Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namni Malcom X ajjeeste jedhamuun dogongoraan hidhame beenyaa doolara mil. 40 gaafate
Namichi hogganaa mirga namoomaa Malcom X ajjeesuun himatamee dogoggoraan hidhamee ture, beenyaan doolara miiliyoona 40 akka kaffalamuuf himannaa bane.
Mohaammad Aziiz ajjeechaa kanaan himatame waggootii 20 mana hidhaatti erga dabaree booda bara 1985’tti mirga wabiitiin gadhiifame.
Bara 2021’tti garuu abbootiin alangaa “ragaan haaraa argameera” jechuun himanni isaa akka haqamu godhan.
Obbo Aziiz, namni umurii ganna 84, amma yakka murtee dabaa, mirga haqaa dhorkamuu fi amala dhabuu mootummaa jedhuun himata baneera.
Loltuu humna galaanaa (Navy) kan ture Obbo Aziiz, yeroo Mr Malcom X magaalaa Niiw Yoork, Galma Odibaanitti bara 1965’tti ajjeefamaniitti yoo to’annoo jala oolfu nama umuriin ganna 26 fi abbaa ijoollee ja’aa ture.
Malcom X osoo namootaaf haasaa taasisuuf qophaa’aa jiru ture namoota meeshaa hidhatan sadiin rasaasaan rukutamee kan ajjeefame.
Obbo Aziiz nama Kaliil Islaam jedhamu waliin to’annoo jala oolfame. Obbo Kaliil bara 2009’tti lubbuun isaa darbuun dura, waggaa 22’f mana hidhaa turee gadhiifame.
Namoonni lamaan miseensota sochii amantaa Nation of Islam jedhamu fi kan bara 1964’tti Malcom X keessaa ba’ee turan.
Obbo Aziiz fi Obbo Kaliil irrattimurteen kan darbe, utuu ragaan mul’ataa hin jiraatiin, utuu abbootiin alangaan ijaan argine jechuun dhiyaatan wanta wal falleessu dubbatanii fi utuu namni sadaffaan haleellicharratti hirmaachuu isaafi jarri kun lamman yakkicha keessaa harka akka hin qabne amanuu ture.
Talmaaj Haayer – kan Malcom X ajjeesuu amanee fi bakka yakkichi raawwatetti to’annoo jala oole – Obbo Aziiz fi Obbo Kaliil ajjeechaa kanarratti hin hirmaanne jechuun dhaddacha irratti amanee ture.
Dhuma bara 1970’n keessa Obbo Haayer maqaa namoota afur biroo ajjeechaa kan irratti hirmaataniiru jedhu ibsuun ragaa mallatteesse ture.
Abbootiin alangaa erga bakka buutota Innocence Project, dhaabbata gartuu seeraa miti mootummaa namoota dogoggoraan himataman jedhaniif falman - waliin wal arganii booda bara 2020 himatichi irra deebiin ilaaluuf bananiiru.
“Mohaammad Aziiz fi Kaliil Islaam, sababa amala dogoggoraa mootummaa fi mirgi heeraa isaanii eegamuu waan dhabeef, dogoggoraan himatamnii waggootii 20 oliif hidhamanii – lamaan isaani walitti waggootii 42’f hidhamaniiru,” jechuun abukaatoon namoota lamaan bakka bu’u, Deevid Shaaniis dubbateera.
“Haqi yeroo dheeraaf barfate haqa dhorkamedha. Obbo Aziiz umuriin isaa ganna 84 ta’eera, Obbo Kaliil ammo utuu maqaan isaa hin qulqullaa’iin lubbuun isaa darbeera.”
Waggaa darbe, ijoollee dubaraa Malcom X ragaan haaraa argame irratti hunda’uun qorannoon ajjeechaa isaa irra deebiin akka banamuuf gaafataniiru.
Namni bara 1965’tti qoondalaa poolisii ture, du’a isaa dura xalayaa barreesseen, poolisiin Niiw Yoorkii fi FBI ajjeechaa Malcom X irratti hirmaachuu isaanii ibsuu isaa eeraniiru.