Ameerikaan deeggarsa biyyoota alaa hunda dhaabuuf ta'uu karoorri Tiraamp mul'ise

Ministeerri haajaa alaa US gargaarsa biyyoota alaaf taasisaa ture hunda akka dhaabuu fi haaraa kennuu akka hin eegalle karoorri ykn yaadannoon qondaaltotaa fi imbaasiiwwan ala jiraniif ergame ni mul'isa.

Labsiin US, erga Pirezidant Tiraamp Wiixata darbe jajawwan hedduu mallatteessee dhagahame, kun ifatti ibsamuu baatus karoorri kun miliqee ba'eera.

Tiraamp hanga bu'a qabeessummaa fi itti fufiinsa imaammata dhimma alaa isaa keessa deebi'ee sakatta'uun mirkaneessutti guyyoota 90f deeggarsa biyyoota alaa akka dhaabu ajajeera.

US gargaarsa biyyoota alaaf taasisuun gita hin qabdu. Bara 2023 doolaara biiliyoona 68 baasuun biyyoota alaa gargaarte jedha ragaan mootummaa biyyattii.

Karoorri ministeera haajaa alaa US kun misoomarraa eegalee hanga humna waraanaatti biyyoota hedduu miidha.

Deeggarsa adda kutuun kun gargaarsa nytaataa yeroo rakkoo taasifamuu fi tumsa humna waraanaa Masrii fi Israa'eliif taasifamu hin ilaallatu.

Qabiyyeen yaadannoo karooraa miliqee ba'ee kun BBCdhaan mirkanaa'eera.

"Hanga bu'a qabeessummaa fi itti fufiinsi isaa qoratamee mirkanaa'utti maallaqi ykn deeggarsi kennamu hin jiraatu,'' jedha yaadannoon hojjettootaaf qoodame.

Yaadannoon kun itti fufuun qondaalonni US ''qorannoo taasifamuun booda hanga ministeerri dhimma alaa murteessutti deeggarsi alaa akka dhaabbatu ni ajaju,'' jedha.

Akkaataa karoora haaraa kanaan deeggarsi alaa galma imaammata dhimma alaa Doonaald Tiraamp waliin akka walsimutti mijeessuuf guyyaa 85 keessatti qorannoon xumuramuu qaba.

Qondaalli olaanaan US, Ministirri dhimma alaa Maarkoo Raabiyoo deeggarsi Ameerikaan biyyoota alaaf taasistu kan jiraachuu yookiinis itti fufuu danda'u yoo Ameerikaa 'cimtuu, naga qabeettii ykn badhaatuu kan taasisu ta'e qofa,'' jedhanii turan.

Qondaala olaanaa ministeera haajaa alaa US kan turan tokko BBCtti akka himanitti labsiin kun biyyoota deeggarsa US eeggatanii jiraatanirratti ''dhiibbaa guddaa6'' qaba.

Duraan jaarmiyaa gargaarsaa- US Agency of International Aid (USAID) jedhamutti daarektara Baha Giddugaleessaa kan ture BBCtti wayita dubbatu tarkaanfiin kun xiyyeeffannaan ilaalamuu qaba jedhe.

Deeggarsa namoomaa fi misoomaa US biyyoota addunyaa garaagaraa keessatti taasistu kan hatattamaan dhaabsisuudha jedha.

Karoorri kun misoomaawwan bu'uuraa kanneen akka babal'ina pirojektiiwwan bishaanii, fayyaa, qulqullinaa fi dawoo baqattootaa kan deeggarsa US irratti bu'uureffate akkaan miidha jedha qondaalli duraanii US.

Gabaasi AFP deeggarsa biyyoota alaarraa kutuun Ameerikaa kun irra caalaa Yukireen miidha jedha.

Yukireen bara bulchiinsa Baayidan deeggarsa doolaara biiliyoonaan lakkaa'amutti shallagamu argachaa turte.