Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waa'ee raadiyoo hangafaa Afaan Oromootiin tamsaasuu eegale kana beektuu?
Itoophiyaatti waggoota saddetamaan dura akka salphaatti raadiyoo ofii qabaatanii dhaggeefachuun haa turuutii daboodhaan bakka tokko dhaabatanii sagalee guddistuudhaan dhaggeeffachuunuu carraa namni hundi hin arganne ture.
Moggaasa maqaa Xaaliyaanii, Sheentereediyoo (centre of radio) ykn giddugala raadiyoo jedhuun raadiyoon bara Xaaliyaaniin Itoophiyaa weerartee (1936-1941) turte keessa Jimmatti hundeeffame.
Jidduu galli tamsaasa raadiyoo kunis, seenaa tamsaasa raadiyoo Afaan Oromoo keessatti isa dursaati, jechuun ogeessi seenaa godambaa magaalaa Jimmaa, Obbo Najiib Raayyaa BBC'tti himeera.
Sheentereediyoon Aanaa Maannaa Ganda Keellaa Guddattii jedhamu kan magaalaa Jimmaarraa fageenya kiiloomeetira shanirratti argamutti kan hundeeffamee ture yoo ta'u, ijaarsi isaa bara 1936'tti jalqabuun bara 1937 booda ammoo tamsaasa jalqabuuti himama.
Akka ogeessi seenaa godambaa, Obbo Najiib dubbatutti, teeknolojiin Sheentereediyoo naannoo bahumsa magaalaa Jimmaa daandii lixaan gara magaalaa Aggaarootti geessu kan magaalaa Jimmaarraa kiiloomeetira shan fagaatu irraa kan tamsa'u ture.
Achiinis meeshaan sagalee simatan ykn risiivara (receiver) kan dambalii tamsaasichaa fudhachuun mana qopheessaa magaalaa Jimmaa irraa gara sagalee guddistuuwwan (Speakers) bakkeewwan sochiin namootaa itti danatu jahatti tamsa'aa ture.
Magaalichatti bakkeewwan namoonni itti danatan jaha: Aweetuu Mandaraa, Qocii, Faranj-araadaa, Jireen, Mantiinaa, Shawaa-barrii fi Safara Salaam kanneen jedhamanitti jiraattonni ganama sa'aatii 2:00, guyyaa sa'aatii 6:00 fi galgala sa'aatii 12:00'tti dhaabatanii labsii fi odeeffannoo gara garaa hordofaa akka turan Obbo Najiib BBC'tti himeera.
Haata'u malee, ''Bara 1941'tti Xaaliyaaniin biyya gadhiistee, buufata raadiyoo Jimmatti hundeessites dhiiste baate.
Kanuma hordofuun ture mootichi Hayilasillaasee yeroo biyyatti deebi'an, kallaattiidhaan raadiyoon kun akka cufamu kan godhan,'' jedhu Obbo Najiib.
Sana booda ammoo Ingliziin guutummaa buufata raadiyoo kana buqqisuun gara Sudaan, Omduramaan geessite jedhu.
''Yeroo ammaa kanas dhaabbata Raadiyoo Omduramaan (Omdurman Radio Station) jedhamuudhaan Sudaanitti tamsaasa raadiyoo biyyaalessaa kennaa jira,'' jedhu ogeessi seenaa godambaa Obbo Najiib.
Kan akka hambaa seenaatti as godambaa kanatti argamu risiivara Sheentereediyoo yoo ta'u, mana qopheessaa magaalaa Jimmaa kan Xaaliyaanotaan ijaarame keessa ta'uudhaan dambaliidhaan tamsaasa raadiyoo buufata isaarraa darbu fudhatee gara sagalee guddistoota magaalaa Jimmaatti tamsaasaa turedha.
Turtii waggoota shanii Xaaliyaaaniin Itoophiyaa keessa turteen, misoomni ijaarsa magaalaa, riqichaa, manneen barnootaa, sinimaa fi gamoolee bashannanaa hedduun magaalota Itoophiyaa gara garaa isaan buufatanii turanitti har'allee hambaa ta'ee hafee jira.
Seenaan hambaa biyya keessaa hatamee gara Sudaanitti fudhatame kun akka biyyaatti deebi'uuf adeemsi jalqabbiirra akka jiru dubbatu, ogeessi seenaa godambaa magaalaa Jimmaa BBC'tti dubbatan kun.
Sheentereediyoon afaanota meeqaan tamsaasaa ture?
Sheentereediyoon afaanota gara garaa shaniin tamsaasaa akka ture himu qorattoonni seenaa.
Afaanooti Sheentereediyoon ittiin tamsaasaa tures: Iswaahilii, Afaan Oromoo, Afaan Araabaa, Afaan Ingilizii fi Afaan Xaaliyaaniitiin tamsaasaa ture.
Afaan Oromootiin alatti afaanootii biyya biraa kunneen attamiin akka raadiyoo kanaan itti dhimma bahan ilaalchisees yunivarsiitii Jimmaatti qorataan Aadaa Oromoo fi gargaaraan pirofeesaraa Kamiil Mohaammad BBC'tti waan himan qabu.
Afaan Oromoo fi Arabaa bara bulchiinsa mootii Abbaajifaar 2ffaa magaalaa Jimmaatti akka afaan hojiitti kan dhimma itti bahamee ture jedhu qorataa Kamiil.
Iswaahiliin ammoo afaan gaanfa Afrikaatti bal'inaan dubbatamuu fi afaanonni Xaaliyaanii fi Ingilizii ammoo siyaasa bara sanaatti hariiroo fi hololaa idil-addunyaatiif waan isaan gargaaraniif itti fayyadamaa turan jechuun haalaa ture kan BBCtti himan gargaaraan pirofeesaraa Kamiil Mohaammad.
''Tamsaasni asitti bara 1937'tti eegale kunis tamsaasa raadiyoo Afaan Oromoo kan jalqabaati'' jedha Najiib Raayyaa.
Xaaliyaaniin raadiyoonii kan hundeessite hundaa ol holola mootummaa isaanii ittiin dabarsuu fi babal'isuudhaaf itti fayyadamaa turan.
Kanaafuu seenaa keessatti raadiyoo Afaan Oromootiin tamsaasuu eegale kan jalqabaa magaalaa Jimmaa irraa ture jedhu Obbo Najiib.
Haaluma kanaan hanga bara 1941'tti kan itti fufe yoo ta'u akkuma mootiin Hayilasillaasee Ingilizii, biyya itti baqatanii turanii gara Itoophiyaatti deebi'aniin akka tamsaasnii Sheentereediyoo magaalaa Jimmaa irraa tamsa'u dhaabsisani.
Kun ammoo, guddina raadiyoo Afaan Oromoo akkanni ittifufiinsa hin qabanne taasisuun, "Biyya keessatti dhorkamuun tamsaasa raadiyoo Afaan Oromoo diddaa gara garaa uumuudhaan, yaaliiwwan tamsaasa raadiyoo Afaan Oromootiin taasisuutti geesse.
''Bara 1965tti Ayyuub Abbubakar tamsaasa raadiyoo Afaan Oromoo Somaaliyaa Moqadishoo irraa tamsaasuu eegale. Sana booda ammoo 1972tti raadiyoo Harar kan jedhamu Harar irraa Afaan Oromootiin tamsaasaa ture," jechuun haala ture kan himan gargaaraan pirofeesaraa Kamiil Mohaammad.
''Bu'aa bahii hedduun booda, seenaadhuma Sheentereediyoo hordofuudhaan, bara 2010'tti ammoo raadiyoon hawaasaa yeroo jalqabaatiif Afaan Oromootiin yunivarsiitii Jimmaarraa tamsaasuu eegale'' jedha Kamiil Mohaammad.
Baroota weerara Xaaliyaanii keessa kutaalee Kibba Lixa Itoophiyaattis, ijaarsa magaalota Oromiyaa kan akka Jimmaa fi Aggaaroo keessattis bu'uura guddaa kaa'aniiru.
Kunimmoo ijaarsa gamoo fi riqichaan olitti guddina afaanii, fiilmii fi ogbarruu har'aatiif gumaacha mataasaa bahateera, jechuun Kamiil Mohaammad fayidaa tamsaasa raadiyoo Afaan Oromoo jalqabaBBC'tti himeera.
Kanamalees, boodarra Sheentereediyoon, bakka itti Afaworq Gabrayesuus, dubbi-himaan mootummaa Xaaliyaanii bara sanaa fi barreessaan asoosama dheeraa afaan Amaaraa jalqabaa kan ta'e Xoobbiyaa jedhamu itti hidhame ta'uus seenaan ni kaasa.
Bakki kun yeroo ammaa buufata waraanaa humna addaa Oromiyaa ta'uudhaan tajaajilaa jira.
Magaalaan Jimmaa magaalota Itoophiyaa gamoowwan jajjaboo umrii dheeraa qaban kan kaayyoolee bulchiinsaa, daldalaa, bashannanaa fi mana nyaataaf dhugaatiitiif Xaaliyaanotaan ijaaraman hedduun keessatti argaman keessaa ishee tokko akka taates seenaan ni yaadachiisa.