Obbolaan lamaan qorannoo DNA 'qoosaaf' godhameen wal baran

Madda suuraa, Faraah
Dubartiin Ingilaand magaalaa Poontekiraaft irraa taate qorannoo DNA "qosaaf" gooteen obboleessa takkaa wal hin beekne argatte.
Faraah Kihiiljii-Holmis qorannoo DNA kan goote maatii ishiitiin "ani isinirraa adda" jechuuf ture.
Booda bu'aan qorannoo ishee nama Kaanadaa jiraatu Istiiv Booltan jedhamu waliin wal-fakkaataa ta'ee argame. Jarri lamaan wal-arganii yoo haasa'an abbaan isaanii tokko ta'uu baran.
Obboleessa ishii amma dura wal-hin beekne tasa argachuun 'daran gammachiisaadha' jette Faraah.
Dubartiin ganna 52 kun "qorannoo DNA kan godhe bakka dhaladheetti daa'ima biraan wal-jala geeddaramuu akka hin oolle waanin shakkuuf akkuma qoosaatti ture, kuni ni ta'a jedhee hin eegne" jette.
"Jalqaba DNA keenyatu wal-fakkaata malee obboleessa haata'uu, durbii haata'uu hin barren ture.
"Haadha kootu bira gahe - jalqaba Istiiv viidiyoon gaafa agarru ija keenya amanuu hin dandeenye, abbaadhuma keenya waan agarre nutti fakkaate."
Istiiv Booltan nama ganna 62 yoo ta'u, torbee kana Kaanadaa irraa gara Ingilaand imaluun obboleettii isaan wal argeera.
Osoo akkawoo isaa waliin gara Jamaayikaa deemee boodas guddiffachaan Kaanadaatti hin kennamiin dura Ingilaandi keessa iddoo kunuunsa daa'imman warra hin qabnee akka ture hima.
Qorannoo DNA godhameen obboleessa biraa Ingilaand Hertifoordishaayar jiraatu argachuus hima.
"Wayita haati koo najalaa duutu, waraqaa ragaa dhaloota akkuman argadheenin abbaakoo barbaacha eegale," jedha.
"Intarneetiirra barbaada ergan ture booda qorannoo DNA godheen durbiiwwan koo muraasa argadhe."
Hanga yeroo obboleettiin isaa reefu argate Faraah bu'aa qorannoo DNA ishii galmeessiftuutti garuu guutummaatti abbaa isaa hin barre ture.
Obboleettii isaa dubbisuuf Kaanadaa irraa gara Ingilaandi erga imalee booda, lamaanuu waliin ta'uun iddoo awwaalcha abbaa isaanii daawwataniiru.















