Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp gurgurtootni boba'aa gatii akka hir'isan gaafannaan, gatiin boba'aa hir'ate
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Sa'uudii Arabiyaa fi biyyoonni gamtaa alergitoota boba'aa (OPEC) biroo ''gatii boba'aa akka gadi buusan'' gaafachuun, doorsisa taarifa fayyadamuu dachaan akka gadi buusu ibsaniiru.
Tiraamp Waltajjii Diinagdee Addunyaa Daavoositti gaggeeffame irratti hoji gaggeessitootaaf haasawa taasisaniin, OPEC filannoo US'n dura gatii boba'aa gadi buusuu dhabuun isaa 'na ajaa'ibe' jedhan.
"Yeroo ammaa kana gatiin boba'aa akkaan qaala'aa waan ta'eef waraanni Raashiyaa fi Yukireen itti fufe" jedhan.
Raashiyaan kuufama boba'aa qabdutti fayyadamuun humna guddaa ittiin Yuukireen haleeltuu fi biyyoota kaan sodaachiftu horatte jedhu gabaasaaleen.
"Gatii boba'aa gadi buusuun waraanni sun akka xumuramu ni gargaara. Kanaaf biyyootni bob'aa ergitan gatii gadi buusuun waraana sana xumuruu dandeessu," jechuun dabalee ibseera
Pirezidaantichi gatii boba'aa ilaalchisee kan dubbatan Roobii ilma mootii Sa'udii Mohaammad Bin Salmaan waliin erga haasa'anii booda.
Akka miidiyaan Mootummaa Sa'udii jedhanitti Bin Salmaan waggoota afran dhufan keessatti hanga doolaara biiliyoona 600'n US keessatti invast gochuuf waadaa galaniiru.
Haa ta'uu malee lakkoofsi kun ibsa Waayit Haawus keessatti hin eeramne.
Hariiroo isaanii cimsuu hordofee , Tiraamp ''Mootummaa Gonfoo nama ajaa'ibaa ta'e kana maallaqa ittiin US 'tti invest godhu doolaara tiriliyoona tokkotti akka ol guddisu'' akka gaafatan dubbataniiru.
Yaada Tiraamp kana hordofuun gatiin boba'aa %1 gadi bu'eera.
Yaadni kun fedhii Tiraamp gatii boba'aa gadi buusuuf qaban waliin kan walsimu ta'uu ogeessi olaanaa dinagdee fi dhimma jijjirama qilleensaa Deeviid Oksilii himaniiru.
"Dhugaadha, Sa'udiin gaaffii Pirezidaanti Tiraamp oomisha boba'aa babal'isuu fi gatii boba'aa addunyaa gadi buusuuf dhiyeessan dhaggeeffachuuf wabii hin argattu turte" jedhe.
Pirezidaantiin Ameerikaa waltajjii diinagdee addunyaa irratti karaa viidiyootiin mul'achuun isaanii erga jalqaba torbee kana sirna kakuu raawwaanna isaanii irratti dhaggeeffattoota addunyaaf haasawa taasisaniin booda kun isa jalqabaati.
Waltajjicha irratti dhaabbileen addunyaa oomisha isaanii US keessatti akka gurguratan ykn meeshaalee biyya alaatii galfamuun gabaa Ameerikaa seenan irratti taarifni cimaan akka isaan mudatu cimsee dubbate.
Gaazexeessaan BBC Oliivar Ismiiz yeroo pirezidaantichi haasawa taasisan bakka bu'oota waliin galma keessa kan ture yoo ta'u, hoji gaggeessitoonni haasaa booda galma keessaa yeroo bahan ''fuulli dhagaa muraasni'' akka turan himaniiru, garuu gammachuun tokko tokkos ni mul'ateera.
Gaazexeessaan BBC, Oliivar Ismiiz, yeroo Pirezidaantichi haasaa isaanii taasisan bakka bu'oota waliin kutaa keessa kan turan, hoggantoonni muraasni haasaa booda galma keessaa yeroo bahan ''fuulli isaanii gurraacha'ee'' akka turan, garuummoo tokko tokkorras gammachuun akka dubbifamu hime.
"Haasaa baayyee humna qabu tokko ture, natti toleera, dhuguma gaarii natti fakkaate" jedha namni biraa, bakka bu'aan US irraa dhufe.
"Baay'een isaa hiika qaba ture. Yaada waliigalaa. Daldala haqa qabeessa qofa barbaada", jechuun dabalee ibseera.
Hojii gaggeessaan Siwiizarlaand tokko garuu yaada baay'ee gadi bu'aa ture. "Wanta haaraa miti, garuu maal gochuu akka barbaadu ifaadha", jedhan.
"Gammaddeeraa ? isa jedhuuf Lakki hin gammadne, sababni isaa addunyaaf waan hamaa natti fakkaata," jechuun dabalee dubbateera.
Tiraamp bara aangoo pirezidaantii isaanii dura turan gatiin akka gadi bu'u gochuun, yeroo Pirezidaantii Joo Baayiden turanitti hanqina jabaa fi gaaga'ama dinagdee fideera jedhan.
"Kun kan jalqabu jeequmsa dinagdee imaammata bulchiinsa darbe fashalaa'een uumame fuulduratti ba'uu irraati," jechuun dubbatan
"Waggoota afran darban keessatti mootummaan baasii hanqina qisaasamaa doolaara tiriliyoona 8 walitti qabuun, uggura anniisaa diiguu, dambiiwwan laamsha'aa fi gibira dhokataa akka kanaan dura hin beeknetti kaa'uun biyyatti cabseera."
Tiraamp wiirtuuwwan daataa sammuu namtolchee AI barbaachisaniif "gaarii, qulqulluu, humna" jechuun dubbataniiru. "Humna yeroo ammaa US keessatti qabnu dachaa lama gochuu qabna, AI hamma nu barbaachisu guddaa ta'a."jedhan