amma waraana cimaa ta'e gaggeessuu ykn gara fuulduraatti waraanni suukaneessaa kana caalu hanga dhufutti eeguu."

Waraana Gaazatti gaggeeffamaa jiruun lammiilen Filisxeem 42,000 ta'an du'uutu himama. Israa'el haleellaa gaggeessituun lammiilee nagaaf of-eeggannoo hin goone jedhamuun hawaasa idiladdunyaa biratti danuu komatamti.

Dargaggoon biraa Od jedhamu loltuu Israa'el umurii ganna 20 keessa jiruudha. Israa'el hawaasa idiladdunyaa biratti balaaleffatamuunshee "jibba warra Yihudii" irraa kan ka'e akka ta'e amana.

Israa'el namoota nagaa heddu ajjeeftetti, yuunivarsiitiwwan Gaazaa keessa jiran mancaasterti. Bu'uuraalee Gaazaa barbadeessiteetti. Kuni hundi barbaachisaadha jettanii amantuu? jedhee BBCn dargaggoota Israa'el kanaaf gaaffii dhiyeesse.

"Kana jechuu kootti nan gadda; garuu kuni itti xiqqaata!" Schlomo.

Saaliin shamarree Israa'el BBCf yaada laatte keessaa tokkoodha. Keessumaa erga Onkoloolessa 7 as lammiilee Filisxeem akka hin amanne dubbatti.

"Halleellaa Onkoloolessa 7 booda, lammiilen Gaazaa heddu daandii Kaan Yuunis irratti bahanii ijoolleef 'karameellaa' hiraa yeroo waan godhan sanatti [haleellaa Hamaas gaggeesse] gammaduu isaanii agarsiisan agarreera. Kana booda tasumaa isaan hin amannu," jetti.

Dallaa Israa'el lammiilen Filisxeem Weest Baank irraa gara Yerusaalemitti akka hin ceene ijaarte gamaa magaala Nabulas keessaa dargaggoonni Filisxeem waa'ee fuulduree isaaniifi walitti dhufeenya Israa'el wajjin qabaatanii BBCn gaafateera.

Akka dargagoonni Filisxeem jedhanitti, hawaasi addunyaa Israa'eliif akka loogu himatu. Raayid Debiy qindeessaa dhaabbata SEEDS Community Association jedhamuu yoo ta'u, hwaasi idiladdunyaa waa'ee Onkoloolessa 7 malee sana duraafi isa booda haala suukaneessaa uummanni Filisxeem keessa jiraatu akka hin hubatin jiru dubbata.

Yaasmin ammoo shamarree Filisxeem magaala Nabulas keessa jiraattufi umurii ganna naannoo ganna 20ti. Naannoo jeeqamaa keessa jiraatta. Waa'ee gara fuulduraa maaltu sitti mul'ata? gaaffii jedhu gaafatamte.

"[Waa'ee gara fuulduraa] waanti ifa ta'e natti hin mul'atu. Baay'ee dukkanaa'aadha. Sabni isaa torbeen dhufu haa hafuutii sa'aatii tokko keessattuu waan ta'u hin beektu," jetti.

Gaazexeessan BBC Jereemii Boowen: "Dargaggoota Israa'el umurii akka keessanii keessa jian dubbisnee, erga Onkoloolessa 7 as Filisxeemota hin amannu jedhan," jechuun dargaggoota Filisxeemitti hime.

Isaanis warra Israa'el akka hin amanne ibsan. Sababni isaan dhiyeessan ammoo erga Hamaas Israa'el haleelee booda, tarkaanfii Israa'el Gaazafi Weest Baank keessatti fudhatteedha.

"Anis akkuma isaanin jedha. [Isaan hin amanu]. Onkoloolessa 7 booda, Gaazaa keessatti qofa osoo hin taane Weest Baank keesattis ijoollee mataa keessa rasaasan dhahanii yeroo ajjeesan, jarrolii yeroo isaan ajjeesan argitu anis akkuma isaanittan yaada [isaan hin amanu].

"Lammii Israa'el tokkoyyuu hin amanu, keessumaa Humna Waraanaa Israa'el," jetti Yaasmin.

Dargaggoo Zaayid ammoo Israa'el namoota nagaafi kaan osoo adda hin baasin haleellaa boombin akka ajjeestu kaasun, seera idiladdunyaaf kabaja wayiituu akka hin qabne ibsa.

Dargaggoonni Filisxeem kan durii caalaa meeshaa kaasanii qabsaa'utti akka amanan yaaddoo akka qabu kaasa Raayid Debiy.

"Dhaloonni keenya ammaa caalmatti qabsoo hidhannootti amanaa akka dhufantu nutti dhagahama. Dhaloonni tokko guutun gaafa abdii kutatu, hawaasi idiladdunyaa yaadda'uu qaba" jechuun dargaggoota Filisxeem haala amma jirurraa abdii kutachuu hima.