Israa’el tarkaanfii haaloo akkamii fudhachuu dandeessi, Iraan hoo itti aanee maal gochuu malti?

Misaa'elii Iraan Israa'elirratti hukaafte 180 ol keessaa tokko

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Baalastiki misaa'elii Iraan gara Kaabaa israa'elitti dhukaaste 180 ol keessaa tokko

Haleellaa misaa’elaa Iraan torbee darbe keessa Israa’el irratti raawwatteef Israa’el tarkaanfii haloo fudhachuunshee waan hin oolle fakkaata. Yeroon tarkaanfii haloo kun itti raawwatamus dhiyaachaa kan jiru fakkaata.

Iraan gama isheetiin Israa’el hogganaa Hezboolaa kan ta’e Hasan Nasrallaahfii hogganaa siyaasaa garichaa Ismaa’il Haniyee ajjeessuusheen haleellicha akka raawwatte himteerti.

Ministirri Ittisaa Israa’el Yo’aav Gaalaant guyyaa Roobii darbe kana ‘tarkaanfiin haloo Israa’el yemmuu dhufu akeekkasaa kan eeggatefii balaa qabeessa ta’a, Iraanis dhufaatiisaa hinbeektu” jechuun dhaadatan.

Iraan biyyoonni Arabaa naannichatti argaman Israa’el daangaa qilleensaa isaanii fayyadamtee haleellaa akka hin raawwanne akeekkachiisterti. Biyyoonni kunneen gariin isaanii Israa’el waliin hariiroo dipilomaasii guutuu kan qabanidha.

Dabalataan biyya haleellaa Israa’el gargaaru kamiyyuu irratti tarkaanfii fudhachuu akka dandeessu dhaadatteerti.

Kunneen dhimmoota Israa’el haleellaa raawwachuusheen dura ilaalcha keessa galchitudha. Yunaayitid Isteets gama isheetiin tarkaanfii dhaabbilee niwukilaraa Iraan irratti fudhatamu akka hindeeggarre beeksiftee jirti.

Kana malees haleellaan bu’uraalee misoomaa boba’aa irratti raawwatamu gatii boba’aa akka dabaluuf sababa ta’uu waan danda’uuf isaanillee akka tuqaman hin barbaaddu. Waraana Baha Giddugaleessaa keessatti hirmaachuufis fedhii hinqabdu.

Kanafuu maaltu umamuu mala?

Ji’a Eblaa darbe wayita waldura dhaabbachuun akkanaa mudatee turetti biyyoonni michuu Israa’el, tarkaanfiin biyyattiin fudhattu madaalawaa akka ta’u gorsaa turan. Amma garuu gorsi akkanaa hin dhagahamne.

Ammatti fedhiin Israa’el diinotashee hunda: kan Libaanos, Gaazaa, Yaman fi Siiriyaa keessatti argaman al tokkotti loluu waan ta’eef mootummaan Netaaniyaahuu waan duubatti jedhu hinfakkaatu.

Lammiilee Iraan haleellaa Onk. 1 biyyisaanii Israa'el irratti raawwatteen booda gammachu yoo ibsatan

Madda suuraa, EPA-EFE/REX/Shutterstock

Ibsa waa'ee suuraa, Lammiilee Iraan haleellaa Onk. 1 biyyisaanii Israa'el irratti raawwatteen booda gammachu yoo ibsatan
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Israa’el odeeffannoo basaasa saatalaayitii US fi basaastota dhuunfaashee Iraan keessaa qabdutti gargaaramuun iddoowwan haleellaa itti raawwatu ilaalchisee filannoowwan heddu qabdi. Iddoowwan haleellaa kunis gareewwan gurguddoo saditti qoodamuu danda’u:

  • Buufataale waraanaa: Akeekni Israa’el inni salphaan buufataalee waraanaa Iraan misaa’eloota gara Israa’elitti itti furguggeessite ta’uu danda’u. Kunis paadiiwwan misaa’eloonni irraa dhukaafaman, giddugalawwan ajajaafii to’annoo, taankiiwwan boba’aa akkasumas manneen kuusaa ofkeessaa kan qabudha. Kana malees Israa’el namoota dhuunfaa sagantaa misaa’eloota baalistikii Iraan duuba jiran ajjeesuuf yaaluu dandeesi.
  • Dhaabbilee diinagdee: Kun immoo qabeenya Iraan qabdu isaan ijoo keessaa kan ta’anfii haleellaaf baay’ee saaxilamookan ta’an kan akka dhaabbilee omisha boba’aa, madoota anniisaa akkasumas dooniiwwan geejibaa ofkeessatti qabata. Haa ta’u maleetarkaanfiin kun waraana Iraan caalaa lammiilee nagaa akkaan kan miidhu ta’uusaatiin tarkaanfii fudhatama qabuu miti.
  • Niwukilara: Halellaan kun Israa’eliif tarkaanfii isa guddaadha. Iraan albuuda Yuraaniyeemii anniisaa niwukilaraa dhimma siiviiliif barbaachisuu (20%) ol misoomsaa akka jirtu qaamni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dhimma niwukilaraa hordofu himeera. Israa’el fi biyyoonni biroon Iraan sadarkaa boombii niwukilaraa omishuuf fiixeerra geesserti jedhanii shakku. Kanaafis Paarchin, giddugalli sagantaa misooma niwukilaraa Iraan iddoowwan akeeka Israa’el keessaa tokko ta’uu mala. Kana malees buufataaleen anniisaan niwukilaraa itti omishamu magaalota akka Tehraan, Bonab fi Ramsar akkasumas buufataaleen ijoon akka Busheehir, Natanz, Isfahan fi Ferdow akeeka Israa’el ta’uu danda’u.

Dhimmi ijoon Israa’el xiinxaltu tokko haleellaashee booda Iraan tarkaanfii deebii akkamii fudhachuu dandeessi kan jedhudha. Haleellaa torbee darbe raawwatteen akeeknishee buufataalee waraanaa Israa’el akka turan Iraan himteerti.

Pirezidaantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan, “Kuni hamma humna nuti qabnu keessaa isa muraasa qofa” jechuun waa’ee haleellaa misaa’elaa Israa’el irratti raawwatanii himaniiru. Dabalataan humni waraanaa biyyattii, “mootummaan Ziyoonistii opireeshinii Iraaniif deebii kan laatu taanaan haleellaa cimaatu isa eeggata” jechuun yaada pirezidaantichaa cimseera.

Iraan waraanaan Israa’el injifachuu hindandeessu. Humni qilleensaa Iraan dulloomaafii moofa’aadha, humni ittisaa qilleensaashes dadhabaadha, qoqqobbii biyyoota Lixaatiinis qoramaa turte.

Haa ta’u malee misaa’eloota baalistikii fi dirooniiwwan boombiin irratti kiyyeeffaman heddu qabdi. Kana malees humnoota milishaa michuushee ta’an heddu Baha Giddugaleessa keessaa qabdi.

Misaa’eloonni kana booda gara Israa’elitti dhukaastus buufataalee waraanaarra naannoolee manneen jireenyaa kan akkeekkatan ta’uu danda’u.

Kana malees humni waranaa galaanarraa Iraan, bidiruuwwan xixiqqoofii saffisa qaban, kan haleellaa misaa’elaa raawwachuu danda’an heddu qabdi.

Dabalataan Iraan hula galaanaa Hormuz kan boba’aan addunyaa dhibbeentaan 20 keessa darbu keessa fanjii awwaaluu dandeessi. Kunis diinagdee addunyaarratti miidhaa cimaa qaqqabsiisuu kan danda’udha.

Gama biraatiin buufataaleen waranaa US naannichatti argamanis akeekawwan Iraan keessaa isaan tokko ta’uu danda’u. Israa’el yoo haleellaa irratti raawwatte Israa’el qofa osoo hintaanee biyyoota Israa’el deeggaraa jiru jettee yaaddu akka haleeltu dhaadachuunshee ni yaadatama.