Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raadiyoon Moqaadishoo akkamiin eegale, gumaachi Afaan Oromoof taasise hoo?
Bara 2011 Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa-UNESCO'n yaadisaa dhiyaatee, bara 2012 yaa’ii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniirratti erga mirkanaa’ee booda Guraandhalli bultii 13 waggaa waggaan Guyyaa Raadiyoo Addunyaa jedhamuun kabajama.
Kaayyoon guyyaa kanaa hariiroo raadiyoo fi dhala namaa akkasumas ga’ee raadiyoon jiruu fi jireenya dhala namaa keessatti qabu yaadachuudha.
Guyyaan kun bara kana yeroo 12ffaaf mata duree ‘Raadiyoo fi nageenya’ jedhuun kabajama.
Miidiyaan taateewwan dhala namaa ilaallatan hunda keessaahuu ga’ee kan qabu yoo ta’u tolchuu fi balleessuu keessatti ga’ee ga’ee gumaacheera.
Michuu dhala namaa jedhamuun kan beekamu raadiyoonis miidiyaa hunda dura jiruu dhala namaa keessatti dhiibbaa guddaa qabaachaa ture.
Jaarraa waraanni bakkaa bakkatti hammaate kanatti qabiyyee dhibdee tasgabbeessu dhiyeessuun qaama furmaataa ta’uu keessatti raadiyoon gumaachuu akka qabu jajjabeessuun kaayyoo guyyaa kanaa isa ijoodha.
Raadiyoon seenaa, afaan, aadaa fi aartii sabaa kunuunsuu fi guddisuu keessattis qooda olaanaa gumaacheera.
Uummata Oromoo biratti akkaan kan beekamuu fi hundee Afaan Oromoo jedhamuun kan beekaman Raadiyoo Moqaadishoo, Raadiyoo Harar, Raadiyoo Jimmaa kan jedhaman guddoo beekamu.
Guyyaa Raadiyoo Addunyaa bara kanaan walqabsiisnee seenaa Raadiyoo Moqadishoo akkasiin isiniif qixeessineerra.
Raadiyoon Moqadishoo akkamiin eegale?
Bara 1960oota keessa mootummoonni Itoophiyaa fi Somaaliyaa wal-dhibdee keessa turan, tokko kaanirratti olaantummaa argachuuf mala adda addaa fayyadamaa turan.
Waggoota 30 oliif miidiyaa keessa kan hojjetan gaazexeessaa fi barreessaa Isaayyas Hordofaa, barri Raadiyoon Moqaadishoo hundaa’e bara bulchiinsi Pireezidantii Somaaliyaa yeroo Sanaa Mohammad Ziyaad Barree fi mootiin gonfoo Itoophiyaa Hailesillaasee walqoccolan ture jedhan.
''Yeroo sana warri Somaaliyaa namoota Itoophiyaa keessatti dhiibbaa uumuun beekamanitti fayyadamuun holola (propaganda) dabarfataa turan. Gama Itoophiyaanis deebiima akkasiitu ture,’’ jedhan.
Osoo warri Somaaliyaa hin eegalin dura naannoo bara 1950 Afaan Somaaleen Finfinneerraa darbaa ture kan jedhan Obbo Isaayyas, ''innis qabiyyee mootummaa Somaaliyaarratti dhiibbaa uumu ture,’’ jedhan.
Bara sana keessa waldhibdeen Itoophiyaa fi Somaaliyaa lafarratti waan tureef mootummaan Somaaliyaa lafa qabatee fi qabachuuf hedu qabiyyeesaa ta’uu uummata amansiisuuf Afaan Amaara fi Afaan Oromoon Raadiyoo eegale jedhan.
''Kutaalee mootummaan Somaaliyaa qabachuuf waraana bane kanneen akka Harargee fi Baalee keessatti afaan Somaalee bal’inaan dubbatama. Kanaaf raadiyoo Moqadishoo jedhanii Afaan Oromoos itti dabalanii banan. Afaan namni hundi dhagahuun uummata amansiisuuf ture,’’ jechuun ka’umsa Raadiyoo Moqadishoo ibsan.
Raadiyoon Moqaadishoo kun bara 1965 eegaluu, kan eegalan keessaas warri jalqabaa Sheek Mohammad Rashaad Abdullee, Ayyuub Abuubakar, Alii Gaa’ii kanneen jedhaman ta’uu ibsan Obbo Isaayyas Hordofaa.
Sheek Mohammad Rashaad Abdullee fi Raadiyoo Moqaadishoo
Namoota guddina Afaan Oromoof gumaacha olaanaa taasisan keessaa tokko kan ta’an Sheek Mohammad Rashaad Abdullee, Raadiyoo Moqaadishoo durallee mootummaa Somaaliyaa waliin hariiroo mishaa qabu turan jedhu ilmisaanii Sheek Kaalid Rashaad.
Obbo Isaayyas Hordofaa Sheek Mohammad Rashaad yaadi Raadiyoo Moqaadishoo osoo hin ka’iniyyuu Kaayiroo irraa Afaan Oromoon qilleensarra oolchuu eegalanii turan jedhan.
''Sheek Mohammad Rashaad amantiif qofa osoo hin taane walqixxummaa dhala namaaf qabsaa’aa turan. Afaan Oromoo akka guddatu ifaajaa turan. Hojiin isaan Kaayirootti hojjetaa turan Raadiyoo Moqaadishoof ka’umsa ta’e.’’
Sheek Mohammad Rashaad Abdullee namoota gameeyyii mootummaan Somaaliyaa [mootummaan Ziyaad Barree] itti fayyadamuuf abdate keessaa angafa turan jedhu ilmisaanii Sheek Kaalid Rashaad.
Sheek Mohammad Rashaad Yuuniversitii Islaamaa beekamaa biyya Masrii, kan magaalaa Kaayirootti argamu- Al-Azhar jedhamutti baratanii qabxii olaanaa galmeessuun achumatti ramadamanii hojjechaa turan.
''Bara 1963 diinii barsiisuu fi imama ta’uun tajaajiluuf mootummaan Masrii Somaaliyaatti isaan remade. Imaama masjiidaa ta’uun erga tajaajilanii yeroo muraasa booda mootummaan Somaaliyaa akka hojjetaa mootummaatti carraa kenneefii remade,’’ jedhan Sheek Kaalid.
Mootummaan Somaaliyaa Sheek Mohammad Rashaad fayyadamuun holola siyaasaa dabarfachuuf yaadus isaan garuu bakka mootummaan kenneef kana akka carraatti fayyadamuun seenaa fi afaan Oromoo guddisuu, mul’isuurratti xiyyeeffatan jedhan.
''Bara 1965tti Raadiyoo Moqaadishoo Afaan Oromoon eegalsiisan. Jalqaba daqiiqaa 15, achii daqiiqaa 30 booda hanga sa’aatii tokkootti dabarsaa turan,’’ jedhu Sheek Kaalid Rashaad.
Boodarras mootummaa Somaaliyaa [Mohammad Ziyaad Barreen] waldhabanii gara Sa’uudii Arabiyaa deemanii achumatti hafan.
Gumaacha Ayyuub Abuubakar…
Harargee bal’oo keessatti maqaa guddaa kan qabuu fi qabeenya hedduu qabaachuun kan beekaman abbaan Ayyuub Abuubakar atakaaroo Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu ture keessatti xiyyeeffannaa gam-lachuu turan jedhu namoonni dubbisne kunneen.
Ayyuub Abuubakar umrii dargaggummaatti (baayyee ijoollee ta’ee) Raadiyoo Moqaadishoo keessa hojjechuu eegale.
Sheek Mohammad Rashaad Abdullee raadiyoon Moqadishoo eegalsiisuun barnoota amantii Islaamaa fi guddina qubee afaan Oromoo irratti hojjetaa kan turan yoo ta’u, Ayyuub Abuubakar ammoo Afaan Oromoon oduu dhiheessuun gaazexeessaa jalqabaa ture.
Gameessi Aartii Oromoo Yonis Abdullaahii nama yeroo duraaf walleesaa karaa Raadiyoo Moqadishoo dabarsedha.
Gara Moqaadishoo imaluusaatiin duratti Ayyuub Abuubakar sagantaa Afaan Oromoo daqiiqaa 15 kan bulchiinsa Haayilasillaasee irratti xiyyeeffatu dabarsaa ture jedha.
Yeroo jalqabaaf raadiyoo irratti dhihaatee akka sirbuuf namni carraa kenneef Ayyuub Abuubakar ta’uu hima Weellisaa gameessi Yonis Abdullaahii.
Bara Itoophiyaa keessa 'Afaan Oromoo raadiyoo cabsa' jedhamu sanatti, ''Obsi mee itti dhiisi sirba jettuun fuudhee gale guyyaa jalqabaaf,'' jedha.
Erga Yonis Raadiyoo kana gubbaa hojii eegalee booda, sagantaan daqiiqaa 15 ture gara 30tti ol guddate. Kanaanis oduun alatti yeroo jalqabaaf sirbi lama itti ida'ame.
Booda mootummaan Haayilasillaasee tikoota isaa gara Somaaliyaa ergee bara 1968 Ayyuub Abuubakar ajjeesise jedha Weellisaa Yonis.
Raadiyoon Moqaadishoo hanga bara 1975tti akka ture himan Obbo Isaayyas Hordofaa.
Jalqabbiinsaa holola mootummootaaf ta’us eegalamuun Raadiyoo Moqaadishoo guddina afaan, seenaa fi miidiyaa Oromoof bu’uura cimaa ture jedhan.
Hariiroo Raadiyoo Moqaadishoo fi Raadiyoo Harar
Mootummaan Hayilasillaasees akkuma mootummaa Ziyaad Barree mala-maltee garaagaraa fayyadamuun holola gaggeessaa ture kan jedhan Obbo Isaayyas, ‘’Raadiyoo Harar kan eegaleef holola Raadiyoo Moqaadishoon darbu ofirraa faccisuuf,’’ jedhan.
Gaazexeessaan hangafaa Ayyuub Abuubakar kan mallattoo Raadiyoo Moqaadishoo ta’e erga ajjeefamee booda, namni isa gituu fi dandeettii ajaa’ibaan qalbii namoota hedduu hawwate Abuubakar Muusaa bakka bu’e jedha Weellisaa Yonis Abdullaahii.
Mootummaan Haayilasillaasee raadiyoo Moqadishoo cufsiisuuf malli fayyadame, hojjettoota achi turan hiraarsuu qofa miti, sagantaa raadiyoo gabaabduu Hararitti banuun mala malatee tokko ture jedha Raadiyoo Harar keessatti qophiilee bashannansiisoo hojjechuun kan beekamu Jaafar Alii.
Yeroo sana yaadaa-qalbiin uummataa guutummaatti Moqadishoo ture kan jedhu Jaafar, kun moootummaa Hayilasillaaseef sodaa guddaa ture jedha.
''Kana cabsuu ni barbaadu, ammoo Finfinneerratti bannaan uummanni Oromoo achirratti tokkooma jedhanii sodaatu. Yoo itti dhiisan ammoo uumanni gara bahaa (Harargee) kan Moqadishoo waliin walta'a. Kanaaf 'Qophii Afaan Oromoo' sagantaa jedhu banan.''
Garuu haa banamuyyuu malee dhiibbaa guddaa jala ture. Hanga dhufee mootummaa TPLF ga'utti qormaata guddaatu isa mudataa ture.
''Raadiyoon kun maqaa Oromoo jedhu qabatee lafaa ka'ee waan gabbiseef kun akka itti fufu hin jaal'atan turan,'' jedha Jaafar.
Gaazexeessitoonni gameeyiinillee sababa dhiibbaa garaagaraan kan lubbuunsaanii aarsaa ta'e akkasumas kanneen hidhaman turan.
Kanneen keessaa gameessi baandii Afran Qalloo bu'uuressee, booda Raadiyoo Hararitti lubbuu hore Abuubakar Muusaa nama adda durummaan eeramuudha.
Dararaan bara bulchiinsa Haayilasillaasee Afran Qalloo keessatti isa mudachuu eegale, bara bulchiinsa Dargii ammoo fuuldura istuudiyoo Raadiyoo Hararitti lubbuusaa gaaga'e.
Namni raadiyoo kana bu'uuresse kan qophii raadiyoorratti dhiyeessuun maqaa masoo argate Abdii Qophee (Mohaammad), gootaraan aartii Oromoo ga'ee bakka bu'aa hin qabne gumaacheera.
Raadiyoon Moqaadishoo Aartii fi Afaan Oromoof maal gumaache?
Gaazexeessaa gameessi Isaayyas Hordofaa Raadiyoo Harar keessa wagga ja’a hojjetaniiru.
Tajaajila Oduu Itoophiyaa akkasumas Raadiyoo fi TV Itoophiyaa keessas yeroo dheeraaf hojjetaniiru.
‘’Afaan Oromoo akka jibbamaa fi arrabsamaa tureen hacuuccaa cimaa jala ture, sabichis akkasuma. Garuu Afaan fi Aartiin akkasumas seenaan sabichaa dagaaguun uummanni Oromoo akka walhubatu godheera miidiyaan kun,’’ jedhan.
Wayita bara 1973 Raadiyoo Harar seenan uummanni Bahaa fi Dhiha Oromiyaa osooma afaan tokko dubbatuu guddoo wal hin hubatu kan jedhan Obbo Isaayyas, ''anarraa eegalee jijjiiramaa guddaatu uumame. Akka nuti of beeknee walis beeknu nu godhe,’’ jedhan.
Weellisaa gameessi Yonis Abdullaahii Itoophiyaa keessatti ''Afaan Oromoo Raadiyoo cabsa’’ jedhamaa waan tureef wallee qopheeffate hedduu hawaasa biraan ga’uuf carraa osoo hin argatin turuu fi yeroo jalqabaaf karaa Raadiyoo Moqadishoo qilleensarra ba’uu himeera.
Raadiyoon Hararis dantaa siyaasaa Hayilasillaaseef haa eegalamuyyuu malee artistoota Oromoo hedduuf carraa baneera.
Keessattuu gareen aartii gameessi Baha Oromiyaa- Baandiin Afran Qalloo Raadiyoo Kanaan guddoo fayyadame.
Akkuma Ayyuub Abuubakar Raadiyoo Moqaadishoo keessatti aartii Oromoof carraa kennaa ture, Abuubakar Muusaa ammoo Raadiyoo Harar seenuun aartii Oromoof carraa guddaa uumeera.
''Kaayyoonsaa waan fedhes ta’u afaan tokko afaan miidiyaa ta’uun waan salphaa miti. Oromoonni Itoophiyaa keessa jirru hundi waldhagahuu kan jalqabne bara sana jechuu nan danda’a,’’ jechuun gumaacha miidiyaa kanaa ibsan.
''Aadaa walii baruu, walta’iinsa afaanii, hojiiwwan diraamaa fi qoosaawwan akkasumas sirboota ammayyaa, hundaa ol ammoo miidiyaalee amma lafa guutaniif ka’umsa ture,’’ jedhan.