Manni-murtii Waliigalaa oliyyannoo mirga wabii Obbo Taayyee Danda'aa kuffise

Ministira Nagaa duraaniifi miseensa Caffee Oromiyaa Obbo Taayyee Danda'aa

Madda suuraa, Dire Dawa City

Himatawwan sadii irratti banamee dhimmi isaanii ilaalaama kan ture deetaan Misitira Nagaa duraanii Obbo Taayyee Danda’aa dhaddacha A L I gaafa Adoolessa 30, bara 2016tiin himatawwan lamarraa bilisa ta’uun isaanii ni yaadatama.

Kanaaf jechas himata tokkicha dhimma meeshaa waraanaa seeran alaa ilaalu qofaan waan himatamaa jiraniif mana murtii Olaanaa Federaalaa mirga wabii gaafatanis gaaffiin isaanii kufaa ta’ee ture.

Abukaatonni isaanii doorsisaafi sodaa nageenyaatiin erga dhaddacha irratti argamuu dhiisanii himata isaanii ofiin falmachaa kan jiran Obbo Taayyeen, murtii manni murtii Olaanaa Federaalaa kenne kanarratti mana murtii waliigalaa Federaalaatti oliyyannoon mirgi wabii akka eegamuuf kan gaafatan.

Manni murtii waliigala Federaalaas gaaffii oliyyannoo mirga wabii isaan dhiyeeffatan kanarratti murtii kennuuf Hagayya 29, bara 2016tti beellama qabatee kan ture.

Beellama har’aa kana irrattis Obbo Taayyeen mana murtii waliigala Federaalaatti uffata keelloo sirreeffamtoonni uffataniin qofaasaanii dhihaatan.

Abbootiin murtiis gaaffii mirga ol iyyannoo isaanii kana ilaaluu ibsuun yakki meeshaa waraanaa seeran alaa amma ittiin himataman waggaa 8 hanga 25 kan adabsiisuu ta’uu ibsan.

Kanaafis himatamaan kun mirga wabiitin yoo gadhiifame yeroo manni murtii barbaadutti dhihaachuu dhiisuu mala, akkasumas yakkichi adabbii gadi aanaa waggaa saddeetii waan ta’eef mirgi wabii eegamuu hin qabu jechuun murtii manni murtii olaanaa Federaalaa kenne cimse.

Manni murtichaa murtii mana murtii olaanaa Federaalaatiin kenname cimsuun iyyannoo mirga wabii isaanii kufaa akka ta’e kan itti murtaa’e Obbo Taayyeen, ‘Baayyee Galatoomaa’ jechuun gara mana hidhaa Qaallittiitti deebi’an.

Manni murtii Olaanaa Federaalaa himata tokkicha Obbo Taayyeen ittiin himataman dhimma meeshaa waraanaa seeran alaa ilaaluuf ji’a Onkololeessaa dhufutti beellamachuunsaa ni yaadatama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Abbaan Alangaa, Obbo Taayyee Danda’aa miidiyaa hawaasaafi miidiyaa idileetti fayyadamuun ergaawwan hookkara kakaasan, akkasumas kaayyoo “qaamolee farreen nageenyaa ABO-Shanee fi Faannoo” milkeessan dabarsaniiru jechuun himatawwan lama irratti banee ture.

Kana malees, meeshaa waraanaa seeraan alaa qabatanii argamaniiru kan jedhus himata sadaffaadha.

Obbo Taayyeen gama isaaniitiin gochaalee eeraman raawwachuu amananis balleessaa akka hinraawwanne yookiin yakka akka hin dalagne jechasaanii kennanii turan.

Barreeffamoonni miidiyaa hawaasaarratti qoodan hookkara kan kakkaasan osoo hintaanee waamicha nagaa ofkeessaa kan qaban ta’uu himuun himata irratti dhiyaateef deebii laatanii ture.

Kana malees, dhimma meeshaa waraanaa mana isaaniitii argame jedhame ilaalchisee meeshaa waraanaa barbaadanii akka hidhatanfii booda heeyyamni akka kennamuuf itti himamee, meeshicha erga hidhatanii booda heeyyama osoo hinargatin yeroo gabaabaa keessatti to’atamuusaanii himaniiru.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti dhaddacha Hagayya 6, 2024 ooleen ergaawwan Obbo Taayyeen gama toora miidiyaa hawaasaafii miidiyaa idileetiin dabarsan hookkara kan kaasanmoo miti, galma “ABO-Shanee fi Faannoo” milkeessuuf kan qoodamanimoo miti, akkasumas hamilee uummataa kan tuqufii mirga nama biraa kan sarbanmoo miti kunneen jedhan qoratee himatawwan lamaan hookkara kakkaasuufii gareelee farreen nageenyaa deeggaruu jedhan ofirraa ittisuun osoo irraa hineegamin bilisa jedheera.

Haa ta’u malee himata sadaffaa labsii meeshaa waraanaan walqabatu akka ofirraa Ittisan jalamurtii kennee kan ture yoo ta’u, Obbo Taayyeenis himata kanarratti ragaa ittisaa akka dhiyeeffatan dubbataniiru.

Dhaddachawwan kanaan dura turanirratti abukaatoowwansaaniirratti doorsisa qaqqabaa ture mana murtiitti iyyatanii kan turan Obbo Taayyeen, dhaddacha Hagayya 6, 2024 dhiyaatanirrattis “Tajaajilli Odeeffannoo fi Tika Biyyaalessaa wanta seenaa keessatti godhamee hinbeekne, abukaatoon akka naaf hin dhaabbanne, kan dhaabbatanis dhiisanii akka deeman taasiseera” jechuun komatan.

Itti waamamni tajaajilichaa Ministira Mummeef waan ta’eef Daayrektarri Olaanaan tajaajilichaa Ambaasaaddar Rediwaan Huseen fi Ministirri Mummee Abiy Ahimad dhaddachatti dhiyaatanii akka gaafataman iyyatanii ture.

Obbo Taayyeen marii nagaa mootummaa Federaalaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti Taanzaaniyaa, Daaresalaamitti ture akka hin milkoofne kan taasise mootummaa isaanii ta'uu kanaan dura dubbataniiru.