Ugaandaatti lakkoofsi dhiirota abbaa ijoollee isa dhugaa ta'uu baruuf qorannoon godhan dabale

Ugaandaatti lakkoofsi dhiirota abbaa ijoollee isa dhugaa ta'uu baruuf qorannoo godhanii dabale

Madda suuraa, TRACY NAKUBULWA

Ugaandaa keessatti lakkoofsi dhiirota abbaa daa'imaa isa dhugaa ta'uu isaanii baruuf qorannoon gaggeessanii dabaluun biyyattii keessatti ijoo dubbii ta'ee, yaaddoo maatiin diigamee ijoollees rakkoo xiinsammuuf saaxila jedhu uumeera.

Barruun biyyattii tokko abbaan qabeenyaa guddaan haadholii warraa hedduufi sanyoo hedduu qabu, haadha warraa isaa tokko waliin erga wal dhabee booda qorannoo abbaa ta'uu isaa mirkaneessu erga gaggeessee booda ilmaan isaati warra jedhaman 25 keessaa 15 qofaaf abbaa isa sirrii ta'uun mirkanaa'e jedhee gabaase.

Gabaasa kana booda dhimmi qorannoo abbaa dhugaa ta'uu mirkaneessuu fi oduun kun dubbii ijoo ta'eera.

Maatiin dureessa kanaa dhimma kana irratti yaada hin kennine. Oduun kunis qaama walabaa irraa hin mirkaneeffamne.

Dubbiin kun garuu akka abidda saafaa babal'ate. Abbootiin seeraa tokko tokko dhiironni qorannoo kana gaggeessuun maatiifi ijoollee isaanii siqiiqi keessa galchuu akka dhaaban gaafataniiru.

''Akka abbootiin keenya durdurii jiraatanitti haa jiraannu. Daa'imni mana kee keessatti dhalate kan keeti'' jedhan Ministirri Misooma Albuudaa biyyattii Sarah Opendi yaada paarlaamaa irratti kennaniin.

Itti dabaluunis abbaan, abbaa isa sirrii ta'uu mirkaneessuuf qorannoo yoo fedhe wayita daa'imni dhalatu malee erga guddatanii booda miti jedhan.

Gaazexaan dhuunfaa Monitor jedhamu dhimmi qorannoo abbaa dhugaa ta'uu mirkaneessuu rakkoon kun maatii keessa rakkoo hamaa fidaa akka jiru agarsiiseera.

Akka barruun kun gabaasetti lammiin Israa'eel biyyattii keessa jiraatu qorannoo DNA erga godhee booda mucaa ji'a jahaa manaa qabaniif abbaa akka hin taane wayita beeku haadha warraa isaa ajjeese. Nama kanarratti himatni hin banamne.

Ministeera Dhimma biyya keessattii dubbii himaa kan ta'an Simon Mundeyi, qorannoon DNA daa'imaa fi ijoollee irraa saamuda fudhachuun raawwatamu walakkeessa Waxabajjiitti dachaa 10'n dabalee jedhan.

''Amma dura guyyaatti gidduugaleessaan nama 10 ta'ut laaboraatoorii qorannoo mootummaatti qorannoof dhiyaata ture. Amma garuu guyyaatti gidduugalaan nama 100 ta'utu dhufa. Lakkoofsichi ammayyuu dabaluu itti fufeera'' jedhan.

Kiliinikoonni dhuunfaas carraa kanatti fayyadamuuf beeksisoota adda addaa duuba taaksiiwwaniifi biilboordii daandiirratti maxxansaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ugaandaa keessatti meeshaaleen qorannoo DNA sirrii hin taane galanii bu'aa dogoggoraa kennaa jiru jedhamuunis gabaafameera.

Kana hordofees bu'aa qorannoo sobaan rakkoon hammaataan akka hin dhalanne sodaa uumeera.

Ministeerri Fayyaa rakkoo kana ilaalcha keessa galchuun dhaabbileen qorannoo DNA gochuu danda'n kanneen beekamtii qaban sadii qofa akka ta'an murteesseera. Isaanuu laaboraatooriiwwan mootummaati.

Daayireektarri Fayyaa Hawaasaa Daani'eel Kiyaabayinzee qorannoon gaggeefamaa jiru miidiyaa hawaasaa irratti humnaa ol haarbeffameera jedhan.

Amma qorannoon kun wayita gaggeefamu maatiifi ijoolleef gorsi ogeessaa gahaan kennamuu mirkaneessuu akka qaban himan.

''Ergaalee miidiyaa hawaasaa sababa qorannoo kanaan maatiin diigamaa jira, haleellaan saalaas raawwataa jira jedhu argaa jirra. Sababa bu'aa qorannoo kennameen kuni raawwatamaa akka hin jirre mirkaneessuu feena'' jedhuunis BBC'tti himan.

Dhimma kana irratti yaadni uummataa lamatti qoodameera. Jiraataan magaalaa Kaampaalaa Bwette Brain, yaada BBC'f kenneen ''Dhiirri ijoolleen dhugumatti kan isaa ta'uufi dhiisuu adda baasuuf mirga qaba jedheen amana. Ijoolleen dirqamoota maatiiti. Daa'imni kamuu maatii isaanii sirrii beekuu qabu'' jedha.

Tracy Nakubulwa ammoo kanatti walii hin galtu ''galiiwwan gaariinfi maatiin sababa qorannoo abbaa dhugaa ta'u mirkaneessuun yeroo gargar bahan, ijoolleen yoo miidhaman argeera'' jetti.

Quuqamtuun mirga namoomaa Lindsey Kukunda ammoo haadholiin warraa dhoksaadhaan hariiroo jaalalaa qabatanii abbaa warraaf daa'ima fiduun waan haaraa mitii jedhu.

''Abaabileen keenya godhaniiru, akkawwonni keenya godhaniiru, harmooliin keenya godhaniiru'' jetti.

Abbootiin warraa haadha warraa daa'ima hin godhanne akkuma tole jedhanii hin bulfanne, haadholiin warraas abbaa warraaf daa'ima fiduuf jecha rakkoon abbaa warraa bira jiru dhoksuuf dhiira biraa bira ni deemu jetti.

Abbootiin warraa alaa daa'ima dubartii biraarraa godhatan fidanii haati warraa akka guddistu godhanii amma qorannootti fiiguun haqa miti jechuunis falmiti.