Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ajjeechaan Maalkoom X waggaa 60 duraa akkamiin Ameerikaa raase?
Hogganaan sabboonummaa gurraachaa Ameerikaa Maalkoom X Guraandhala 21, 1965 umriisaa ganna 39tti ture kan ajjeefame.
Yeroos BBC Paanaaroomaan lafa itti guddate Haarlam, Niiw Yoork namoota awwalcha isaa irratti argamuun ergaa dhumaa dabarsuuf hiriiranii turan dubbiseera.
Yeroo hogganooti warraaqsa warra gurraachaa mormii karaa nagaan walitti makamuu labsaa turanitti Maalkoom ejjennoo jabaan, mul'ata gurraachoti dhaabbileefi saba warra adiitti akka hin makamne kakaasuun, gariin namoota yoo dammaqsu kaan ammoo room'isiisee ture.
Namni kuni Guraandhala bara 1965 yeroo ajjeefamu gaazexeessaan BBC yeroosii Maayikil Chaarltan awwaalcha isaa irratti argamuun, yaada namootaa gaafachaa ture.
Yeroos awwaalcha isaa irratti namoonni kumaatamaan lakkaa'aman kan argaman yoo tahu akka gaazexeessaan kuni jedhutti, eegumsaafi sakatta'insa qaamolee nageenyaa guddaatu ture.
''Namoota kanatti warri adii yoo sodaa nama gurraachaaf deebii kennuu baatan, dheekkamsa isaaf deebii ni kennu,'' jechuun lallaba ture Maalkom X.
Dubbiisaa akka malee dheekkamsa kaasuu danda'uun akka addunyaatti beekamaa ture, boodarra garuu ilaalcha xiqqoo laaffataafi madaalawaa qabaachaa dhufe.
Namoota yeroo sana awwaalchaaf hiriiran keessaa tokko kan aariin fuularraa mul'atu, ''nama gurraacha Ameerikaa keessa jiraatu hundaaf gadda tasaa guddaa dha,'' jedhe.
Dargaggeessi biraan immoo ''goota'' jechuun isa ibse: ''Namoota gurraacha hundarra ol bahee mul'ate. Warra adii ejjennoosaa itti agarsiise. ''yeroo af gaaffiin kuni gadhiifame namoonni baayyee hokkara biraa uuma, '' jedhanii sodaatanii ture.
''Namni gochaa kana raawwate eenyuyyuu haa tahu gaaga'ama guddaatu dhufuuf jira,''jechuun tilmaame namni kuni.
Shamarreen biraa tokkos: ''kana amanuun na rakkisa nama gurraacha biraa maaliif ajjeesu? Dubartiin biraa tokkos ''caasaan humnoota adii ajjeechaa kana duuba jira,'' jette.
Warri adii dafanii namootuma isaatu ajjeese jedhan, garuu isaanumatu kuni akka raawwatamu qindeesse. Maalkamiin karaa irraa maqsuun badaa akka buufatan beeku ture.''
Maalkam X miseensota dhaabbatasaa Organization of Afro-American Unity jedhamuuf Niiw Yoorkitti yeroo haasaa dhiyeessuuf qophaa'aa turetti galma keessatti ajjeefame.
Yeroos haadha warraasaafi ijoolleensaa ummata keessa turan.
Namoonni ajjeechaasaan himatamanii irratti murtaa'e miseensota Nation of Islam- qaama siyaasaa fi amantii Maalkam X waggaa tokko dura mufii qabuun gadhiiseeti.
Isaan keessaa tokko yeroo miliquuf yaalu qabamee ragaa kan bahe yoo tahu, murtoon namoota lameen irratti kenname garuu bu'aa duula bal'aa haqa gufateeti.
Bara 2021 daanyaan bulchiinsa Niiw Yoork adabbii namoota kanaa haqeera. Abbaan alangee waliigalaa Niiw Yoork ragaa dhokfamee tureefi himannaa isaanii irraa bilisa baasuu danda'u argachuusaan hidhaatii bilisaan gadhiifamaniiru.
Waggoota 60 boodallee namni falmisiisaa kuni namoota gariiniif fakkeenyaafi mallattoo dheekkamsaa fi diddaa cunqursaati.
Maqaa dhalootaa Maalkam Xiqqaa(Malcolm Little ) jedhamuun kan beekamu namni kuni bara 1925 bulchiinsa Omahaa, Nebiraaskaatti dhalate. Ilma lallabaa Waldaa Warra Cuuphaa ture.
Maalkam yeroo ijoollee ganna ja'aa ture abbaansaa namoota olaantummaa adiitti amananiin ajjeefamuu namoonni baayyee ni amanu. Tahus ajjeechaan kuni qabatamaan kanaan wal-qabachuu namni beeku hin jiru.
Naasuu ajjeechaa abbaasaarraan kan ka'e haati Maalkam dhibee sammuun waan miidhamteef.
Obbolaasaa torba wajjin Maalkam dhaabbata guddisa ijoolleetti ergame. Yeroo kanatti Maalkam jireenya yakkaa keessatti kufe, bara 1946tti saamicha raawwachuun mana hidhaa seene.
Yeroo mana hidhaa turetti waa barachuufi of fooyyessuutti of ko'eesse. Yeroo kanatti waa'ee Nation of Islam bare.
Dhaabni siyaasaafi amantii kuni wal-qixxummaan gurraachotaa kan mirkanaa'u adiifi gurraachi bulchiinsa garagaraa keessa yoo jiraatanidha jedhee amana ture.
Yeroo mana hidhaatii bara 1952tti gadhiifamu maqaasaa ifatti gara Maalkom X tti geeddare. Kunis maqaa lammataa maatiinsaa namoota isaaan gabroomfatan irraa fudhatan ifatti diduu agarsiisuuf ture.
Ergaa Nation of Islam tamsaasaa Maalkam Ameerikaa waliingahe. Jechootisaa humna, aangoofi simboo nama hawwatuufi kakaasu akka qaban hubate.
Dandeetti wal-tajjii irratti dubbachuu mana hidhaatti barate. Barnoota sadarkaa lammataa illee otoo hin xumuriin mana hidhaa kan gale Maalkam ''manatti jecha tokkollee hin baranne,'' jedhee ture.
Yeroo ergaasaa dabarsu jechoota jajjaboo fayyadamuu hin sodaatu ture.
Cunqursaa uummata gurracharra gahe ibsuuf ''seexana adii'' jechuun namoota adii ibsa ture.
Yeroo Pireezidantiin biyyattii yeroosii Joon F Keneediin ajjeefamu ''gochasaatu deebi'ee isa gaade,'' jedhees ture.
Maalkom hanguma hordoftoota baayyee horate, diina baayyees godhatee ture. Bara 1964 mufii hoogansa waliin qabuun Nation of Islam akka gadhiise hime.
Baatii wal-fakkaataa kora Seera Wixinee Mirgoota Siviilii irratti Waashingitaniitti adeemisifamu hubachuun booda Maartiin Luutar Kiing Juuniyar - nama mormii karaa nagaan amanuufi faallaa isaati jedhamee ilaalamu wajjin wal arge.
Amantiisaa Islaamaa jabeessuuf jecha imala Hajjii waggaaf Makkaa deemee ture.
''Imaltoota amantii bifa hundumaa kallatti addunyaa garaagraa irraa achi deeman akkasumas afuura tokkummaafi obbolummaa qaban, argee hin beekne arguu,'' dubbatee ture.
Biyyoota Afrikaa garaagaraa dhaquunis dhaabbata haaraa uummata Afrikaa-Ameerikaa hidda isaanii waliin walitti fiduu danda'u hundeessuuf murteesse.
Yeroo imalasaarraa deebi'u barsiisa Nation of Islamitti sichi akka hin amanne beeksise.
Yeroos haati warraasaa Beetii Shabaaz doorsisi ajjeechaa irra gahaa ture, manni isaanis boombin itti darbatama ture.
''Yaada jijjiiruu..''
Kallattii baayyeen doorsisni itti dhufaa turus akka labooba ibiddaatti wal-tajjii irratti mul'achuu itti fufe.
Bara 1964 dhaabnisaa Organization of Afro-American Unity hundeeffamuu beeksise.
Namoota walitti qabamanii turaniitti akkas jedhe: ''Karaa hundaan bilisa bahuu barbaadna. Karaa kamiinuu haqa barbaanna. Karaa kamiinuu wal-qixxummaa barbaanna.''
Haasaa kana waltajjii galma Oduuboon jedhamu Niiw Yoorkitti taasise. Baatii saddeet booda galmuma kanatti ajjeefame.
Gaafa awwaalchasaa yeroo Haarlamitti Maayikil namoota yeroos beekamoo turan Maalkom X hogganaa akkamii taha ture jechuun gaafatee ture.
Gulaanaan baruullee sabbonummaa gurraachaa The Liberator Daan'el Waatis ''nama waajira mummee Biyyoota Gamtoomaniitti yeroo bayyee mul'atu taha ture,'' jedhe.
Miseensota gareelee Afrikaafi Eeshiyaaf loogii uummata gurracha irra gahu sirriitti hubachiisaa ture. ''Seenaa uummta gurrachaa keessatti yeroo jalqabaaf moolakiwuulii abdii arganne- hidda akka qabnu, seenaafi lafa abbaa akka qabnuufi garasitti deebi'uu akka qabnu barre,'' jedhe.
Daarektarri Kongireesii Wal-qixxummaa Sanyii Jeems Faarmar yeroos BBCtti dubbatee ture.
''Maalkam X miseensa warraaqsa mirgoota siviiliitahuu baatus ejjennoon isaa ''finxaalessaa'' tahe warraaqsa kana jabeesseera jedhe.
Dabluunis ''dargaggooti gurraachi eenyummaa isaanii akka baran godheera. Silaa namni wwa'ee eenyummasaa hin beekne galma hin qabaatu ture,'' jechuun ibsa.
Erga Nation of Islam irraa adda bahe ergaa yaadasaa bal'isaa ture jedha Jeems. ''Ejennoo gurraachi qofaatti bahuu qaba jedhurraa gara walitti makamutti dhiyaachaa dhufe.
Ajjeefamuusaan torbee saddeet dura mana koo dhufee ejjennoosaa jijjiiraa akka jiru gaafannaan deebii eeyye jedhu naa kennaa ture. Ilma namaa gochasaa malee qaccee sanyiisaan madaaluu dhaabuuf qophii akka tahe natti himaa ture. Kuni jijjiirama guddaa ture.'' jedhe
Barreessituufi waloon beekamtuu Maayaa Anjeloo hiriiyyaa gaarii Maalkam X yoo taatu yeroo Gaanaa daawwatetti wal arganii ture, yeroos isheen achi jiraachaa turte.
Haasaa bara 1992 BBC waliin taasifateen ''Gaanaa yeroo dhufe sana: nama adii ija cuquliisa qabu kan ani akka obboleessatti ilaalu argadheera, kanaan dura innin ani namni adiin hundi seexana jedhe dogoggora,'' naan jedhee ture jette.
''Dhageessanii waanin kaleessa jedhe yaadattuu? Dogoggora akka tahe hubadheera jechuuf ija jabina guddaa gaafata. Maalakam garuu kana raawwate. Waan dinqii ture'' jette.
Maayikil Chaarlitan gabaasa yeroo ajjeechaa Maalkam hojjete yeroo goolabu, '' yeroo ilaalcha madaalawaa yeroo agarsiisaa dhufe ajjeefame, otoo jiraatee namoota baayyee hawwata taha ture.''
Namni nagaan boqodhu jedhu tokko ''hordoftoota hangamii akka qabu hin beeku garuu namoota waan gaarii isaaf hawwan gara hin qabne garuu argatee ture,'' jedhe.