Maatiin Malcom X ajjeechaa isaaf FBI, CIA himachuuf

Ajjechaaa rogeessa mirgoota ummata guraachaa, Malcom X, bara 1965’tti raawwateef, Waajjira Poolisii magaalaa Niiw Yoork (NYPD) dabalatee dhaabbilee biroo irratti himata akka bantu intali isaa beeksiste.

Ilyaasaa Shabaaz akka jettutti qondaaltonni US ragaalee akka isaan ajjeechaa abbaa ishee “karoorsanii fi gaggeessan” mul’isan beeka dhoksaniiru.

Himata kana akka gaggeessitu kan beeksiste, magaalaa Niw Yoork keessatti bakka inni wagga 58 dura itti ajjeefame irratti argamuunidha.

Abukatoon maaticha akka ibsanitti, himata kana keessatti dhaabbileen FBI fi CIA ibsamaniiru.

Amma umurii ganna 60 kan taate Shabaaz, yeroo abbaan ishee rasaasaan ajjeefamutti daa’imma ganna lamaa turte.

Galma Harlem keessatti haasaa taasisuuf utuu qophaa’aa jiru, hidhatoota sadiin si’a 21 rasaasaan rukutame ajjeefame.

“Waggootii hedduuf, ajjeechaa isaa irratti dhugaan jiru akka ifa ta’uf maatiin keenya falmaa tureera,” jechuun Kibxata ibsiteetti.

Galmi inni itti ajjeefame amma bakka yaadannoo isaatti geeddarameera.

Ibsa miidiyaaleef keennan irratti, abukaatoon maatii kana bakka bu’u, Beenjamiin Kiraamp, anga’oonni olaanoo mootummaa Ameerikaa Malcom X ajjeesuuf shiraniiru jedheera.

Haasaa isaa irratti hogganaa duraanii Dhaabbata Qorannoo Fedeeraalaa, FBI, J Edgaar Huuvar maqaan dha’eera.

Maatiin Malcom X ajjechaa gaggeefame kanaaf beenyaan doolara miiliyoona 100 akka gaafatan, Aab Kiraamp ibsaniiru.

“Wa’ee nama shugguxii dhukaasee qofa miti,” jedha. “Wa’ee namoota yakka hamaa kana raawwachuuf isa dhukaasee kana waliin shiraniidha.”

Waajjirri Poolisii magaalaa Niw Yoork (NYPD) himata kana irratti yaada akka hin kennine BBC’tti himeera. FBI fi CIA gaaffii dhiyaateef ammatti deebii hin kennine.

Malcolm X was a lead spokesman for the Nation of Islam - which advocated separatism for black Americans - before his acrimonious split from the organisation. He was 39 when he was killed.

Malcom X dubbi himaa dursaa gartuu Nation of Islam – kan adda ba’uu saboota gurrachaa Ameerikaaf falmuu ture.

Malcom X yeroo ajjeefamu umurii ganna 39 ture.

Miseensi Nation of Islam tokko, isa ajjeesuu isaa amaneera.

Bara 2021’tti namootni lamaan biro isa ajjeesuun himatamanii turan, saba haqa dabsuu jedhuun manni murti Niw Yoork himata isaanii haqeera.

Waajjiri abbaan alanagaa Niiw Yoork akka yeroo sanatti abbootiin alangaa raga namooti kun lamaan yakka irra bilisa ta’uu isaanii mirkanessu beekaa dhoksuu isaani bira ga’ee booda, namoonni lamaan hidhaarraa gadhiifamaniiru.

Maatiin namoota dogoggoraan hidhamanii kunneen magalaa Niw Yoork beenyaa doolara miiliyoona 26’f, bulchiinsa Niw Yoork ammoo doolara miiliyoona 10’f himataniiru.