Qorannoon DNA durii addunyaa waggaa miliyeena lama dura bade agarsiise

Bineensota fi bosona

Madda suuraa, BETH ZAIKEN

Qorannoon DNA bara durii irratti gaggeeffame naannon Arkitikii waggaa miliyeena lama dura yeroo haalli qilleensa isaa ho'aa ture maal akka fakkaatu agarsiise.

Kaabni Giriinland har'a lafa gogaa fi duwwaa ta'e kun dur bosonaa fi bineensotaan kan guutame ture.

Biyyee naannichatti argamu irraa sumudni fudhatamee qorannoo gaggeefameen naannichatti dur biqiloonni fi bineensonni garaa garaa jiraachuu agarsiisa jedhame.

Saayintistoonni qaccee sanyii bineensota akka arbaa fi mukkeen naannoo poolarii akkasumas biqiloota bishaan keessaa irratti qorannoo gaggeessudhaani murtoo kana irra kan gahan.

Yuunivarsiitii Koppanhagen fi Yuunivarsiitii Kaambiriij irraa qorannoo kana kan gaggeesse Pirofeessar Iske Willarisleev jedhama.

Qorattoota sumuda biyyee yeroo fudhatan

Madda suuraa, NOVA/ HHMI TANGLED BANK STUDIOS/ HANDFUL OF FILMS

Qorannichi kan gaggeeffame Kaaba Giriinlaanditti yoo ta'u waggaa miliyeena lama duubatti deebi'anii bakkichi maal fakaata akka ture hubachuun rakkoo ture. Hafteen bineensota bara sanaa naannichatti baay'ee xiqqaadha.

Kanarraa kan ka'e qorattoonni qorannoo DNA naannoo ykn eDNA irratti xiyyeeffachuu eegalan. Sumudni qaccee sanyii kun biqiloota fi bineensota irraa naaannicha sanatti kuufaman irraa fudhatame.

Malli kun kunuunsa naannoo keessatti bal'inaan hojiirra oolaa jiruudha. Fakkeenyaf DNA copha bishaan galaanaa keessatti argamu tokko qorachuudhan uumama bishaanicha keessa jiraatan hunda agarsiisuu ni danda'a. Uumama ijaan argitanii hin beekne illee yoo ta'e jechuudha.

Giriinlan keessatti qorattoonni sumuda biyyoo bara durii fudhachuun waggoota miliyeena lama dura sirnakkoon bosonaa, mukkeetin xixxiqqoon, mukkeen baalli isaanii qorichummaaf oolu fa'aa akka turan arganne jedhan. Waggoota miliyeena lama dura Kaabni Giriinland yeroo ammaa caala hoo'aa ture. Teempireecharri naannichaa giddu galeessan digrii centigireedii 11-19 tures jedhama.

Qorattoota DNA qoratan

Madda suuraa, NOVA/ HHMI TANGLED BANK STUDIOS/ HANDFUL OF FILMS

Biyyoo irraa DNA fudhatanii qorannoo gaggeessun salphaa hin turre- gareen kun mala filatamaa ta'etti dhimma bahuuf waggoota dheeraa itti fudhate.

Wantoonni qaccee sanyii irraa fudhatan (genetic materials) waggoota hanga kana taa'uu hin danda'an jechuun illee abdii muratanii turan. Pirofeesar Willarisleev, "Bara 2005 waraqaa qorannoon barreessen qacceen sanyii (DNA) waggoota miliyeena lamaa ol jiraachuu hin danda'u jedhee barreessen ture, garuu kunoo DNA waggaa miliyeena lama guute argannee jirra" jedhan. Wal-nyaatinsi keemikaala DNA fi biyyee gidduutti gaggeeffamu waanti tokko dafee akka hin bososne godha.