Qulqullinni warri Jaappaan 'jiruufi jireenya isaaniin akka boonan taasiseera'

Jaappaan Waancaa addunyaarratti Jarmaniin duubaa kaatee injifachuun seenaa guddaa ta'us, deeggartoota aadaa fi barmaata isaanii raawwachuurraa hin danqine.

Dirree kubbaa miilaa keessatti taphni yeroo xumuramu istaadiyoomiin balfa adda addaan guutamee, deeggartootni qaamni biraan akka qulqulleessu achumatti dhiisanii bahuutu baratamaadha.

Warra Jaappaan biratti garuu faallaadha. Balfa arginaan bira hin darban. Qulqullinni guddisa isaanii keessatti iddoo guddaa qaba.

Kanas guyyaa jalqabaa Waancaan Addunyaa Kaataar eegale Ikuwaadoor keessummmesituu dorgommichaa yeroo injifattee taphni xumuramu, warri Jaappaan Istaadiyoomii keessaa wanna itti fayyadaman yeroo sassaaban mul'ateera.

Roobii kaleessaas gareen biyyaalessaa Jaappaan injifannoo seena qabeessa Jarman irratti yeroo galmeessu, gammachuun machaa'anii barsiifata isaanii hin dhiifne.

Gareen isaanii injifannoo booda dirree gadhiisee bahus deeggartootni Istaadiyoomii Kaliifaa Internaashinaal keessatti waan itti fayyadaman mara sassaabaa qulqulleessaa turan.

Waancaa addunyaarratti deeggartootni Jaappaan gocha kana yoo raawwatan kan Kaataar kun kan jalqabaa miti.

Waancaa Addunyaa Raashiyaa bara 2018 irrattis gareen isaanii ramaddii isaarraa darbee Beeljiyeemiin 2-3 yeroo injifatames akkasuma istaadiyoomii qulqulleessanii bahan.

Deeggartoota qofa miti, taphattootni Jaappaanis kutaa huccuu itti jijjiiratan injifannoo Jarman kaleessaa booda qulqulleessanii hoteela miidhagaa fakkeessanii bahan.

Jaappaanitti qulqullinni qaama aadaa isaaniiti. Ijoollummaa irraa qabee ittiin guddatu.

Yunivarsiitii biyya Jaappaan Osaakaa keessatti ogeessa qorannoo hawaasaa kan ta'an Iskoot Noorz, bara 2018 dhimma aadaa qulqullinaa warra Jaappaan irratti BBC'f yaada kennaniin ''jiruufi jireenya isaaniin akka boonan taasiseera'' jedhanii ture.

''Tapha kubbaa miilaa booda qulqulleessuun amala mana barnootaatii fudhatanii bahaniidha, ijoolleen mana barnootaatti daree isaaniifi koriidarii mara qulqulleessanii bahu,'' jedhan.

Amalli warra Jaappaan kun miidiyaa hawaasaa gubbaatti leellifamaa jira.

Gareen Jaappaan kan Jarmaniin injifate ramaddii E jalatti Dilbata dhufu Koostaarikaa, Kamisa itti aanu ammoo Ispeen morkata.

Gareen kun qabxii kamiyyuu ammaa booda osoo argatee deeggartootni biyyattii garuu guutuu addunyaatti hojii gaarii isaaniin injifataniiru.